Taammanaa Bitimaa irraa*
Kunoo, amma bara moofaa keessaa gara bara haaraatti dabarree jirra. Barri dabre kun, barri 2015 bara Oromooti jechuu dandeenya. Kan bara san bara Oromoo taasese immoo Qabsoo Oromoo isa Dhaloota Qubeetiin dachee Oromiyaa sochoosee, diina Oromoo ollachiise sani. Jarri qawwee baaddhatee, harree ooffatee, barabaasoon Oromiyaa seenee qabeenya uummata Oromoo saammatee, abbootii kitilaa (abbootii miliyoonaa) tahe kun, kunoo waggaalee 24 guutuu qawween gateettii isaa irraa hin bune. Takkaa qawwee boraafatee rafuu hin dhiifne. Amma qawween lafee fi dhiiga isaa keessa tuulamuun sammuu isaayyuu weerare jira. Eeyyee, jarri qawwee bakka amantii ofii buufate kun kan durii caala, bara dabre kana keessa dhiiga ijoollee Oromoo akka galaana Adoolessaatti dhangalaasee jira. Haadholii fi ijoollee bira kutee akkoowwanillee galaafatee argama. Shamarran Oromoo, ililliiwwan teenya humna qawweetiin gudeeduun nu jalaa salphiseeti jira. Guddattuu waggaa torbaallee otoo hin hambisin galaafatee argama.
Kana hundaa oggaa godhu, uummanni addunyaa teeknolojii bara ammayyaa isa ijoolleen Oromoo irra geesseen daawwachaa ture. Ammallee ittuma jira. Mee eenyutu, xiinxalaa seenaa fi taliigaa (siyaasaa) isa kamtu Oromiyaa guutuu irraa, gandeeni fi magaalattiiwwan takkallee otoo hin hafin, Oromoon akkanatti ka’uun sochowee dachee sochoosa jedhee himee ture? Maarree, sabni akkasitti hudhamee waanjoo gabrummaa jala jiru, hudhaatiin sun hafuura tokkollee baafachuu isa dhoowwinaan akkasitti olka’e. Ammas jarri sammuun isaanii gara qawweetti geeddarame kun, qaawa tokkollee waan nuuf hin dhiifneef irra-caalaa akka waltaanee kaanu, akka waltaanee fincillu nu dhiibaa jiru. Ammas kan bara dabree caalaa akka alaa-manaa waltaanee sochoonu nu gochaa jiru. Ammaan booda jiraa Oromoo dhiisitii du’aan Oromoollee diina biyya keenya qabateen dhiddhiitamee buluu akka hin qabne, uummanni Oromoos beekee jira, Waaqnis isaaf beekee jira! Tokkummaan isaa, seexaan isaa, tooftaa fi malli isaa kana caalaa jabaatee itti-fufuu qaba! Uummanni Oromoo abbaan nagaa fi nageenyaa kun, inni nagaa ilmoo namaa dhiisitii kan bineeyyii fi biqiltuuwwanillee eegee bulu kun, daangaa namaa hin dabarre, nagaa ollaa fi namoota biyya isaa keessa nagaan jiraatanii hin booressine. Ammoo, warra jibbii fi qawween sammuu fi onnee isaa dhuunfate kanaan qeyeedhuma isaa keessatti, araddaadhuma isaa irratti dararamaa, ijoolleen isaa akka baala mukaatti jalaa harcawaa jirti. Warri Wayyaanee kun sadarkaa ilmoo namaa irraa gara sadarkaa bineensaatti ofumaan of gadibuusanii argamu. Kanaaf, uummannii fi sabni Oromoo qabsoo bilisummaa fi walabummaa isaa daran cimsee itti-fufuu malee, filmaata biraa tokkollee hin qabu!
Qabsoon ammaan tana Oromiyaa guutuu irratti adeemaa jiru kun qabsoo nagaati. Qabsoon kun akkanumatti, kana caalayyuu cimee of-cimsuun, irra-caalayyuu malaa fi tooftaa isaa babaldhifachuun itti-fufuu qaba! Kannneen keessaa qabsoon dinagdee warra Wayyaanee irratti oofamu karaa fi daangaa isaa babaldhifachuun jabaatee itti-fufamuun kan hardhaa-boru hin jedhamne. Uummanni Oromoo seenaa isaa keessa deebiyuun irraa baratee isa ammaa kanaaf oolchuutu isa baasa. Jecha dubbii Oromoo keessa: “uummanni sitti jiguu mannaa, Waaqni sitti jiguu wayya“, kan jedhamutu jira. “Yoo Waaqni sitti jige, uummatatu kadhatee, booyee Waaqa kadhachuun jalaa si oolcha. Yoo uummanni sitti jige garuu kan isa jalaa si baasu hin jiru.“, jedha uummanni beekaan kun. Oromoon alagaa dhiisitii dhala Oromooyyuu, isa seera fi aadaa isaa jeeqe, isa waan dhalli namaa hin hojjanne hojjate tokko karaa itti isa adabu qaba. Nama akkanaa kanatti akka namuu hin dubbanne, yoo balaan irra gaye akka isaaf hin birmanne, yoo innii fi miseensi maatii isaa tokko boqote akka bayee hin awwaalle faa waliigaluun adaba. Ammas nuti Oromoonni, warra dhiiga kichuuwwan keenyaa akka galaanaatti dhangalaase kana: waa irraa hin binnu; waas isatti hin gurgurru. Hoteela isaa seennee hin bullu; restoraantii isaa seennee waa hin nyaannu. Konkolaataa isaatiin hin deemnu. Huccuu faabrikaa isaa keessaa baye binnee hin uffannu. Eekaa, meeqaa meeqa lakkoofnee tarreessa ollaa mitii dubbiin kun karaa maraan cimee, cimsee itti-fufamuutu kan Oromoo fi Oromiyaa baasu taha.
Kana malees, siyachi nuti Oromoonni baadiyaas, kanneen magaalaawwanis gibira lafaa fi manaa mootummaa Wayyaanee kanaaf galchuu hin qabnu. Mootummaan Wayyaanee, mootummaa otoo hin taane, garee fi tuuta gaadduu fi saamtuu-ti. Shiftaa fi gaadduunillee safuu fi safeeffata xiqqoo wayii waan qabaniif, daa’immanii fi haayyolee hin tuqani. Sadarkaan warri Wayyaanee amma irratti argaman sadarkaa: gaadduu, saamtuu, shiftaa fi addaggee gandeen keessaa-ti. Warra akkanaa kanaaf, gibira galchuun, qaraxa baasuun, manneen seeraa isaanii walgeessuu dhaabu qabna. Kanaafuu, qabsoon karaa nagaa inni ijoolleen teenya jalqabdee, uummanni keenya ishii cinaa dhaabachuun itti-cimse kun karaa maraan baldhatee, ititee, walqabachuun itti-fufuutu kan nus, biyya keenyas baasu taha. Kakuu dhaa; laguu dhaa; hoodaa kun itti-fufamuu qaba! Ennaa kana goonu hunda, namoota alagaa warra nagaan biyya keenya keessa jiratanii, nagaa fi nageenya isaanii tikfachuu qabna. Nuti kana kan goonu, nama wayii sodaannee yookaan: “maal nuun jedhuuf” otoo hin taane, aadaa fi duudhaa uummata Oromoo raajeffatamaa kanaa irraa barachuuni. Dhaloonni Qubee raajeffatamaan kun karaa kanaanis akka addunyaan isa raajeffatu taasifatee jira.
Qabsoon keenya kun Gaafa Afrikaa guutuu irraa tumsaa fi mararfannoo daran cimaa horatee muldhata. Uummatoonni fi jaarmoleen warra: Ogaadeen, Afaar, Sidaamaa, Benshaangul, Gambeellaa fi warri kaan nu bira dhaabatanii argamu. Dhiigni ijoollee teenyaa fi lafeen isanii isaanis akkuma keenya aarsee, akkuma keenya ilkaan ciniinnachiisee nu maddii dhaabee jira. Biyyoota alaa kanatti dhiigni fi foon keenya warri Ogaadeen hiriira goonu cufa irratti takkaa nu biraa hin hafne. Nuti dhalawwan Oromoo warri bineensummaa mootummaa Habashaa kanneen durii fi isa ammaa kana jalaa baqachuun biyyalafaa guutuu keessa faffacaanee jirru, kan ammaa caalaa jabaannee firoottan qabsoo keenyaaf horachuu qabna. Keessumaa akka uummanni Afrikaa fi Afro-Ameerikaanonni waayee keenya sirriitti qalbeeffataniif guyyuu irratti hojjachuutu, dubbii nu baasu taha! “Abbaan iyyatu malee, ollaan namaaf hin birmatu“, jedha Oromoon keenya.
Nuti Oromoonni biyyoota ambaa keessatti argamnu, kunoo torbanoota saddeet guutuu boowaa, hiriira bahaa, halkanillee cabbii Oroppaa fi Ameerikaa keessa bulaa, addunyaatti iyyachaa jirra. Otoo imimmaan nu keessaa gadi yaa’aa jiru kan waraabamu tahee, Laga Waabee guutuu dandaya. Garuu, kan ammaa caalaa cimnee karaa maraan uummata keenya, isa biyyaa dararamaa jiru bira dhaabachuutu dirqama seenaa fi dirqama dhalootaa nutti taha. Isa guyyaatti al-sadii nyaannu keessaa isa al-tokkoo qabsoof oolchuun keenya dirqama. Isa sa’aa saddeet rafnu keessaa sa’aa sadii waayee qabsoo keenyaa irratti hojjachuutu sirrii dha. Jaarmoleen Oromoo isaan garagaraa kan ammaa caalaa walitti dhufuun tokkummaa isaanii jabeeffachuu qabu. Kana biraa kutuun namoonni Oromoo warri seera baratan waltayanii dureewwan warra Wayyaanee isaan biyyoota alaa keessa deddeeman seera addunyaatti, mana murtii UNO-tti dhiyeessuu qabu! Oromoonni biroo immoo karaa hundaan isaan gargaruun waanuma jiru. Abadan ammaan booda dureewwan warra Wayyaanee dhiiga ijoollee fi uummata keenyaa akkanatti lolaasanii olii-gadi deddeemuun dhaabachuu qaba!
Nuti Oromoonni alaa-manaa kan ammaa caalaa warra OPDO kana irratti hojjachuu qabna. Oggaan kana jedhu Muktaar Kadirii fi Abbaa Duulaa faa jechuu kiyyaa miti. Isaan kana hamma feene irratti hojjannullee, ashkarummaa fi jala-kaattummaa jalaa isaan baasuu hin dandeenyu. Miseensota OPDO kanneen kumaan lakkaawaman, miseensota foolisii Oromiyaa fi waraana Toopphiyaa irratti karaa addaddaatiin iyya harmee Oromiyaa dabarsuufii qabna. Ilmaan Oromoo warri qawwee qabachuun diina jala jiran, qawwee san qabatanii uummata ofiitti dabalamuu qabu. Kun hojii salphaa wayii waan hin taneef, laaffifneetoo bira dabruu hin qabnu.
Qabsoon keenya inni amma finiina jiru kun, qabsoo isa karaa nagaati jedheen ture. Garuu, jarri karaa nagaa kana callaan nu lafa irraa duguuguu kana irraa akka duubatti hin deebne ganamumaan beekuutu sirrii dha. Warri sammuun isaanii gara qawweetti jijjirame kun, akka harki keenya qawwee qabatuuf nu dhiibaa jiru. Kun akka laayyootti ilaalamuu akka hin qabne, hundi keenya beekuun qajeelaa dha. “Qawween eessaayyi dhufa?“, naan hin jedhinaa, qawween Oromiyaa keessa ciisaa jiraa! Uummata bilisummaa ofiitii ijaaramee, tokkoomee ka’eef: qottoon, dongoraan, doomaan, cakiin, halbeen, haamtuun, maarashaan, cuubeen, eebboon, shootalli, shimalli, gajaraan, manshiin, jaafgaan, hordaan faayyuu qawwee dha. Gabrichi abbaa-gabraa irraa hidhannoo isaa hiikkatee of-bilisoomsuun namaanis, Waaqaanis eebbifamaa dha!
Uummanni Oromoo bilisummaa uumaan qabu kanaaf karaa maraan sochowuutu isa baasa. Tokkummaan Oromoo akka kana irra cimuuf, Oromummaan akka kana irra itituuf jabaannee irratti hojjachuu qabna! Dureewwan amantii fi manneen amantii marti: kan Waaqeffataa, kan Islaamaa fi kan Kiristaanaa iyya harmee Oromiyaa dhaggeeffachuun Waaqa kadhachuufii qabu! Ammaan booda laftii fi namni, gaarranii fi laggeen Oromiyaa marti diina qawween nu irra taa’ee dhiiga ijoollee teenyaa dhangalaasu kanatti ni ka’u. Laggeen Oromiyaa diinni waraabbatee irraa dhugu dhiiga itti-tahu. Margii fi furri inni irra deemu qoree laaftoo itti-tahuun isa waraanu. Biyyee fi cirrachi inni irra ijjatu barbadaa tahuun isa waxalu. Qilleensi Oromiyaa inni fuunfatu summii isatti taha! Nama Oromoo dhiisitii horii fi bineeyyiin Oromiyaatuu tokko tahuun isa diru! Ammaan booda namaa fi lafa Oromiyaatu, Ayyaanaa fi Waaqa Oromootu ijoollee Oromootiif iyyee iyya dabarsa! Erga Waaqni fi Lafti nuuf iyyee iyya dabarsee, guyyaan bilisummaa fi walabummaa keenyaa dhiyaachaa jira jechaa dha!
No comments:
Post a Comment