Wednesday, April 29, 2015

Biyya itti dhalatan, handhuurri isaanii itti awwaalame keessatti kabajaa lammummaa dhorkatamanii, eenyummaa isaaniin qofa diina taasifamanii gaaffii mirgaa kaasuu isaanii irraa qofaan ilmaan Oromoo gara jabinaan magaalaa Amboo keessatti ajjeefaman hur’allee gadda guddaan yaadanna. Kana waliin kanneen ilmaan Oromoo fayyaaleyyii fixanii fi ficcisiisan ammayyuu murtii seeraaf kan hin dhihaanne tahuun gadda keenya dacha taasisa. Gumaan lammiilee Oromoo mirga saba isaaniif osoo falmanii dabran kanneenis, akeeka kufaniif sana bakkaan gahuuf qabsoo finiinsuun bilisummaa ummata Oromomoo dhugoomsuun tahuu mirkaneessaa ti.
Ilmaan Oromoo gootummaan harka qullaa diina ummata isaanii dura dhaabbatuun dugda osoo hin taane qoma rukutamanii lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne qabsoo haqaa irratti dabarsan kanneen, baatiin itti wareegaman baatii Eblaa ti. Baatiin kunis, baatii wareegamtoota gootota Oromoo walabummaa Oromiyaa tiksuu irratti kufanii fi cabiinsa Oromoon boodas kanneen bilisummaa ummata isaaniif wareegama isa maayyii baasan itti yaadataman waan taheef, tarree isaanii seensisa. Seenaan lubbuu isaanii osoo hin mararfatiin kabajaa ummata isaaniif jecha wareeganis dhiigaan waan barraa’eef galmee seenaa Oromoo keessatti galmaa’ee bara baraaf yaadatamaa jiraata.
Gooti ummata isaa irra lubbuu isaa hin mararfatu. Gooti haqaaf falmaa dabruu filata malee akka geejjibaatti fe’amee cunqursitootaa fi saamtota jalatti jilbeenfatee buluu filmaata hin godhatu. Kana irraa ti ilmaan Oromoo hin gabroomnu! gabrummaa jalattis hin bullu! jechuun walabummaa fi bilisummaa isaaniif jecha wareegama ulfaataa baasaa kan turanii fi jiran.
Wayta ammaa kana ummatni Oromoo mootummaa shorarkeessaa kanaan miidhaan irra gahu dabalaa deemuun bal’inaan mul’ata. Ummatni Oromoo qe’ee isaa keessa nagaan jiraachuu hin dandeenye. Nagaan baratanii manatti deebi’uun yeroo kamuu caalaa ulfaataa tahee jira. Hireen ilmaan Oromoo baratanii dalagaa argatanii hojiitti bobba’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisuuf qaban hinaaffaa, jibbiinsaa fi sodaa irraa diinaan dhiphifamee hojii dhablummaan jooran. Kanneen maatii fi fira irratti ba’aa hin taanu jechuun abdii nuuf dabra jedhuun biyya ambaatti baqataa jiran lakkoobsi guddaa dha. Baqa karaa adda addaa adeemaa jiru kanaanis balaa suukanneessaa lammiilee mudataa jiru guyyuu gaddaan dhaga’uun baay’atuu irratti argama.
Mootummaan Wayyaanee mootummaa kufaatii fi badii raawwatu irraa kan hin baranne, mirga ummatootaa beekuu fi kabajuu hin barbaadne tahuu irraa, sochiin ummatootaa bakkayyuutti itti jabeeffamaa jiraatuu haalli ummatootaa fi tarkaanfii mootummaan kun sodaa fi muddamsuu irraa fudhataa jiru ni hubachiisa. Addatti ammoo tarkaanfiin ummata Oromoo irratti fudhataa jiru, kan diinummaa isaa dhugoomsuu dha. Kabajamuu mirga ummata Oromoo kan hin barbaadne tahuu mirkaneessa. Waan taheef, ABOn guyyaa ilmaan Oromoo Ambootti faashistootaan ajjeefaman kana wayta yaadataa jirutti dhaamsa itti aanu ummataaf dabarsuu fedha.
Hawaasni keenya biyya keessaa fi alaa gootota ilmaan Oromoo Ebla 30, 2014 waraana diinaan guyyaa saafaa magaalaa Amboo fi naannootti rashanaman kabajaan oggaa yaadatnu akeeka kufaniif beeknee bakkaan gahuu irratti cichuun fiixa baasuu irratti qabsaawwuuf murteeffatuun,
Mootummaan gochaa diinummaa gartuuleen fiinxaaleyyii ummata irratti raawwataniin adda hin taane raawwatu kun, hanga hin qolatamnetti rakkooleen hundi itti fufuu qofa osoo hin taane, caalaatti hammaataa fi dabalaa kan deeman tahuu qalbifatuun, tooftaa jabaa fi bilchaataan dura dhaabbatuuf qophaa’uun akka tahu,
Har’as rakkoon ummata keenya addatti ammoo dargaggoo Oromoo mudataa jiru hammaachaa dhufuu hubatnee bifaa fi karaa hundaan cinaa dhaabbatuuf murteeffatuun akka tahu ABOn dhaama.
Diinni ummata Oromoo ummata keenya qabsoo irraa jiilchuuf tarkaanfiilee suukanneessaa adda addaa fudhatullee ummatni keenya bilisummaa isaaf qabasaa’uu irraa kan booda hin jenne tahuu dalagaan mirkaneessaa jira. Ajjeechaan jumulaa, hidhaa, dhaaninsii fi doorsisi diinaan irra gahullee, bilisummaa! Walabummaa jechuun qabsoo irratti argama. Kanaaf, haala abdachiisaa fi onnachiisaa ummataa, addatti ammo Dargaggoo Oromoo keessatti mul’ataa jiru firii itti gochuuf harka wal qabannee haa sossoonu. Rakkoon waloo waloon keessaa bahamaan dhaamsa ABO ti.

No comments: