Monday, July 6, 2015

Daaw’annaan Obaamaa Gara Itoophiyaatti Saganteeffame Imaammata Sirna Dimokraasii Faallessa
Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
ABOn daaw’annaan Prezidant Obaamaan dhuma baatii Adoolessaa 2015-tti Itophiyaatti adeemsisuuf karoorfate, abbootii irree kan jajjabeessu, bittootni hacuuccaa fi saaminsa ummatoota irratti gaggeessan akka itti fufaniif kan hamilchiisu waan taheef jabeessee morma. Bara 1991 Itoophiyaa keessatti oggaa mootummaan Abbaa Irree Dargii qabsoo ummatootaan aangoo irraa darbamee Mootummaan Cehumsaa kan yeroo hundeeffamu waadaan U.S. irraa dhagahamaa ture yoo sirni dimokiraatawaan mirkanaawe malee gargaarsi gama Ameerikaa irraa hin jiraatu (“No dimokraasii, no cooperation,”) kan jedhu ture. Waadaa U.S. kana ifatti kan dubbatan I/A Gaafatamaa Haajaa Alaa U.S. oggasii Herman J. Cohen turan.
Kan yeroo sanatti caalmaa humna waraanaa qabutti gargaaramee aangoo mootummaa kan dhuunfate Wayyaaneen (EPRDF) yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti farra dimokraasii tahuu isaa hojiidhaan mirkaneesse. Dhaabotni siyaasaa kanneen bilisummaa ummataa fi sirna dimokraasii dhugoomsuuf qabsaawan kanneen akka Adda Bilisummaa Oromoo oggasuma adeemsa farra dimokraasii Wayyaanee mormuudhaan irraa adda bahan.
Erga sanaa jalqabee waggoota 24 dabraniif sababaa adeemsa farra dimokraasii Wayyaaneen filateen hacuuccaan gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa ummatoota irra gahaa turee fi gahaa jiru kan salphaatti tarrifamee keessaa bahamu miti. Gabaasaan Dhaabbattootni mirga dhala namaa kanneen akka Amnesty InternationalHuman Rights WatchHuman Rights League of the Horn of AfricaCountry Report U.S. State Department mataan isaa … fi kkf. hedduun yeroo adda addaatti baasan, roorroo Wayyaaneen (EPRDF) ummatoota irraan gahu hundas tahuu baatu hanga tokko ni mul’isu. Haa tahu malee sunuu miidhaa suukanneessaa Wayyaaneen dhoksaadhaan goleelee biyyattii iddoo caasaan miidiyaa kamuu hin dhaqqabnetti (keessattuu goleelee Oromiyaa hunda keessatti) raaw’atu hedduu isaa kan hin dabalannee dha.
Walumaa gala warreen maalummaa Itoophiyaa isa dhugaa hin beekne yookaan osoo beekanii haalan, miidhaa mootummaa Itoophiyaatiin ummatoota irra gahu akka cabiinsa mirgoota murtaawootti dhiheessuu yaalan iyyuu, dhugaan jiru garuu, Itoophiyaa keessa hundeedhumaan bilisummaa Ummatootaatu guutuutti sarbamee jira. Waggoota 24 dabaraniif (akkuma sana duras godhamaa turetti) Ummatootni biyyattii dirqama murna aangoo irra jiru deggeruu fi filuu qawweedhaan irratti fe’ame baadhachuu malee mirga abbaa barbaadan deggeruu fi filachuu gonfachuun hafnaan yaaduunuu yakka guddaa itti tahee gidiraa hedduuf kan saaxilu akka tahe “Filannoo” Wayyaaneen dhiheenya kana gaggeesseetin 100% mohadhe jedhe caalaa ragaa biraa dhiheessuun hin feesisu.
Osoo imaammatni sirna dimokraasii jajjabeessuu kan U.S. nin hordofa jettu dhugaa tahee, yeroo ammaatti kan mootummaa U.S. irraa eegamu President Obaamaan akka Itoophiyaa daaw’atan saganteessuu osoo hin taane, murna Wayyaanee kan bilisummaa Ummatootaa guutuutti sarbee afaan qawweetiin ummatootatti akka fedhe roorrisaa turee fi jiru yoo xiqqaate ifatti balaaleffachuudhaan akka inni karaa badii kana irraa deebi’u gaafachuufaa tahuu male. Faallaa kanaa garuu U.S. dantaa yeroo kan mootummaa America qofa ilaaluudhaan gochaa Wayyaanee karaa badii inni hordofaa jiru irratti jajjabeessu raaw’achuu itti fufuun hedduu gaddisiisaa dha. Mootummaa akka poolisa addunyaatti of herreguu fi sirna dimokraatawaa hordofa ofiin jedhu irraa kan eegamus miti.
Akkuma beekamu jal-bultii “Filannoo” 5ffaa Wayyaanee dhiheenya adeemsifamee irratti aangawaan mootummaa Ameerikaa Wendy Sherman jedhamtu Finfinneetti argamuudhaan Itoophiyaa keessatti filmaatni adeemsifamu yeroo irraa gara yerootti wayyoomina argsiisaa deemuutti jira jettee ragaa bahuufiidhaan inni ammaa kunis dimokraatawaa akka tahu, iftummaa qabaatu, hunda hirmaachisuu fi nagaan kan gaggeeffamu akka tahu abdii qabna jechuudhaan filannoo doorsisa, hidhaa, dinniinaa fi hannaan geggeessuuf Wayyaaneen itti qophaa’aa ture eebbisteefii deebi’uun kan yaadatamuu dha. Kana irrattis dhaabbattoota mirga namoomaa hedduu fi jaarmayoota gara garaa irraa mormiin guddaan mudatee ture. Eebbi Wayyaaneen aangaawaa Ameerikaa kana irraa argates gochaa farrummaa filannoo irratti raawwatuuf karoorfate akka itti fufu onnachiisee haala addunyaa irratti mul’atee fi dhaga’amee hin beekneen dhibbaa-dhibbatti mo’atuu labsate. Daaw’annaan Prezidant Obbaamaa kan ammaa kunis kana eebbisuufiin alatti fayidaan biraa ummatoota Itophiyaa fi naannoo keenyaaf fidu hin jiru.
Daaw’annaan dhuma baatii Adoolessaatti saganteeffame kun, murna abbaa irree aangoo irra jiru caalaatti jajjabeessee, dhiittaan mirga namoomaa, preesii walaba ukkaamsuun, saamichaa fi roorroon ummatoota irra geessifamu biyyattii keessatti akka daran babal’atu kan taasisu dha. Hidhamtootaa Oromoo fi kanneen mirga falamatan biroo kuma kudhaniin lakkaawaman mana hidhaa keessatti akka tortoran irratti murtii gadi jabeessuu dha. Kana malees imaammatni Ameerikaan hordoftu kan dantaa ummatootaa fi mirga namoomaa herrega keessa galchu osoo hin taane dantaa Ameerikaa qofa kan dursu tahuu caalaatti hubachiisa.
ABOn daaw’annaan akkanaa abbootii irree kan jajjabeessu, bittootni hacuuccaa fi saaminsa ummatoota irratti gaggeessan akka itti fufaniif kan hamilchiisu waan taheef jabeessee morma. Hiree kanaanis mootummaan Ameerikaa karoora isaa kana akka irra deebi’ee ilaalu deddeebisee gaafata. Kanuma waliin dantaan Ameerikaas kan caalaatti tikfamuu fi iggitii qabaatu abbootii irree jajjabeessuudhaan osoo hin taane qabsoo haqaa ummatootni bilisummaa fi sirna dimokiraasii dhugoomsuuf gaggeessan deggeruu fi jajjabeessuudhaan akka tahe hubachiisa. Hundaan olitti ammoo daaw’annaan akkanaa abbootii irreef yeroof kan fayyadu tahus qabsoo ummatootaa kan boodatti deebisuu hin dandeenye tahuu hubachiisa. Seenaan qabsoo ummatootaa kan dhiheenyatti naannoo kanatti tahaa tures, ummatoota mirga isaaniif falmatuuf murteeffatan humni dhaabuu danda’u kan hin jirre tahuu mirkaneessan.
Injifatnoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 4, 2015

No comments: