Friday, November 6, 2015

Killer Master Plan

Maqaa Maaster Plaaniin eenyummaa uummata Oromoo dhabamsiisuun haa dhaabatu jedhu momitoonni


Paartiin mormituu, Kongiresiin Federaalawa Oromoo, xalayaa gaaffilee ijoo afur of keessaa qabu, Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Obbo Hayile-mariyaam Dessaaleyitti barreessee,  waraabbii yokaan kophii isaa Mana-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa, Mana-maree Federeeshinii Itiyoophiyaa fi Mana-maree Bakka-bu’ootaa yokaan Caffee Oromiyaatti erguu isaa dubbata.
Dura-taa’aan Paartichaa – Dr. Mararaaa Guddinaa, qabiyyee xalayichaa ennaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan tokkoffaa, maqaa  Maaster Pilaanii magaalaa Finfinneetiin magaalaalee Oromiyaa liqimsuun, lafa, qabeenyaa, aadaa fi eenymmaa uummata Oromoo naannoo sanaa dhabamsiisuun haa dhaabatu, lammaffaa: maqaa misoomaatiin maallaqa xinnoo qonnaan-bulaatti kennanii lafa isaa irraa buqqisuunii fi dandaa inni argachuu male dhabamsiisuun haa dhaabatu, yoo lafti irraa bitames iddoon jireenya isaaf ta’u akka hafuuf, akkasumas, misoomicha keessaa dantaan akka qoodamuu fi yokaan maallaqni sanaaf gitu akka kennamuuf fi sadaffaa: kan Heera Itiyoophiyaa keessatti tumamee jiru Oromiyaan Finfnnee keessatti dantaa addaa qabdi, kan jedhu akka hojii irra oolfamuu, ka jedhuu fi ka biroo qbaachuu isaa dubbatan.
Gaaffii fi deebii Dr. Mararaa Guddinaa waliin geggeessame armaan gaditti caaqasaa

No comments: