Monday, June 15, 2015


               OMN  

Bitootessa 1 bara 2014, Gama sana irraa
Gubbaa Ormaa fagoo Addunyaa
Kutaa Minisootaa biyya Amerikaa 
Faca`uu jalqabe Afuurri Oromiyaa, 
bara dheeraaf kan dhokfame addunyaa kanarraa
Garsiisuu, dhageesssisuu jalqabne haqa keenya OMN irraa
ni hurgaawa ni miidhaga, wanni ofii waan ofiirraa
Ajaaiba Guddaa, Nu dhageessise rabbiin guddaa
Namni lubbuun jiru,  Numa arga waa hundaa
Oromiyaan Lafa ballaa  Oromoon maraa
Waliif himee waliif dabarsee waljabeesse
jalqabe haffura Oromoo OMN jedhee 
 waadaa seenee walqabatee waliin ka`ee
 Baga gammadde, baga gammanne jedhanii wal-simatanii
 kallattii hundaanuu  ilaaluu jalqabani OMNii 
 kallattii hundaanuu ilaaluu jalqabani OMNii 

 Oromoo Oromiyaa OMN Midiaa
Seenaa saba ballaa, seenaa Oromtichaa
Oduun gadi fidee qoppii adda addaa
Seenaa nu barsiisuuf jalqabe waan addaa
Hayyoota gurguddoon wal-nubarsiisee
Diina keenyallee ifaan nu garsiise
na dinqisiise na ajaa`ibee, na boonsisee
Garaa na nyaatee, ilkaan waliin na ciniinsisee
ni turre boodatti hafne na jechisiisee
Diinni haqa keenya dhoksee, akka fedhe jedhee
Maraan martoo nuun maree nuun tapatee
Qaanyii tokko malee nu awwaalee
Addunyaa jaamsee haqa keenya fudhatee
nutis murannee kutannee harkaa miliqne
Diinni  maalgodhagaa nutis kunoo harkaa fiigne
Eessaa nuqaqqabu, silaa nu beeku mitiiree
Eessaa nuqaqqabu, silaa nu beeku mitiiree.

OMN midiaa ijaaf gurra Oromoo Maraa
Marxifannee wal-kakaafnee yeroo ammaa
Fayyadamuuf Carraa ganamaa 
daddafnee Ho`ituu Aduu baranaa 
harka walqabannee dhiifama waliif goonee
OMN hutubnee jajjabeessinee  dhaabnee
akka hin buqqaane hidda isaa gadi fageessinee
OMN hagargaarru hundi keenya waliin taanee
OMN hagargaarru hundi keenya waliin taanee.

Tofik Abdullah








No comments: