Wednesday, May 4, 2016

Seerri Farra Shorokeessummaa Itoophiyaa haqamuu qaba.

Seerri Farra Shorokeessummaa Itoophiyaa haqamuu qaba.

OMN:Oduu Caamsaa 03,2016 Gaanfa Afrikaatti Ligiin Mirga Namoomaa  Mootummaan Itiyophiyaa  Maqaa seera kabachiisuun  gochoota seeraan alaa uummata Oromoo irratti raawataa Jiraa jedha.Itiyophiyaa keesatti gochootin Shororkummaan wal qababatan jiraachuusaa akka hinbekne kan dubbatan Oogganaan dhaaba kanaa obbo Gaarummaa Waaqasaa, Mootummaan Itiyoophiyaa garuu Uummata Oromoo seera Farra Shororkeesummaatin hiraarsaa Jiraa jedhu.OMN, Dhuma baatii kanaa irratti Mootummoota Gamtooman irratti dhimmoota kana kaasuuf kan jiran obbo Gaarummaan, Seerri sun Haqamuu qabaa kanaachi ammoo seeraan dhimma itti ba’amuu qaba. Kan kana dhiibbaa gochuu danda’u ammoo warroota seera sana addunyaaf boce dhaa  jedhu.Seera Farra Shororkeesummaa biyyoota addunyaa Hedduutu qaba. Hata’uuti Isaan kun Seera sana kan itti dhimma ba’an lammilee isaanii ittin ukkaamsuuf miti jedhu obbo Gaarummaa Waaqasaa,Itiyoophiyaa biyya gochi shororkeesummaa keessatti raawatee miti yaadamee hin beenne keessatti garuu,  Seerri kun lammilee biyyattii Mootummaa sana qeeqan ittin adabuuf dhimma itti ba’amaa jiraa jedhu.
Shororkeesummaa Yoo Jenne, gocha waliin deemaa kan Jedhan obbo Gaarummaa Waaqasaa Baqalaa Garbaa fi Dajanee Xaafaa Dabalatee, Qabsaa’ota Mirga namoomaa ol aanootu seera kanaan Ukkaamfamee mana hidhaa keessatti midhaa hagana Hin jedhamne argaatti jiraa jedhu. Biyya ani Jiraadhus ta’e Ameerikaa biyya isin jirtan keessatti Qabsaa’oti Mirga Namoomaa Lammilee isaanif waamicha Mormi taasisanii, Si’a tokko tokko otuu hin yaadamin Mormin sun gara biraatti jijjiiramee namooti hanga Konkolaataa Poolisi gubuutti yoo aarii isaanii mullisan ni arginaa jedhu. Hata’uutii biyyooti kun namoota kana yeroo itti shororkeesummaan himtan dhageenyee hin beeknuu kan jedhan obbo Gaarummaan Itiyoophiyaan garuu namoota karoora isaanii morme qofa kan isheen farra shororkeesummaan adbduu jedhan.
Akka Obbo Gaarummaan Jedhanitti Mootummaa Itiyoophiyaaf seeri farra shororkeesummaa Daldala guddaa ta’ee Jira. Dhaabileen Siyaasaa Mootummaa Sana Morman biyyatti keessatti shororkeesitootaa biyya seera farra shororkeesummaa sana bocce akka Ameerikaa keessatti ammoo Dhaaboti kun waajjira qabuu jedhan.
Biyyooti Dhihaa hedduun bara 2009 akka Itiyoophiyaan sera sana labsiteen yaaddo qaban ibsaa turan. Amala Mootummaa Itiyoophiyaa itti siqeenyaan beekuu irraa kan ka’e labsin sun dhaabbilee Mirga namoomaafillee yaaddoo guddaa ture. Booda garuu hin hafne namoota nagaa hedduu gaaga’ee ammas gaaga’aatti jiraa Jedhan obbo Gaarummaan.
Kun bakka ta’etti dhaabbachuu danda’uu qaba. Biyya shororkeesummaan hin jirre keessatti seerri sun jiraachuu hinqabu. Jiraachuun isaa barbaachisaa yoo ta’e ammoo kan lammiin ittiin adabamu ta’uu hinqabuu jedhu. Dhuma baatii kanaa irrattis Mootummoota Gamtooman irratti dhimmoota kana dhiheesuuf jiraa kan jiran obbo Gaarummaan, Seeri sun Haqamuu qabaa kanaachi ammoo seeraan dhimma itti ba’amuutu ira jira. Kan kana dhiibbaa gochuu danda’u ammoo warroota seera sana addunyaaf bocee jedhu.
Gabaasaan Abdii Fiixee ti.

No comments: