Friday, June 5, 2015

Hin callisin lammi iyya dhageessisi
Qabeenya kee dhabdee caljettee hin taa'inii
Dhaala abboota keetii kan UUMAAN siif kenne
Finfinnee fi naannooshee akkamiin saamamte
Pilaanii jedhanii maaf sigowwoomsanii
Jarri safuu hin beekne warri saamtuun suni
Tasa siif hin ta'uu hin gowwoomin lammi
Murannoodhaan ka'ii qabsoo amma eegalte cimii itti fufi[2]
Irree tokkoon ka'ii diinarratti duuli
Lafa kee deebisuuf  falma kee itti fufi
Ka'i kaabaa fi kibbaa bahaa fi dhiyaas iyyi
Dhumaatii ilmaan kee addunyaadhaaf himi
Ka'ii wal kakaasi garaa diinaa raasi
Qabsoo karaa dhugaa lolii galamaan ga'i
Diinaaf garaa hinhirin  walfana  bobba'i
Biyya keetti mo'i abbaa biyyaa ta'i.(2)
Hin dhaga'in takkaa oduu jara sanii
Maqaa misoomaatiin warra si sobani
Misoomni finfinnee oromoo wajjin
Kan lammiif hin taane missomni isa kamii?
Ilmaan oromoodhaa bakkeetti oofanii
Habashaa qubsiisuuf wanna karoorsanii
              Hin fudhatin takkaa oduu jara sanii[2]
Ni yaadattuu oromoo wanta nu godhani
waggaa dhibba dura kaabarraa dhufanii
Dhugaa balleessuudhaan soba addeessanii
Biyya abbaa qabu warri abuuranii
Finifinnee haqanii addisiin jedhanii
Ammas akkasuma wanni karoorsanii
Ni falmanna malee jarri  nu dhiisanii[2]
Waggaa saddeet dura maqaa godina addaan shirri eegalamee
Hubattuu yaa lammii kaayyoon isaa inni dhoksaan
Master  plaaniidhaan kunoo as baafamee
Oromoo balleessuuf jarri yoom taa'anii
Oromo dhag'i! atis hin rafin
Dhugaa kee deebisuuf walfaana hiriiri
Soba dhiigaan miici lafeen biyya ijaari
Diina amajaajii biyyarraa abaari
Biyya keetti mo'i akka odaa jaari.

 GOOTA
Ilmaan Oromoodhaa hudumtinuu goota
Gooti biyyaaf du'e  maqaa hedduu qaba
Xiqqaaf guddaa dhaan yeroo hunda faarfama
Bara dhufee darbuun lammiin yaadatama
Siidaan dhaabameefii seenaan yaaadatama
Warra jiran caalaatti haalaan jaallatama
Lama dhalatanii goototni Oromoo
Keessumaa barataan warri xixinnayyoon
Harka isaanii duwwaa kan diina raasani
Gaaffii dhugaa lammii kanneen gaafatanii
Qooda deebii argachuu rasaasa nyaatanii
Lakkii isaan hin duunee lama dhalatanii
Maqaa isaanii waamee garaa isin hinraasu
Gootni Oromoo hin duune lammiin haajabaatu![2]
Mee isinittan himaa warra duraan du'e
Dhugaa ani beeku eenyutu hubate
Akkuman dubadhe gootni Oromoo hin du'u
Warri du'an jiru kan garaan gowwoomse
Naasuu tokko malee kan biyya gurgure
Warra lammii isaaniif homaa dantaa hinqabne
Saaamamuu biyya isaaf kan garaan hin aarre
Har'a  buluuf malee kan boriif waa hinyaadne
Maqaa dhaaf AANGOOMEE kan biyyya hin gargaarre
Lammii fi biyya ganee kan diina gargaare
Isa akkasii kana inni duraan du'e
Lammiinsaa hundinuu kan isa abaare
Maaliif hin abaarru erga waa irraa dhabnee
Waaqaafi lafa duratti kan lammii isaa gane
Egaa yaa fira koo duuti akkasii lama
Lama duuti beektuu gadheen lammii gantu
Erga duutee booddee  tasa hin yaadatamtu
Maatiifi fira isheetiif seenaa gadhee keesssi
Gantuu lammii keessaa Rabbi ati balleessi![2]
Egaa yaa lammii koo waa tokkon dubbadhaa
Duuti goota Oromoo kan gantuurraa  addaa
Erga du'ee booddee seenaan yaadatama
Dubbachuu hin barbaanne  garuu nan dubbadha
Mee goota tokkon fakkeenyaaf  fudhadhaa
J/TAADDASAA BIRRUU eenyu kan hin beekne
Gooticha ilma Oromoo isa diina ganee lammii dhaaf waa fale
Lammiif   fannifamee  tokkittii lubuuusaa aarsaaf dhaaf  kaffale
Garuu hinduune jira sammuu lammii keessa
Gootni Oromoo hundi as jira nu keessa
Lafeen biyyya ijaaree dhiigaan soba miicee
Gara qabsoo dhugaatti Oromoo sassaabe
Jabaadhu hin gaddinii haadha goota deessee
Ilmaan kee hin duune lama dhalatanii
Kaayyoo itti uumamaniiif lammiif raawwatanii[2]
Egaa yaa lammii koo nutu waliif  jira
Addaan baafnee beeknaa du'a lamatu jira
Duuti Hantuutaafi Gantuu daran walfakkaatti
Gaafa Gantuun  duutu hudumatu  mufata
DU'A GOOTAA GARUU ORMUU NI BIRMATA
Akkam maaltu ta'een gaaffiitu baay'ata
Maarree yaa obbolootaa kanaan du'a jettuu
Goota seenaa hojjeteen maaf ni du'e jettuu
Gootni hin duuune jira kan du'e gantuudha
Akka gootni hin duune  AANNOLEEN  fakkeeya
Siidaa ijaarreefii daawwannaadhaaf keenya
Kitaabaan katabnee maqaa isaanii ol keenya
NUTI ISAANIIN BOONNA ISAAN ABBAA KEENYA[2]






Ethiopia: a giant prison

Seife Nebelbal Radio, June 5, 2015

Wednesday, June 3, 2015

http://finfinnetribune.com/Gadaa/2015/06/filannoo-wayyaanee-bara-2015-fi-haala-yeroo-biyyattii-keessaa-ilaalchisee-ibsa-qeerroon-bilisummaa-oromoo/