Wednesday, November 18, 2015

Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Kibba Baha Oromiyaa Keessatti Tarkaanfii Hidhattoota Wayyaanee Irratti Fudhateen 9 Ol Hojiin Ala Godhe; Meeshaalee Waraanaas Booji’e. Hidhattootni Diinaa 5nis WBOtti Harka Kennatan.

Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Kibba Baha Oromiyaa Keessatti Tarkaanfii Hidhattoota Wayyaanee Irratti Fudhateen 9 Ol Hojiin Ala Godhe; Meeshaalee Waraanaas Booji’e. Hidhattootni Diinaa 5nis WBOtti Harka Kennatan.
(SBO – Sadaasa 14, 2015) Humnaa fi qabeenya qabu irratti hundaawee mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf qabsoo of irratti hirkannoon falmaa diina irratti godhu finiinsaa kan jiru gootichi WBO, godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfilee diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu daran cimsuu irratti argama.
Haaluma kanaan abdii fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Kibba Baha Oromiyaa Godina Baalee keessa sossohu tibbana diina irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Haaluma kanaan Humni Addaa WBO Risaa jedhamu Sadaasa 10, 2015 Godina Baalee Ona Gooroo Baqaqsaa bakka Qalqalcha Bultii Tafarii jedhamutti ganama barii sa’aa 5:00 irratti humna diinaa ummata dararuu fi sochii WBO danquuf bobbaa irra ture haxiidhaan haleelee loltoota 5 yeroo irraa ajjeesu, 4 ol ammoo madeessuun meeshaalee waraanaa adda addaa irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof akka oolche Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Humni Risaa tarkaanfii boonsaa kana fudhate diina irraa qawwee AKM-47 5, boombii harkaa F1 jedhamu 20, boorsaa waraanaa kan dugdatti baatamu 5 mi’a qabu waliinii fi meeshaalee biroo diina irraa booji’uun bu’aa qabsoo bilisummaa Oromoof akka taasise beekuun danda’ameera.
Kana malees Humni Addaa WBO (Risaan) Godina Baalee Ona Gooroo Baqaqsaa bakka Qalqalcha Bultii Tafarii jedhamutti wayta tarkaanfii kana fudhatetti sabboontota Oromoo hidhattootni wayyaanee maqaa ABO fi WBO gargaartu, nu rukuchiistu jedhuun qabanii deemaa turan keessaa tokko akka harkaa baases oduun kun ni hubachiisa.
Hidhattoota wayyaanee tarkaanfii humna addaa WBO Risaan haleelaman keessa turan keessaa 5 (shan) hidhannoo isaanii guutuu waliin WBOtti akka harka isaanii kennatan Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa mirkaneessee jira.
Tarkaanfiin diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatamu jabinaan kan itti fufu ta’uus Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa hubachiisee jira.
Xumura irratti Oromoota dabalatee ilmaan ummatoota cunqurfamoo sirna wayyaaneef meeshaa ta’uun qabsoo bilisummaa fi mirga isaanii deebifachuuf ummatootni kun taasisaa jiranitti gufuu ta’anii jiran hidhannoo isaanii sirna wayyaanee diina ummatoota cunqurfamoo empaayerattii ta’ee jirutti nannessuun xumura sirna gabrummaa isaa akka shaffisan WBOn hiree kanaan yaamicha isaa haaromsee jira.
—–
—–
Gumaacha WBO: Hawaasni Oromoo Magaalota Riyaadii fi Tabuuk Akkasumas Naannawaa Magaalota Kanneenii Jiran Guyyaa Ayyaana Arafaa Sababeeffachuun Walitti Dhufanii WBO Jabeessuuf Riyaala Sa’udii 70,483 Gumaachan
(SBO) – Oduun Riyaad Sa’ud Arabiyaa irraa SBO dhaqqabe akka hubachiisutti, Konyaa ABO jalatti hawaasni Oromoo magaalaa Riyaadii fi naannawa isheetti argamu Fulbaana 26,2015 Ayyaana Arafaa sababeeffachuudhaan walitti dhufanii dhimmoota adda addaa irratti marii taasisuun walgahii bareedaa geggeeffatanii jiran.
Walgahiin kun akkuma aadaa Oromootti eebba maanguddootaan kan jalqabame oggaa ta’u, dura ta’aan Konyaa ABO Riyaad hawaasa walgahii kana irratti argameen baga nagaan dhuftan jechuun simatan.
Biyya Sa’ud Arabiyaatti bakka bu’aan ABO Engineer Mahaammad Haajii sirna kana irratti argamuudhaan dhimma QBO ABOn durfamu, sochii WBO fi dhaamsa WBOn dhaammataa jiru irratti ibsa bal’aa hawaasaaf akka kennan oduun SBO dhaqqabe kun ni addeessa.
Hawaasni Oromoo Riyaadii fi naannawa ishee WBO jabeessuuf akkuma waadaa seenee tinnisa jajjabaa godhaa turetti, walgahii kana irrattis ibsa laatameefiin booda, Riyaala Sa’ud Arabiyaa 33,700 (Kuma Soddomii Sadii Fi Dhibba Torba) WBO jabeessuuf gumaachuun isaanii gabaafameera. Gara fuula duraattis WBO jabeessuuf waan danda’ameen bira dhaabbachuu irraa kan of booda hin deebine ta’uus mul’isaniiru.
Konyaa ABO jalatti Walgahii hawaasni Oromoo Riyaadii fi naannoo ishee Fulbaana 26,2015 Ayyaana Arafaa sababeeffachuun geggeeffatan kana irratti nyaatni aadaa Oromoo kan Godinoota Oromiyaa cufaa kan dhihaate oggaa ta’u, walaloolee fi diraamotni gara garaa miidhaa fi cunqursaa Oromoo irra gahaa jiru mul’isanis dhihaataniiru.
Artistootni Oromoo kan akka Bakkalcha Konbolchaa fi Siinboonee Addunyaa faa waltajjii kana irratti argamuun hawaasa kan bashannansiisan oggaa ta’u, xumura walgahii kanaattis hawaasni walgahe ibsa ejjennoo qabsoo jajjabeessu dabarfachuun walgahii isaanii milkii fi injifannoon xumurachuu isaanii oduun Riyaad irraa SBO dhaqqabe hubachiisee jira.
Haaluma walfakkaatuun Fulbaana 26, 2015ttis biyyuma Sa’ud Arabiyaatti Konyaa ABO jalatti hawaasni Oromoo kan magaalaa Tabuukii fi naannawa ishee jiraatu Ayyaana Arafaa sababeeffachuudhaan walitti dhufanii achumaanis dhimma QBO irratti walgahii godhachuu isaanii oduun walqabatee nu dhaqqabe beeksisee jira.
Qophiin hawaasaa kunis akkuma aadaa Oromootti kan baname eebba maanguddoota Oromoon oggaa ta’u, dura ta’aan Konyaa ABO Tabuuk Obbo Fayyisaa Kumsaa simannaa hawaasaaf godhaniiru.
Miseensi Gumii Sabaa ABO Jaal.Atoomsaa Kumsaa karaa bilbilaan walgahii kana irratti hawaasa walgaheef haala QBOn irra jiru irratti haasaa akka godhanis beekuun danda’ameera. Hawaasni Oromoo qabsoo isaanii cina dhaabbatanii akka jajjabeessan, WBOn humna ummata Oromoo waan ta’eef, haga Oromiyaan bilisoomtutti WBO jabeessuu fi Qabsoo itti fufuun daandii filmaata biraa hin qabne ta’uu Jaal.Atoomsaan dhaamsa isaanii keessatti hubachiisaniiru.
Haaluma kanaan hawaasni Oromoo magaalaa Tabuukii fi naannoo kanneen walgahii kana irratti argaman WBO jabeessuuf Riyaala Sa’ud Arabiyaa 36,783 (Kuma Soddomii Ja’aa fi Dhibba Torbaa fi Saddeetamii Sadii) tinnisa, bittaa fi gurgurtaa irraa argame walitti qabuun gumaachuu isaanii oduun SBO bira gahe hubachiisee jira.
SBOs Hawaasa Oromoo Sa’ud Arabiyaa WBO jabeessuuf gumaacha jajjabaa gochuu irratti argamaniin galatni kessan Bilisummaa dha jechaa, ammas irra deebi’uun hawaasa Musliimaan Baga Ayyaana Arafaan isin gahe jedha. Kanneen Hajjiidhaaf gara Sa’ud Arabiyaa deemanii balaan du’uu fi miidhaan adda addaa irra gaheef ammoo gadda isaa irra deebi’ee ibsa.

No comments: