Friday, April 20, 2018

#Qeerroo

Sanyi ganna facaasan
Haamissis tahus waggaa
Isa Du'etuu bada malee
Inni jiru waa Arka
Silas Kan jiru Lubbuun
Waa Arguun isaan oluu
Maqaafis tahu Har'a
Jalaa baanerra kooluu
Sii Achi komii qabnu
Diina baddaafi Lagarraa
Miidhaafi mooyastuhu
Keennuma tahuu barraa
Wanni Ani jaraaf himu
Hamma nama obboleessaa
Yaadachiisun barbaadee
Bakka turan kaleessa
Osoo Qeerron Hin jiraanne?
Qarreenis jara duukaa
Isinis As Hin geettuu
Goluma teessuu suuqaa
Gaafa Qeerron falmii kaase
Qalama fudhatee iyyee
Nama meeqatuu jaraan jedhe
Hara kunniin Durriyye
Jarris jechaaf bakka laannee
Itti roobsanis bonbi Aaraa
Qeerroo Dhuman yon yaadadhu
Gaddikoo gammachuu Har'aa caala
Silaa murtiin diinaa tahee
Hin kufu #siraaj #fargeessaa
Warri muudamtanis jabaadhaa
Nu baasaa Dukkana keessaa ?
Qeerof Qarreenis gammadaa
Kan Lubbuun keessan yoona gahe
Garuu Hujiin barbaannaa?
Waan gurii keenna dhagahee
Galatoomaa 

Shukrii Bahmud

No comments: