Monday, August 3, 2015

Amin Jundi:- ABOn jabaatu malee Carraan Oromoon qabu kan native warra USA fii Canada ala hinta’u


Qabsoon ummanni keenya roorroo diina jalaa bilisa ta’ee ulfinnaafi kabajaan jiraatuufi geeggeffamaa ture milkiin isaa bakka gayuu dhabullee injiffannooleen goonffatame kan akka salphatti shalagamuu miti. Keessattu qoodnni ABOn, kan ummata Oromootiin jaalatmu kan lubbuun ilmaan Oromoo qaqqaalii itti kafalameefi kafalaa jiran seena qabsoo Oromoo keessatti bakka oli’ana qaba.
Waggaalee diigdamman dabran kana keessa garuu ifaajeefi wareegaminni miseensonni ABO kafalaniin milkiileen argamani ergamittoota diinaatiin dhuunffatamee Oromoo gama abbaa biyyummaatti jijjiruun faallaye diinaafi ulee ta’udhaan miidhaa Oromoo irratti aggammatame osoo gatii keessa hingalichin yookan sodaachuun yookaan huminna itti dhabuudhaan alagaamma wajjiin Oromoo saamuufii hiyyomisuudhaan kan duraanii caalaa tofitaan abbaa biyyummaa dhabisiisaa hiyyummaa jaarraa haaraya jalaatti seenisisaa akka jiran hubachuun beekkumissafi qarooma guddaa hingaafatu.
Gama birootiin Adunyaan keessa jirru mirggi ilma namaa fedha biyyota guddataniifi (national interest) abbooti qabeenyaatiin lagatamee lubbuun nama tokkoo gatii dollara tokkoo hanqatte keessatti haqa keenya argachuufi carraaquun sakaallaa guddaa yeroo horate keessatti, yeroo dinootiin haarofinni biyya keenya dhuunfatan ummata keenyatti tofitaa haarayaan dureeyyi guguddoo adunyaa (wealth Corporation) wajjiin harka walitti naqatanii qabeenya biyya keenyaatiin tuuta qabeeyyii adunyaa keessatti ufi galmeessuufi carraaqan keessatti Oromoon mala xaxaa kana keessaa nubaasu walgaafachuufi carraaquu caalaa falli hafe hinjiru.
Qabsoo hanga ammaa mirga keenya deeffachuufi carraaqaa turre keessatti mooyachuu dadhabuu keenyarraa ufi keessa deebinee walkommachuufi walbaaleffachuun walqooduu fii walirraa baqachuu malee dhibeen guddoon qabsoo keenya qancarsse toofittaa wayyaaneen abbaa qabeenyaa ta’uudhaan mooraa dureeyyii adunyaa keessatti ufi galemeessudhaan biyya keenya gurgurittee ittin qabsoo qabsoo ummata Oromoo mataafi miila nudhoorguufi nurratti hojjatte kanaa gadi fageenyaan hubachuu dhabuudhaan diina caalaa walirratti hoachaa dhufuun keenya diina keenyaafi carraa guddaa laachuu caalaa qabsoo keenya qancarsse.
Dhiyyenya kanaa wayyaaneen filmaata barataamaa umrii isii ittiin dheereffachuufi yeroo hunda waggaa shan shaniin itti adunyaa fii ummata keenya gowwomistu namoonni hedduun akka waa jijjiirran tokko dhalachuufi deemu tilmaama yeroo argu hedduun raajawe. Wayyaaneen toofittaa biyya san keessatti filmaataan keessattu Oromoon akka sadarkaa oli’aana mootummaatti hindhufiine yeroon iisiin lafa kaayyatte dhufiisumma isii irraa ture. Wayyaaneen gaafinni isiin Oromoo angoo irraa fageessuufi shira bareeda lafa kaayatte gaafa sirnna bulchiinssa biyya yookan sirna bulchiinsa parlamaa sanii kan Presidantin ummataan filamu irraa gama muummicha ministeratti jijjiiriteedha. Osoo biyyiti sun akka USA, FranceBrazil fii kkf filmaanni nama biyya bulchuu ummataan filama ta’ee Oromoo hedduminna waan qabuufi carraa qaba ture. Kanaafi toofittaa bareedaa taphataniin dhaaba ufii keessatti mooti ta’an kan ufii ijaarataniin akka mooyu waan beekaniifi dura ta;an dhaaba ammoo bulchaa biyya akka ta’u sirna