Tuesday, June 23, 2015

QEERROO: Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati!

Kutaa 1ffaa …
Oromoon erga Oromiyaa dhabdee, mirga, bilisummaafi demokiraasummaa isiis walumaani dhabde.
Dhimmi amantii dhimma siyaasaati. Amantiifi Siyaasaa addaan baasanii ilaaluun hin danda’amu. Sababiinsaa mirga amantii qabaachuun mirga demokiraasummaa qabaachuudha. Namni mirga demokiraasii hin qabne waan fedhe amanuu hin danda’u!
Erga Maqaan Oromiyaa, Daangaan Oromiyaa, Qabeenyaan Oromiyaa, Bulchiinsi Oromiyaa, Dinagden Oromiyaa, … kkf Itoophiyaa jalatti kolonneeffatamee jalqabee hanga guyyaa har’aatti Oromoon mirga demokiraasummaa waan barbaadetti amanuu dhabee, Amantii bittoota isaa akka hordofu, bifa garagaraatiin dhiibbaa gurguddaan, yakki jajjabaan iratti gaggeefamaati as ga’e.
Bara Minilik amantii Ortoodooksii akka hordofu dirqisiisuuf jecha, Hordoftoonni Waaqeffataa, Musliimaafi Protestaantii qawween ajjeefamaa turan. Hordoftoota amantaa Waaqeffataa adamsanii sassaabanii bakka tokkotti jumlaan rashanaa turaniiru. Akka fakkeenyaatti erga mootii Shawaa/Gullallee Tufaa Munaa ajjeesanii booda, Qaalluu Oromoo, Naannawa Finfinneetti argaman mara mana mana isaanii irra adeemanii guuranii fidanii magaalaa Finfinnee lafa amma piyaassaa jedhamutti bataskaana Giyoorgis ammaa cinaatti Jumlaan jiraa qotanii akka owwaalan seenaafi ragaaleen ni ibsan. Bara dabre kana Bakka awwaala qaallota Orommoo kana wayyaanticha Alaamuddiiniif akka gamoo guddaa gidduu gala gabaa/isa ‘Mall’ jedhan/ akka ijaaru yeroo kennaniifiitti wayta lafa kana bu’uura gamoo kanaa dhaabuuf qochisiisutti Lafeen qaalluulee Oromoo jumlaan ajjeefamanii kumaatamaan lakkaa’amu argamuu isaa irraa, akka uummanni seenaa kana beekee fincila hin kaafne dhoksaan halkan siinoo tiraakii chaayinaan guuramee bakka yeroof hin beekamnetti akka geeffame irra gahameera.
Akkasumas, Nama Macaafa Qulqulluu, Afaan Oromootti Hiike, Oniis Moos Nasiib /Abbaa Gammachiis/ Hiikaa irrattis amantii proteestaantii akka hin lallabne murtii du’aa itti murteessee akka ture seenaan dhugaa baha!

Adeemsi Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adeemsa Qabsoo Jaarraa 21ffaati(pdf)

http://gadaa.net/FinfinneTribune/2015/06/record-number-of-cameras-clicked-to-capture-the-announcement-of-tplfeprdfs-100-victory-in-election-2015/

Friday, June 19, 2015

http://www.bbc.com/news/world-africa-33203469


Obama honors Ethiopia's dictatorship by visiting the country on the eve of a rigged election that resulted in 100% parliamentary seats going to the ruling party. Obama has time and again betrayed the promise he made in Cairo and Accra to stand for freedom and democracy. To utter disappointment of African youth who were initially inspired by his words, he turned out to be the opposite of what he was claiming. He famously said Africa is in need big insitution not big men. However, he turned out to be the best pal for some of the longest reining and brutal tyrants of the continent, patting them on the back either by bringing them to DC or visiting their capitals. Shame!