Qabeenya kee dhabdee caljettee hin taa'ini
Dhaala abboota keetii kan UUMAAN siif kenne
Finfinnee fi naannooshee akkamiin saamamte
Pilaanii jedhanii maaf sigowwoomsanii
Jarri safuu hin beekne warri saamtuun suni
Tasa siif hin ta'uu hin gowwoomin lammi
Murannoodhaan ka'ii cimsii ittiin mormi [2]
Barataa Oromoo kan sodaa hin qabne
Lubbusa mara dabarsee kan kenne
Mirgasaatiif jecha kan iyyee dabarse
hin kennu finfinnee jedhee lallabee
adunyaa maraa sochosee waliin ga`ee
Irree tokkoon ka'ii diinarratti duuli
qabeenyaa kee dhuunfachuuf falma kee itti fufi
Ka'i kaabaa fi kibbaa bahaa fi dhiyaas iyyi
Dhumaatii ilmaan kee addunyaadhaaf himi
Ka'ii wal kakaasi garaa diinaa raasi
Qabsoo karaa dhugaa lolii galamaan ga'i
Diinaaf garaa hinhirin walfaana bobba'i
Biyya keetti moo'i abbaa biyyaa ta'i.(2)
Hin dhaga'in takkaa oduu jara sanii
Maqaa misoomaatiin warra siin sobani
Oromoo balleessani finfinnee misoomsanii
Kan lammiif hin taane missomni isa kamii?
ilmaan oromoodhaa bakkeetti oofanii
qabeenyaa isaa iraa alatti oofanii
Hin fudhatin takkaa oduu jara sanii[2]
Ni yaadattuu oromoo wanta nu godhani
waggaa dhibba dura kaabarraa dhufanii
Dhugaa balleessuudhaan soba addeessanii
Biyya abbaa qabu nurraa fudhatani
Finifinnee haqanii addisiin jedhanii
Ammas akkasuma wanni karoorsanii
Ni falmanna malee jarri nun dhiisanii[2]
Waggaa saddeet dura shirrii godinaa eegalanii
Hubattuu yaa lammii kaayyoo isaanii
Master plaaniidhaan kunoo as ba`anii
Oromoo balleessuuf jarri yoom taa'anii
Oromo dhag'i! atis hin rafin
Dhugaa kee deebisuuf walfaana hiriiri
Soba dhiigaan miici lafeen biyya ijaari
Diina amajaajii biyyarraa abaari
Biyya keetti mo'i akka odaa lalisi
ya lammi hin rafin iyyi dabars
haqa ofiif iyyuun hin qabu qaanii.
haqa ofiif murmuun hin qabu qaani.
No comments:
Post a Comment