filmaata biyyaa akka biyya CanadaBritish fii KKF tutti gaafa jijjiiritte sagaleen Oromoo akka bakka hinqabaanne goote. Eega filmaataan Oromoo akka angotti hindhufinne qindeeffatte Oromoo hedduminna isaa bu’aa dhoggite booda biyyaa fii qabeenya Oromoon ittii dhaadatu ammoo mala biroo itti baafittee maqaa investemnet jedhuun biyya keennya saamitte irra hedduu ufii guurattee kan hafe ammoo mutumoota adunyaatii qooddee abbaa biyyummaa Oromoo dhabisiisuun qabsoon Oromoo abbaa biyyummaafi geggessu irratti adunyaan waldura nudhabuufi mala isiin kaayatteen arra akka ummanni keenya buqqa’aa jiru hubachuu nama hinrakku.
Wayyaaneen tofitaa Isreal ittiin warra filisxeen dachii isaanii irraa bitachaa kan humnaan irraa dhiiba warra filsixeen biyya malee hanbifitetti dhimma bayuudhaan gama tokkoon ufi duroomisuudhaan bakka fedhanitti Oromoo irraa dachii isaa irraa bitaa kan ammoo humnaan irraa buqqisaa gama kaaniin gama waraanaafi tikaatiin ufi utubaa humnna qabeenyaan guddate waraanaafi tikaan tikiffamu ufi godhuufi halkanii guyyaa ogeeyyota adunyaa irraa gorssa fudhataa nurratti hojjachaa Oromoo biyya dhabeessa godhaa jira.
Kun bifa kanaan osoo jiruu xaxaa fii shira qabsoo Oromoo marsee jiru kanatti nullee walqoqqooduufi walbalalffachuun tofittaa diina ittiin moonu osoo hintaane toofittaa itti walballeesinuufi walmoonu irratti hojjachaa wayyaaneefi yeroo laannee umrii gabrummaa ummata keenyarratti dheeressuu bira dabarree qooda seena qabsoo Oromoo keessatti laannes gatii dhooggaa jirra.
Arra yomiyyu caalaa qabsoon keenya marffama dangaa hinqabnne keessa seenittee ufii waajijjiiruufi tattaffachuu caalaa jijjiirama olloonni keenya kan akka ogaden fii Amhara biyya sani keessatti godhuufi tattaaffatan teennee irraa haasayuu dalagaa godhanne. Arra hamileefi abdiin ummanni keenya qabsaawota Oromoo irraa qabu baqaa dhufee sadarkaa dhaabota mormitoota Oromoo biyya keessa heerumma dhiigaan cuuphame wayyaaneen ittiin ummata keenya dararaa jirttu san akka waa jijjiiruutti kan itti ija deebisa jiran agarra.
ABOn ummata Oromoo biratti kan jaallatamuufi kan wareegaminni guddaan itti kafalameefi, ABOn kan ummata Oromooti kan isa jechisiise murnaaan maqaa ABO moggaaffachuu, maqaa hayyu duree ufitti moggaasuu, miseensa gumii sabaa qabaachuu sagalee radioo fiiwebsite qabaachuu akka hinta’in ummanni keenya ragaa nutti bayee tumsa isaa nurraa qabatee jira. ABO kan ABO isa jechisiisu moora Oromoon qe’ee hundaa keessaa burraaqan ta’uu isaa qofa akka ta’e hubataa hinjirru fakkaata.
Kanaafi carraan tokkochi qabnnu qabsaawota faffaca’anii maqaa dhaaba ABO moggaaffatanis ta’ee kan ABO irraa abdii murnnan fa’acanii jiraniifi maqaa birollee moggaafatani hunda moora tookkotti deebifiinnee ABO Oromoonni dangaa Oromiyaa hundarraa keessatti qabsaawan deebinne jabeessuun malaafi tofitaa diina kan kan midaalu qindeeffachuun qofa xaxaa dinni keenya tofitaa adunyaa qoratee itti dhimma bayuudhan qabsoo keenya mataa fii miila nudhooggee ummata keenya akka nativa warra USA fii Canada kanatti abbaa biyyaa kan mirga abbaa biyyummaa hinqabnne nugodhuufi carraaqan kana jalaa bayuun yoo waliifi araaraminnee tofittaa ittiin walmooyachuufi waggoota 15 dabran kana shaakalaa turre gama tofitaa diinaan itti mooyachuutti jijjiirachuu caalaa carraan tokkolle hinqabnnu.

Tuesday, July 21, 2015

Ibsa Tarkaanfii Waraanaa ABO | የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ወታደራዊ መግለጫ

Posted: Adoolessa/July 20, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments
Ibsa ABO … (the Amharic version is given below).

—-
Ibsa Tarkaanfii Waraanaa ABO
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n Humna Diinaa Magaalaa Harar Irraa KM-20 Qofa Fagaatee Ona Fadis Naannoo Bokkoo Bakka Bobbaasaa Jedhamu Qubatee Ture Barbadeesse. Loltoota Diinaa 28 Olis Hojiin Ala Taasise.
Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn, bilisummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf tarkaanfii haleellaa diina irratti fudhatu babal’isuu fi jabeessuu irratti argama. Tarkaanfii boonsaa tibbana Baha Oromiyaa keessatti fudhateenis injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Akka kanaan Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) Godina Baha Oromiyaa keessa sossohu Adoolessa 16, 2015 Baha Harargee Ona Fadis keessaa bakka Bobbaasaa jedhamu kan naannoo Bokkootti argamu mooraa qubsuma waraana Wayyaanee weeraruudhaan tarkaanfii rifachiisaa irratti fudhateen loltoota diinaa 28 ol hojiin ala gochuu fi meeshaalee waraanaa dabalatee qabeenya adda addaa booji’ee dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchuudhaan injifannoo cululuqaa galmeessuu Ajajni WBO Godina Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Tarkaanfii laalessaa WBOn qubsuma waraana wayyaanee Bobbaasaa jiru irratti fudhate kanaan diina irraa loltootni 13 yeroo ajjeefaman, 15 ol ammoo haalaan madeeffamuu kan ibse Ajajni WBO Godina Bahaa, meeshaaleen waraanaa qawwee AK-47 17, rasaasota gosa gara garaa 4000 ol, Boombilee harkaa 23, Hidhannoolee mudhii 27, Raadiyoo Quunnamtii (icom) 2, Mobile (cell phone) 6, kuufama galaa fi mi’oota adda addaa diina irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchuu addeessee jira.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Bahaa Caamsaa 16, 2015 Oborraa Ona Malkaa Bal’oo bakka Jalloo jedhamutti qondaala tikaa sirna wayyaanee kan naannoo sanii Huseen Ahmed Mussaa jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen ajjeesuun, akkasumas Caamsaa 23, 2015 Baha Harargee Ona Calanqoo araddaa ganda Goodii jedhamu keessatti poolisoota wayyaanee Mahaammad Abrahimii fi Umar Siyyoo jedhaman dhuunfatuun kan yaadatamuu dha. Kana malees Caamsaa 24, 2015ttis Humni Addaa WBO Baha Harargee magaalaa Harar bira naannoo Hundanee jedhamtutti ummatatti roorrisaa kan ture ajajaa humna poolisii naannoo kanaa Ajajaa 50 (Saajin) Abbabaa Asaffaa jedhamu irratti tarkaanfii maayyii fudhateen ajjeesuun gabaafame. Caamsaa 24, 2015ttis Harargee Bahaa Ona Haramaayaa bakka/araddaa Finqillee jedhamtee yaamamtu keessatti poolisoota Wayyaanee maqaa filannootiin lammiiwwan hiraarsaa turan 4 irratti lola baneen madeessuun ni yaadatama.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaas Caamsaa 30, 2015 magaalaa Moyyalee ganda 02 keessatti kan argamu mooraa Gumrukaa bakka waraanni Wayyaanee maadheffate haleeluun loltoota wayyaanee 12 ajjeesee, 15 ol madeessuun walii galatti loltoota 27 ol hojiin ala taasisuun ni yaadatama.
Adoolessa 6, 2015ttis waraana wayyaanee Ona Mi’oo ganda Meexxii qubatee jiru irratti tarkaanfii fudhateen 3 yeroo ajjeesu 4 ol madeessuun waliigalatti loltoota diinaa 7 ol hojiin ala taasisuun isaas kan yaadatamu dha.
Waraanni Bilisummaa Oromoo, mootummaa abbaa irree fi faashistii Wayyaanee humna afaan qawween ummata keenya irra qubatee mirga, bilisummaa fi biyya isaa sarbee cunqursaa dhala namaaf hin malle irraan gahaa jiru karaa irraa maqsee kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan gahuu fi fedhii fi hawwii ummata Oromoo dhugoomsuuf falmaa godhu daran jabeessee kan itti fufu tahuu irra deebi’ee mirkaneessa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 20, 2015
—–
OLF_2015

Tuesday, July 14, 2015

Oromo Community in North America Urges Mr. Obama Not to Meet Ethiopian Govt Officials Outside of AU Headquarters to Avoid Misuse of His Visit for Domestic Propaganda by the Undemocratic, Tyrannical Ethiopian Govt

Posted: Adoolessa/July 13, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments
The following is a press release from the Oromo Communities’ Association in North America (OCA-NA).
——-
July 7, 2015
President Barack Obama
The White House
1600 Pennsylvania Avenue NW
Washington, DC 20500
www.WhiteHouse.gov
Tel: (202) 395-2020
Subject: Your plan to Visit Ethiopia in July, 2015
Dear President Obama,
On behalf of the Oromo Communities in the United States, we, the Board of Directors and the Executive Committee of the Oromo Communities’ Association in North America (OCA-NA), are writing this urgent letter regarding your plan to visit Ethiopia in July 2015. OCA-NA is an umbrella organization of the Oromo communities, and represents thousands of citizen and legal residents of Oromo origin in the United States. It is organized to advocate for the human rights of the Oromo in Diaspora and those at home, in the Horn of Africa.
Like the majority of U.S. citizens and the global community, we were excited when you were elected as the president of the United States in 2008 and expected huge progress for all freedom loving people in the world. Your statement in Ghana, during your first visit to Africa in 2009, in which you promised your administration’s commitment to support “strong and sustainable democratic governments” in Africa and to deny assistance to corrupt and dictatorial regimes confirmed our hopes and widened our imaginations. Despite moments of frustration, over the last seven years, we have continued to hope for your strong support for democracy and freedom in Ethiopia. On several occasions, the Oromo communities have appealed to your administration and to you personally, regarding the repressive acts of the Ethiopian regime. Incidentally, the Oromo residents of Washington, DC Metropolitan Area and representatives of communities from many states were holding a peaceful rally in front of the White House when they learned the announcement of your planned visit to Ethiopia.
It is with shock and profound sadness that we received this message. We are afraid that your visit sends the wrong messages to both the government of Ethiopia and the people suffering from government’s repressive policies. First, your visit emboldens the dictatorial EPRDF regime and encourages it to implement even more destructive and undemocratic policies. Portraying your visit as an endorsement of its misguided actions, the regime intensifies the violence against innocent people, continues violation of human rights, further suppresses dissidents, stifles legitimate grievances of citizens, and displaces farmers, the youth and intellectuals. Your meeting and photo ops with Ethiopian government officials will be exploited to the maximum by the regime to subdue the people claiming that your administration fully supports its dictatorial practices and the unbelievable 100 percent victory in its sham elections. Second, the Oromo in particular, and the Ethiopian people in general, would lose hope. They would feel the most powerful nation and its president, whose speeches and actions they passionately follow and expect highly from his administration, have ignored their plight. Your meeting in Addis Ababa with Ethiopian officials, who torment innocent people daily, will deepen the people’s disillusionment and frustrations. Third, the Oromo communities in U.S. are extremely concerned that your visit will have negative implications for the policy objectives of your administration and the long term interests of United States in the region.
The Ethiopian government distorts facts, manipulates the reality, and represents itself as democratic. But human rights organizations including Amnesty International, Human Rights Watch, Survival International, and the annual human rights reports of the State Department have attested to the massive human rights violations of the EPRDF regime. The well documented long list of imprisoned students, journalists, bloggers, and members of opposition political parties fully confirm the undemocratic nature of this regime. In a country like Ethiopia, with complicated and highly contested political issues, the recent 100 percent victory in the national elections is totally unbelievable, and leaves no doubt about EPRDF regime’s dictatorial rule. Finally, the Ethiopian government also exploits global and regional security issues. Declaring its support for the war on global terrorism and posing as an ally of the United States, the government uses resources it receives from big powers for suppressing dissent, terrorizing innocent people, and for subverting democratic processes. It should be clear that a regime that terrorizes its citizens cannot be a reliable ally to fight extremism.
Mr. President,
For these reasons, we are puzzled by your decision to visit Ethiopia and meet government officials who contradict your convictions and the principles of American democracy. First, we are strongly appealing to you to reconsider your planned trip to Ethiopia. Second, if your visit to the African Union Headquarters in Addis Ababa is absolutely necessary, we are strongly urging you not to meet Ethiopian government officials in public and not offer them the opportunity to use your visit for their domestic propaganda. Third, we also request you to make it clear to the people in public that the Ethiopian regime’s undemocratic practices are unacceptable. We believe the United States will not ignore the atrocities perpetrated against the 95 million people in favor of the oppressive regime in the name of alliance against global terrorism.
Sincerely,
Oromo Communities’ Association in North America (OCA-NA)