Sunday, October 18, 2015
Ethiopian court acquits bloggers of terrorism charges
Court throws out case against four bloggers accused of planning attacks and collaborating with "terrorist organisation".
Four Ethiopian bloggers were acquitted of terrorism charges after 18 months in jail, a case widely condemned by rights groups as an assault on press freedom.
The bloggers were accused of planning attacks and collaborating with US-based opposition group Ginbot 7, labelled a terrorist organisation by Ethiopian authorities.
"They shouldn't have stayed in prison for so long - 539 days - in fact, they shouldn't have been prosecuted in the first place," defence lawyer Amha Mekonnen said on Friday after the court ruling.
"The court said all the evidence presented was very weak to prove they were planning any kind of terrorism - the court connected their writings to freedom of expression," Mekonnen said.
Three of the jailed - Atnaf Berhane, Abel Wabella and Natnail Feleke - were said to be freed from custody on Friday.But another journalist, Befekadu Hailu, while being acquitted of terrorism charges, remained in custody on charges of inciting violence, a crime that carries a sentence of up to 10 years.
A fifth blogger, Soleyana Gebremichael, is in exile, and was acquitted of all charges in absentia.
Six bloggers from the Zone 9 website were arrested in April 2014 and charged with terrorism for having links to an outlawed group and for planning attacks.
Two were released in July 2015 after charges were dropped, alongside three other journalists.
The courtroom was crowded with friends and family, with many crying as charges were dropped.
"I have a bittersweet feeling - they spent a year and six months in prison for doing nothing, we spent a year and three months for nothing," said journalist Tesfalem Waldyes, who was released from prison in July, but came back to court to hear the verdict on Friday.
"On charges of terrorism? This absurd, this whole thing is absurd." Waldyes said.
Long overdue
Rights groups have criticised Ethiopia's anti-terrorism legislation for being vaguely worded and used to stifle peaceful dissent.
Tom Rhodes from the Committee to Protect Journalists (CPJ), which lists Ethiopia as the "second-worst jailer of journalists in Africa", said he was "jubilant" at the news.
"This is long, long overdue since the prosecution clearly had no evidence against them," Rhodes said.
"I hope this may be a sign that the government may ease off on the other cases still ongoing."
Tuesday, October 13, 2015
“SAY NO” MURTII SHIRAA
Nuti hin dhageenyu dubbii jara sanaa
Lafa teenyaaf lubbuu teenya laannaa
Isinis nu fixxan, nutis numa dhumna
Mirga keenya sirritti kabachiifanna
Haqa keenya irratti wareegamna.
Lafa teenyaaf lubbuu teenya laannaa
Isinis nu fixxan, nutis numa dhumna
Mirga keenya sirritti kabachiifanna
Haqa keenya irratti wareegamna.
Dhimmi Finfinnee dhimma Oromooti
Waan diinaan dhageenyu shiraafi murtii
Irratti wareegamna hamma dhumanutti
Callifneen tatteenyu lubbuun baatu baatii.
Waan diinaan dhageenyu shiraafi murtii
Irratti wareegamna hamma dhumanutti
Callifneen tatteenyu lubbuun baatu baatii.
Oromoo fottooysee addaan faffacaasuu,
Qonnaan bulaa keenya raasatti hambisuu,
Qabaataa hiyyoomsee kadhattuu taasisuu
Aadaa saba bal’aa tooftaadhaan qancarsuu,
Afaan Oromoo malaan dhabamsiisuu,
Shira murtii isaanii tokko hin callisu!
Qonnaan bulaa keenya raasatti hambisuu,
Qabaataa hiyyoomsee kadhattuu taasisuu
Aadaa saba bal’aa tooftaadhaan qancarsuu,
Afaan Oromoo malaan dhabamsiisuu,
Shira murtii isaanii tokko hin callisu!
Maqaa “Master Planiin” ilkee nuuf qarattee
Hojirra oolchinaan kan duruu dhaaddattee
Maaluma nu seete, eessa nu laallattee?
Goota ta’uu keenya dhiiroo ni dagattee?
Hojirra oolchinaan kan duruu dhaaddattee
Maaluma nu seete, eessa nu laallattee?
Goota ta’uu keenya dhiiroo ni dagattee?
Nuti abbaa biyyaati bakka biraan dhufnee
Irraatti dhalannee irratti guddannee
Siitu gamaa dhufee mana keenya seene
Gaafas wahi beeynee, akkanaaf sin eeynee
Gara laafina keenyaaf kadharraa si baafne.
Irraatti dhalannee irratti guddannee
Siitu gamaa dhufee mana keenya seene
Gaafas wahi beeynee, akkanaaf sin eeynee
Gara laafina keenyaaf kadharraa si baafne.
Beelaan gaaga’amtee dhoortoo nu kadhattee
Amma beela baatee garaakee guuttattee
Qorii irraa nyaattetti haguudhatti kaate
Kan beela si baase agabsuuf muratte.
Amma beela baatee garaakee guuttattee
Qorii irraa nyaattetti haguudhatti kaate
Kan beela si baase agabsuuf muratte.
Maqaa dhalootaa ifiin moggaaftee
Odaa Oromootaa siidatti geeddartee
Lafa abaaboolii kan biraatiin yaamtee
San hunda callifnaan har’as nu laallattee….
Duguuggii sanyummaaf ammallee foolatte.
Odaa Oromootaa siidatti geeddartee
Lafa abaaboolii kan biraatiin yaamtee
San hunda callifnaan har’as nu laallattee….
Duguuggii sanyummaaf ammallee foolatte.
“Say No” murtii duguuggii sanyummaa
Dinnee didaa hindhageenyu humaa
Iyyaa! iyyaa! iyyaa! garayyuu mormaa
Tana hinfudhannu dhumnu dhumnaa!
Dinnee didaa hindhageenyu humaa
Iyyaa! iyyaa! iyyaa! garayyuu mormaa
Tana hinfudhannu dhumnu dhumnaa!
Wednesday, October 7, 2015
Ijoo Dubbii ABO: Mootummaan Wayyaanee Karoora Maastar Pilaanii Magaalaa Finfinnee Humnaan Hojii Irra Oolchuuf Murteeffachuun Isaa Qabsoo Mirga Abbaa Biyyummaa Ummata Oromoo Of Booda Hin Deebisu
Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee/EPRDF/TPLF diinummaa ummata Oromoof qabu hojiin mul’isuu kan eegale aangootti ol bahee osoo hin bubbulini. Saboota biyya sana keessatti argaman keessaa hunda caalaatti diina angafa godhatee kan irratti duulaa turee fi har’as irratti duulaa jiru ummata Oromoo ti.
Biyya Oromoo Oromiyaa humna afaan qawween qabatee bulchiinsa gabrummaa fi abbaa irrummaa ummata Oromoo irratti erga diriirsee waggoota 24n darban keessatti dinagdee fi qabeenya ummatichaa saamee lammiilee hiyyoomsuu fi deegsuun gamatti, ummaticha gaaffii mirga abbaa biyyummaa irraa deebisuuf, qabsoo isaa dadhabsiisuuf danda’amuuf ammoo bal’eessuuf hedduu ajjeesee, kumoota kudhanootaan ammoo hidhaatti guureera. Kumootni dhibbootni sirna cunqursaa fi saaminsaa kana jalaa baqatanii biyya ambaatti koolu galtummaaf dirqamaniiru.
Hiraarrii fi cunqursaan saba Oromoo irra sirna abbaa irree wayyaaneen geessifamu har’allee babal’atee dameelee hedduu yaafatee gidiraa fi dhiphuu ummata Oromoo akkaan hammeessee jira. Hidhaan, ajjechaanii fi baqi akkuma jirutti ta’ee, maqaa guddina biyyaa, misoomaa fi investimentii jedhuun qonnaan bultootni Oromoo lafa isaanii irraa buqqaafamanii maatiin diigamaniiru. Duulli maqaa misooma biyyaa fi investimentiin geggeeffamaa jiru jireenya Oromoo hundee irraa kan qoree fi lafa akaakilee fi abaabilee irraa buqqisee ilmaan Oromoo hedduun kadhattuu fi harka ormaa ilaaltuu akka ta’an taasisuun dhugaa dirreetti mul’atuu dha.
Gartuun TPLF/EPRDF sirna cunqursaa fi saaminsaa itti fufsiisuuf Oromiyaa dhabamsiisee ummata Oromoo biyya dhablee taasisuuf karoora diinummaa bal’aa lafaa akka qabu dhokataa miti. Karoora isaa keessaa tokko kan ta’ee fi bara 2014 keessa hojii irra oolchuuf yaalee kan dura dhaabbannoon ummata Oromoo isa mudachuu irraa yeroofis ta’u jalaa gufatee ture Karoora Maastar Pilaanii Magaalaa Finfinnee fi naannawa ishee ti.
