Sunday, November 8, 2015

OFC

OFC Urges Ethiopian Govt to Stop the Master Plan of Eviction Against Oromo Farmers, and to Respect Constitutional Rights of the People | OFC Also Calls for Public Meeting in Burraayyuu on Sunday, Nov. 8, 2015 (Onkoloolessa 28, 2008 ALH)

Oromo TV: Marii labsii Magaalota Oromiyaa fi Mastar plaanii Finninnen Dr...

Friday, November 6, 2015

bsa ABO …
—-

Olola Dharaa Oomishee Facaasuu fi Ummata Shoororkeessuudhaan Umrii Bittaa isaa Dheereffachuuf Dhama’uun Mootummaa Wayyaaneetiif Aadaa Tahe


(Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa kenname)
Mootummaan Wayyaanee olola dharaa daangaa hin qabnee fi duula shoororkeessummaa, haaressa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti banee jira. Humnootiin tikaa fi miidiyaan Wayyaanee akkuma amala isaanii fiilmii dharaa maqaa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo xureessu oomishuuf har’as olii fi gadi kaataa jiru. Duulli maqa-balleessii fi jibbisiisaan kunis waan haaraa utuu hin taane itti fufa kan ammaan duraa ti. Gama biraanis humnootiin tikaa Wayyaanee maqaa miseensota Adda Bilisummaa Oromoo fi shoororkeessitoota jedhuun wayta ammaa ilmaan Oromoo nagaa biyya keessaa fi biyyoota ollaatii ukkaamsanii garii mana hidhaatti guuruu, kaan immoo ajjeesuu fi gara dabarsuun muddama uumuuf asii fi achi fiigaa jiru.
Kijibni Wayyaanotaa fi fakkaattotni isaanii ABO fi walii gala qabsoo Oromoo irratti tarrisan: ABOn dhiphoo dha, shoororkeessituu dha, hooggannni ABO nama ajjeesa, nama qala, ABOn ergamaa alagaa ti, qabsoon Oromoo ummatoota kaan balleessuuf adeema, … kkf. kan jedhu olola hundee hin qabne dha. Olola fokkisaa gantoota sabaa fedhii dhuunfaa guuttachuuf jecha dantaa saba ofii balaa irra buusuuf luffisan keessaan oofuudhaan tokkummaa ummata Oromoo diiguu fi qabsoo bilisummaa Oromoo balleessuuf bara baraan dhama’u. Miidiyaa of harkaa qaban kan akka Dhaabbata Raadiyoo fi Televiziona Itoophiyaa, gaazexoota mootummaa, Raadiyoo Faanaa, marsariitii isaanii kan akka Ayigaa ForumTigraay OnlineWaarkaa, mana Pal-talk, akkasumas Youtube GadaaTV fi kan kana fakkaatutti gargaaramanii sum’ii diinummaa isaanii Oromootti facaasuuf aara-galfii dhabaa jiru.
Akeekni olola Wayyaanee inni guddaan bara baraan ummata Oromoo gandaa fi gosaan wal irratti kakaasee tokkummaa isaa laaffisuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo dadhabsiisuu akka tahe amma kan hin hubanne jira hin fakkatu. Fedhiin isaa duula qor-qalbii ummata Oromoo irratti oofuudhaan akka ummatichi boquu gadi qabatee sirna saamichaa fi hacuuccaa isaa ameen jedhee jalatti bulu taasisuuf ummaticha shoororkeessuu dha. Shoororkaa uumee ittiin ummata sodaachisa, doorsisa. Addatti ammoo yeroo ammaa ummatni Oromo Wayyaanee irratti tokkummaa isaa jabeeffatee sochii cimaa bifa gara garaatiin gochaa jiru irraa rifaatuu guddaa keessa waan seeneef olola kana haaromfate. Kana malees ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo empaayerattii keessa jiran kan biroo gidduutti shakkii uumuun akka waliif hin tumsine taasisuuf tattaafata. Mootummaan farra ummataa kun shakkii fi sodaa ummattoota gidduutti uumuun imaammata qoqqooodanii bituu akka hordofu ifaa dha. Ummatoota cunqurfamoo walitti diree dhiiga wal dhangalaasisaa ofii nagaadhaan giddduutti jiraachuun imaammata
Wayyaanee dhaabbataa dha.
Mootummaan Wayyaanee duula ololaa Adda Bilisummaa Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti oofutti dabalee, maqaa miseensota ABO, shoororkeessitoota fi kkf. itti maxxansuun lammiiwwan Oromoo mana hidhaatti guura. Lammiiwwan Oromoo nagaa mana hidhaa keessatti dararee beelaa fi dhukkubaan akka du’an taasisa. Mootummaa nama ajjeesee qaanii tokko malee “of ajjeese.” jedhu dha. Namoota miseensota Adda Bilisummaa Oromoo ti jedhu shoororkeessummaan yakkee mana murtii federaalaa ofii itti ajajutti dhiheessee murtii jal’aa itti dabarsa. Sababa Bilisummaa Saba ofiif falmatan qofaaf yakka tokkoon maleetti hidhaa umrii guutuu fi du’aan adabuun mootummaa dabaa fi cubbuu guddaa ummata Oromoo fi kanneen biroo irrattis raawwataa jiruu dha.
Mootummaan Wayyaanee, shoororkeessaan Sab-boontota Oromoo mirga Oromoof falman bakka argamanitti akka ajjeefaman maqaa isaanii tarrisee facaasaa akka jirus ragaa waliin ifa bahee jira. Duula Oromoo bara baraan shoororkeessuu bal’inaan itti fufee jira. Kana malees humnootiin tikaa Wayyaanee baqattoota Oromoo sirna isaa jalaa baqatanii biyya ollaa keessa jiraatan adamsanii ukkaamsuu fi ukkaamsisuu irratti argamu. Obbo Dabbasaa Guyyoo Saafarroo, jaarsi umriin waggaa 80, Fulbaana 27, 2015 Naayiroobii keessaa ukkaamsamanii hanga ammaa achibuuteen isaanii hin baramne. Akkasumas baqattootni Oromoo maqaan tarrifame garii walta’iinsa humnoota tikaa Wayyaanee fi poolisoota Keeniyaatiin Naayiroobii fi bakkoota birootii guuramanii maqaa gooltummaatiin mana hidhaa biyya ormaa keessatti dararamaa jiru. Akka kanaan dalagaan gooltummaa mootummaa Wayyaaneetiin raawwatamu daangaa biyyaa fi biyyoota ollaa irra utaalee sadarkaa idil-addunyaatti tarkaanfateera.
Wayyaaneen soba ija baasee fi olola dharaa oofuudhaan umrii bittaa ofii dheereffachuuf dhama’a. Soba tarrisuun, soba dhugaa fakkeessuu fi ummatoota gidduutti shakkii fi sodaa uumuun aangoo irra of tursuuf tattaafata. Kun tooftaa dhaabbataa fi dulloomaa murni kun kanatu na baasa, kana malee jiraachuu hin danda’u jedhee waggoota digadamii afuriif itti gargaarame; ittis gargaaramaa jira. Olola dharaa oofuu mala jireenyaa taasifate. Murni aangoo dhuunfatee deggersa ummataa hin qabnee fi yeroo hunda bir’ataa jiraatu kun, fuula duras hanga gaafa aangoo irraa darbamuutti shira akkasii dalaguu irraa if duuba hin deebi’u. Umrii bittaa ofii dheereffachuuf olola diiggaa fi sum’aawaa oomishee ummata keessa facaasuun shakkii fi afanfaajja’iinsa uumuu irraa hin dhaabbatu. Mootummaa deggersa ummataa fi hundee hin qabne humnaa fi ololaan biyya bulchuuf tattaafatu dha.
Wayta amma Addi Bilisummaa Ummata Tigraay wal dhabbii of keessatti qabuu fi beela dabalatee rakkoolee hawaasummaa adda addaa ummatoota empaayerattii hudhanii qaban dhoksuuf oduu fi fiilmii sobaa oomishee ilaalcha ummataa gara dabarsuuf abbala. Kana malees dhihee bari’u mootummaa fi ummata biyya ollaa irratti olola jibbaa facaasuun ilaalcha ummatoota Itoophiyaa keessa jiranii gara dabarsuun bara bittaa isaa dheereffachuu barbaada. Hunda caalaa immoo, Adda Bilisummaa Oromoo dabalatee Tumsi Bilisummaa fi Dimokraasii Ummatootaa dhaabotni ummatoota cunqurfamoo shan dhiheenya ijaaran mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa buusee jira. Kanaaf waan qabatuu fi gadi dhiisu isa wallaalchisee akka saree maraatuu olii fi gadi kaachuun, keessaahuu, ummata Oromoo unkuruu irratti fuulleffate. Adda Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoo irratti olola dharaa kan maqa-balleessii oofee bulguu fakkeessuudhaan ummatoota biroo fi hawaasa addunyaa duratti dhiheessuuf tattaafata.
Haa ta’u malee ummata Oromoos ta’e ummatootni cunqurfamoon empaayerattii keessa jiran olola dharaa fi tooftaa dulloomaa Wayyaanee kanaaf gurra kennaa hin jiran. Ummatootni empaayerattii Mootummaan Wayyaanee mootummaa ummata sobuu fi sobaan jiraatu ta’uu erga itti dammaqanii tureera. Mootummaa osoo ummatni beela’uu quufatu jira, dinagdee biyyaa dachaadhaan guddisnee jirra jedhuu fi kijibaan jiraatu ta’uu hundatu beeka. Mootummaa mirga dhala namaa gara jabinaan dhiitaa, bilisummaa nam-tokkee fi sabaa irra ejjetaa sirna dimokraasiin ijaaree na faarsaa, jedhee ija dhiibee ummatoota nin bulcha jedhuu fi hawaasa addunyaa sobu dha. Haa ta’uu yeroon isaa yeroo itti ummatatti hurrii maranii bulchuun danda’amu miti. Yeroo itti dammaqiinsi ummataa fi guddinni teknooloojii beeksisaas guddate akkasii keessa miidiyaadhaan uummata sobuu yaaluun of gowoomsuu dha. Akkasumas ummatootni empaayerattii, keessaahuu, ummatni Oromoo har’a ololaa fi tarkaanfii shoororkeessummaa mootummaa Wayyaanee fi lukkeelee isaaf jilbeenfataa hin jiran. Hidhaa fi ajjeechaan qabsoo keenya hin dhaabu, warri har’a karaa baay’ee nutti duulaa jiran boru karaa itti dhugaa fi ol’aantummaa ummataa jalaa bahan tokko illee hin qabaatan jechuudhaan hamilee fi murannoodhaan diina hanga funyaaniitti hidhate dura dhabbataa jiru. Dhuma irratti injifannoon kan ummataa akka ta’us shakkiin hin jiru.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 5, 2015

Killer Master Plan

Maqaa Maaster Plaaniin eenyummaa uummata Oromoo dhabamsiisuun haa dhaabatu jedhu momitoonni


Paartiin mormituu, Kongiresiin Federaalawa Oromoo, xalayaa gaaffilee ijoo afur of keessaa qabu, Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Obbo Hayile-mariyaam Dessaaleyitti barreessee,  waraabbii yokaan kophii isaa Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa, Mana-maree Federeeshinii Itiyoophiyaa fi Mana-maree Bakka-bu’ootaa yokaan Caffee Oromiyaatti erguu isaa dubbata.
Dura-taa’aan Paartichaa – Dr. Mararaaa Guddinaa, qabiyyee xalayichaa ennaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan tokkoffaa, maqaa  Maaster Pilaanii magaalaa Finfinneetiin magaalaalee Oromiyaa liqimsuun, lafa, qabeenyaa, aadaa fi eenymmaa uummata Oromoo naannoo sanaa dhabamsiisuun haa dhaabatu, lammaffaa: maqaa misoomaatiin maallaqa xinnoo qonnaan-bulaatti kennanii lafa isaa irraa buqqisuunii fi dandaa inni argachuu male dhabamsiisuun haa dhaabatu, yoo lafti irraa bitames iddoon jireenya isaaf ta’u akka hafuuf, akkasumas, misoomicha keessaa dantaan akka qoodamuu fi yokaan maallaqni sanaaf gitu akka kennamuuf fi sadaffaa: kan Heera Itiyoophiyaa keessatti tumamee jiru Oromiyaan Finfnnee keessatti dantaa addaa qabdi, kan jedhu akka hojii irra oolfamuu, ka jedhuu fi ka biroo qbaachuu isaa dubbatan.
Gaaffii fi deebii Dr. Mararaa Guddinaa waliin geggeessame armaan gaditti caaqasaa

Wednesday, November 4, 2015

የፌዴራል ዓቃቤ ሕግ አራት በኦሮሚያ ምዕራብ ሸዋ ዞን የአምቦ ከተማ የኦሮሞ ወጣቶችን በኦነግነት በመወንጀል ጥቅምት 17 ቀን 2008 ዓ.ም. ክስ መሠረተባቸው፡፡

ተጠርጣሪዎቹ የኦሮሞ ነፃነት ግንባር (ኦነግ) አባል በመሆንና ተልዕኮውን በመቀበል፣ በአገር ውስጥና በውጭ አገሮች ከሚገኙ አባላቱ ጋር በስልክ በመገናኘት፣ በከተማው ሰላማዊ ነዋሪዎችና በመንግሥት ተቋማት ላይ ጉዳት ለማድረስ በመንቀሳቀስ፣ አንድ የመከላከያ ሠራዊት አባል በመግደልና በሌሎች የመንግሥት አመራሮችና ነዋሪዎች ላይ ከባድ የአካል ጉዳት በማድረስ በማለት፣ የፌዴራል ዓቃቤ ሕግ ለፌዴራል ከፍተኛ ፍርድ ቤት 19ኛ ወንጀል ችሎት ያቀረበው ክስ ያስረዳል፡፡
ተከሳሾቹ ቀጄላ ገላና ቅጽል ስሙ ሙረታ ሰባ፣ አብደታ ዶላንሳ ቅጽል ስሙ ዴኔዲዳ፣ ሰብኬር በቀለ ቅጽል ስሙ ከዩ ድጋና ኡርጌሶ ደመና ቅጽል ስሙ አብደታ ደመና የሚባሉ ናቸው፡፡ ከ2006 ዓ.ም. ጀምሮ ካልተያዙ ግብረ አበሮቻቸው ጋር በመሆን በህቡዕ ስብሰባ በማድረግ፣ በሚያዝያ ወር 2007 ዓ.ም. ‹‹ኦጋፋ ኢጌ ጉማ ኦሮሞ›› የሚባል የህዋስ ቡድን ስያሜ ማውጣታቸውን ዓቃቤ ሕግ በክሱ ጠቅሷል፡፡
ተከሳሾቹ የኦነግን የፖለቲካ ዓላማን ለማራመድ በመስማማት በተቀበሉት ትዕዛዝ መሠረት፣ በአምቦ ከተማ በቀበሌ 03 ነዋሪና የቀበሌው ምክትል ሊቀመንበርን በአራት ጥይት መትተው ማቁሰላቸውንና አንድ ዓይናቸውን ማጥፋታቸውን፣ በምዕራብ ሸዋ ፖሊስ መምርያ ግቢ ውስጥ ቦምብ በመወርወር በጽሕፈት ቤቱ ላይ ጉዳት ማድረሳቸውን፣ የሆሚች አሙኒሽን ኢንጂነሪንግ ኢንዱስትሪ ንብረት በሆነው ቢሾፍቱ የሠራተኞች ሰርቪስ ላይ ቦምብ በመወርወር 213,000 ብር በሚገመት ንብረት ላይ ጉዳት ማድረሳቸውን፣ በአምቦ ቴክኒክና ሙያ ኮሌጅ ይማር የነበረውን የመከላከያ ሠራዊት አባል የነበረው ዳርጌ ኡርጌሳን መግደላቸውንና ሌሎች የወንጀል ተግባራትን መፈጸማቸውን ዓቃቤ ሕግ በክሱ ዘርዝሮ አቅርቧል፡፡
ኡርጌሳ ደመና የተባለው ተከሳሽ የኦነግ አባል ሆኖ ሲንቀሳቀስ ከየካቲት ወር 2006 ዓ.ም. ጀምሮ ሞቲ ሞቱማ በተባለ ግለሰብ አማካይነት፣ በውጭ ለሚገኙ የኦነግ መገናኛ ብዙኃን መረጃ ለማቀበል ተስማምቶ በተለያዩ የሚስጥር ስሞችና በተለያዩ ስልኮች በመጠቀም፣ አምቦ ከተማ ውስጥ ስለሚገኙ የኦነግ አባላት ህዋስ አደረጃጀትና ምልመላ መረጃ ሲያስተላልፍ እንደነበር ክሱ ያስረዳል፡፡
ተከሳሾቹ የኦነግን ተልዕኮ ተቀብለው በህቡዕ በህዋስ ተደራጅተው በአምቦ ከተማ ሰላማዊ ነዋሪዎችና በመንግሥት ተቋማት ላይ ጥቃት በመፈጸማቸው፣ የመከላከያ ሠራዊት አባልን በመግደላቸው፣ ከባድ የአካል ጉዳት በማድረሳቸውና ሌሎች ወንጀሎችን ለመፈጸም ሲንቀሳቀሱ በመያዛቸው፣ በፀረ ሽብርተኝነት አዋጅ ቁጥር 652/2001 አንቀጽ 3(1እና4) ላይ የተደነገገውን ተላልፈዋል በማለት ዓቃቤ ሕግ በዋና ወንጀል ተካፋይ መሆናቸውን በክሱ አስረድቷል፡፡
ፍርድ ቤቱ መቃወሚያ ካለ ለመቀበል ለጥቅምት 23 ቀን 2008 ዓ.ም. ቀጠሮ ሰጥቷል፡፡
Ethiopia election: EPRDF wins every seat in parliament

Ethiopia's ruling party, the EPRDF, and its allies have won every single parliamentary seat in May's elections, according to official results.

This includes the one seat held by an opposition politician following the 2010 poll.
Election commission chairman Merga Bekana made the announcement saying the elections were credible and free and fair.
Opposition parties have said that the process was rigged.
African Union observers described the 24 May vote as "calm, peaceful and credible" and that "it provided an opportunity for the Ethiopian people to express their choices at the polls".

Beyane Petros, the leader of Medrek, one of the main opposition coalitions, said last month that there was no election to speak of as it was not conducted in a fair way, according to the Horn Affairs website.
Medrek has said that hundreds of its members and supporters have been arrested and beaten in recent months, according to an opposition website.
The EPRDF has been in power since the overthrow of the military government in 1991.
In 2005 official results said the opposition won more than 150 seats, but the opposition claimed the figure was much higher.
More than 190 people were killed as protesters clashed with police in the wake of the announcement of those results, an independent report found.
The government says the number was much lower.
In the two elections since then the EPRDF has dominated the parliament.