Karoorri Maastar Pilaanii Magaalaa Finfinnee fi naannawa ishee jedhamu dhuguma akka sirnichi ololu Oromoo lafa isaa irraa kan hin dhiibnee fi hin buqqisne, jiruu fi jireenya isaa kan hin gaagaane, aadaa, seenaa fi afaan isaa irratti gaaddidduu kan hin buusne osoo hin taane, dhugaa qabatamaan lafa irraa mul’atu Oromoota Finfinnee fi naannawa sana marsanii jiran, kanarra iyyuu darbee haga fageenyaa irratti argaman kan buqqisuu fi diigu, aadaa, seenaa fi afaan Oromoo kan dhabamsiisuu fi bulchiinsa alagaa kan warra gita bittootaa Oromoo irratti kan goobsu akka ta’e qabatamaan mul’ata. Alagaa investara taasisee Oromoo kumoota dhibbaan kan hiyyeessa gadadaawee fi kadhataa taasisuu dha.
Karoorri Maastar Pilaanii Magaalaa Finfinnee kun shiraan kan guutame, yakka ulfaataa ummata Oromoo irratti dalagamaa jiru ta’uu ammas ummatni Oromoo daqiiqaa tokkoof illee dagatuu hin qabu. Karoorichi imaammata mootummaan abbaa irree wayyaanee lafaa qabu Oromiyaa bakka xixiqqaatti murmuruu, yoo danda’ameef ammoo kaartaa irraa haquun Oromoo humna dhabsiisuu dha. Kanaanis qabsoo Oromoo dadhabsiisuu fi gaaffii mirga hiree murteeffannaa ummatichaa walxaxaa gochuuf kan saganteeffamee dha.
Hawaasa addunyaa, dhaabbattoota garagaraa fi Investeroota biyyoota adda addaa Finfinnee dabalatee Oromiyaatti hawatuun gartuu TPLF/EPRDF guddina biyyaa dhuguma ummatni Oromoo irraa fayyadamu argamsiisuufiif osoo hin taane, akeeka dhokataa kan of keessaa qabu sochii Oromoo kan ittiin haguuganii fi gaaffii haqaa kan mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo dura ittiin dhaabbachuuf akka meeshaatti kan itti fayyadamaa jiru ta’uunis ummata keenyaan, darbees hawaasa addunyaan hubatamuu qaba.
Karoorri Maastar Pilaanii Magaalaa Finfinnee wayyaanee kun dhuguma akka Wayyaaneen haaluu osoo hin taane sochii babal’ifannoo lafaa kan of keessaa qabu akka tahe ragaa waliin kan jiruu dha. Kanaafis Finfinneen kan sq.km. 54,000 turte gara sq.km. miliyoona 1.2tti akka guddattuuf kaartaan baheefii ragaa qabatamaa waliin kan mul’atuu dha. Kanaaf karoora Maastar Pilaanii Finfinnee kana ilaalchisee kan mootummichi jedhu dhugaa irraa kan fagaate mormii fi dura dhaabbannoo ummata Oromoo of irraa qabbaneessuun karoora dhabamsiisii kana hojii irra oolfachuuf kan afanfajjii uumuuf tattaafatuu dha.
Karoorri kun balaa ulfaataa kan ummata Oromootti fidu, Oromoo fi Oromiyaa bakkoota adda addaa 3 fi sanaa olittillee cicciru, qonnaan bultoota Oromoo Finfinnee fi naannawa sana jiran miliyoonotaan lafa irraa buqqisee kan dhabamsiisu, aadaa, seenaa fi afaan Oromoo kan bal’eessuuf karoorfame ta’uu isaa hubachuuni bara 2014 yeroo labsiin kun bahu barattootni Oromoo guutummaa Oromiyaa keessaa fi sabboontotni Oromoo kan dirreetti ba’anii FDGn dura dhaabbatanii morman. Dhiiga dhangalaasanii, lafee cabsanii, wareega lubbuu ulfaataa kafaluun karoorri Oromoo fi Oromiyaa gaaga’uuf bahe kun hojii irra akka hin oolfamneef seenaa gootaa dalaganii darbaniiru. Yoo xiqqaate diddaa fi mormii Maastar Pilaanii kanaaf barattootnii fi sabboontotni Oromoo 73 ol ta’an wareegamuun galmee gootota Oromoo keessatti galmaa’aniiru. Hedduun isaanii hidhamaniiru; gariin haga har’aatti murtii malee hidhaa keessatti gidirfamaa jiran.
Diina innikkaa ummata Oromoo kan ta’e gartuun wayyaanee/EPRDF sochii dabaan guutame kan darbe irraa osoo hin dhaabbatne, karoorri isaa kun ummata Oromoo biratti fudhatama kan hin qabne ta’uu isaa ummata dirreetti bahee itti agarsiise tuffachuu fi maal fidduun, hidhattootaa fi qondaalota isaa kanneen dhiiga barattootaa fi sabboontota Oromoo dhangalaasan osoo seerattillee hin dhiheessin, ammas yeroo lammataaf Karoora Maastar Pilaanii Magaalaa Finfinnee hojii irran oolcha jechuun murteeffatee bifa haaraan sochii eegalee jira. Ergamtooti isaa OPDOnis karoora kana hojii irra akka oolchaniif ajaja itti dabarsee jira. Adeemsi abbaa irrummaa mootummaa wayyaanee kun caalaatti ummata Oromoo dammaqsee, dhabama irraa akka of oolchuuf falmaa fi diddaa caaluuf yoo kakaase malee kan duuba deebisu akka hin taane diinnis firris hubachuu qaba.
Addi Bilisummaa Oromoo har’as boris Finfinneen handhuuraa fi qaama Oromiyaa ta’uutti amana. Qabsoon Finfinnee weeraraa fi saamicha gartuu abbaa irree Wayyaanee irraa oolchuuf taasifamu qaama qabsoo Oromiyaa bilisoomsuuf godhamaa jiruu ti. Rakkoon Finfinnee guutuutti dhugoomuu bilisummaa Oromiyaa keessatti kan furamu ta’ullee, Oromoon badii irraa of oolchuuf, golee jiru cufa keessatti lafa isaa gubbaatti, qe’ee isaa irratti waan qabu qabatee tokkummaan dhaabbatee of ittisuu akka qabu ABOn ni hubachiisa.
Dargaggootnii fi barattootni Oromoo, hojjettootni, qonnaan bultootnii fi horsiisee bulaan Oromoo waliigalatti qaamotni hawaasa Oromoo marti harka walqabatuun duula mootummaa wayyaanee/EPRDF Karoora Maastar Pilaanii fi akkasumas ergamtoota isaa irroomsuuf, magaalota hedduu keessaa manneen diigee lafa ummata irraa saamee deggartootaa fi alagootaaf hiruuf sochii godhaa jiru hundi kan ummata Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuuf bifa haaraan geggeeffamaa jiru waan ta’eef, kana fashalsuu fi bilisummaa Oromiyaa dhugoomsuuf harka walqabatanii FDG finiinsuu akka qaban ABOn dhaamsa isaa haaromsa.
Injifatnoo Umamta Oromoof!
Friday, October 2, 2015
Saturday, September 26, 2015
Saturday, September 19, 2015
Fulbaana 15, 2015 Bulchiinsii Wayyaanee Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti argamu Qajeelfama aangawoota wayyaanee EPRDF irra dabarfameefiitti Fayyadamuun Manneen jiraattoota Magaalota Godinichaa kanfaltii tokko malee diiguuf murtii dabarse.
Diigumsii manneen magaalaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa ture, Godina lixa Shaggar Magaalaa Ambootti diddaa uummataan sodaatamaa kan ture, bifa haaraan mootummaan wayyaanee sadarkaa naannoo Oromiyaatti humnaan akka diigamuuf murtii irra erga ga’ee booda karaa bulchiinsa godinaatin murtiin kunis akka uummata irratti dabarfamu ta’ee jira, uummatni Oromoo magaalaa Amboo fi Aanota Godinichaa wareegamaa barbaachisu kanfalla malee manni galmaa fi humna keenyaaf qabeenya keenyaan ijaarrannee murtii bulchiinsa shororkeessa Wayyaaneen hin diigamu jechuun mormii sirna wayyaaneef qabu argisiisuufii fi qe’ee isaa irrattii tarkaanfii of irraa ittisuu fudhachuuf akka jiru ifa gochaa jira.
Haalli diigumsa manneen jireenyaa ummata magaalaa kun kanfaltii tokko malee Oromiyaa keessattuu godinaalee dhiha Oromiyaa kanneen akka Neqemtee, Gimbii, Kibba Lixa Shaggar Walisoo, Jimmaa fi Mattuu, keessatti adeemsifamaa jiraachuun walqabatee uummaatni sadarkaa dahoo dhabee jiruuf jireenyaan dararamuu irra ga’aa jiraachuun ibsamera. Bulchiinsi Mootummaa wayyaanee kaartaa plaanii hin qabdan maqaa jedhu akka sababaatti kaasuun uummata waggaa dheeraa qe’ee isaa irraa jiraachaa turee fi qaala’insa jireenyan dararama jiru irratti mana galmaa isaanii diiguun jibbinsaa, roorroo fi ilaalcha mootummaan gorboomsaa fi abbaan irree wayyaanee Oromoof qabu kan calaqqisiisuudha waan ta’eef uummatni Oromoo wareegama qaalii fedhe kanfaluun diddaan dura dhaabbachuu qaba jechuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhaamsa dabarsee jira.
Subscribe to:
Posts (Atom)