Ajjeechaa Sukkunneessaa
Guyyaa kabaja Ayyaana Irreechaa Oromoo Onk.2.2016 Baatii Tokko Duraa.( Irreechaa
Massacare in Oromia Oct.2 2016)
01.11.2016
Tofik
Abdullah Jamal
Kabajaan
ayyaana Irreechaa akkuma beekamu Oromoo mara biratti kabajaa guddaa qaba.
Ayyaana kana
haala bareedaa fi ho`aan Aadaa Oromoo adda addaa mullisanii kabajuuf ilmaan
oromoo marri kaabaa fi kibbaa, bahaa fi
dhihaa walitti dhufuun magaalaa Bishooftuutti bara baraan Ayyaana guddaa fi
Ulfina qabu kana waliin kabajatu.
Guyyaa ayyaana kanaa kabajuuf Onko.2.2016
ganama irriba irraa ka`anii Gooftaa nagaan nu bulchite nagaan nu oolchi jechuun
Jaarsa,Jaartii,Darggaggeessa,shamarranii fi Ijoolleen xixiqqoon wal-eebbisaa
uffata Aadaa Oromoo babbareedaa uffatanii fi hiriira galanii waliin sirba aadaa
Oromoo tapachaa Oromoon tilmaamaan Millioona 2 ol-ta`a jedhamu bakka tokkotti
walitti qabamuun gara kabajaa Irreechaatti qajeelan.
Akkuma
Oromoon hundi Aadaa ufii mullisuufi gammachuun irreecha kabajachuuf manaa ba`e,
diinnis garamiin Aadaa kanaa fi kabajaa irreecha kanaa balleessee gammachuu
ilmaan Oromoo gaddatti jijjiira jedhee karoora fixiinsa ( ajjeechaa )
sukkunneessaa ilmaan Oromoo nagaan Aadaa ufii kabajachuuf manaa ba`an irratti
ija isaa diimessee fuula isaa marxoon uffatee meeshaa isaa baattatee gara
dirree irreechaatti himale.
Ummanni
Oromoo marri bara kana gubannaa hedduu garaa qaba waan ta`eef Ayyaana Irreechaa
kabajachaa akkasumas Ajjeechaa,hidhaa fi dararama ilmaan keenya irra gahaa jiru
karaa nagaan sagalee mormii isaanii tuttuqaa motummaan wayyaane waltajjii
irraatti jalqabeen mullisuu jalqaban.
Diinni
silumaa Ilmaan Oromoo fixuuf karoorfatee jiru, haala nama sukkanneessuun irraaf
jalaan ilmaan Oromoo irratti dhukaasa banuun gammachuu guddaa guyyaa kabajaa
irreechaa gadda yeroo mara seenaa ilmaan Oromoo keessatti hin irraanfatamne
duguuggaa sanyii nurratti raawwate.
Haala kanaan
motummaan wayyaanee xiqqoo fakkeessee
guyyaa irreechaa sana ilmaan Oromoo 52 qofa ajjeeseen jira jedhee dhaadatullee,
ragaa qabatamaan akka mullisutti guyyaa gaafasii qofa ilmaan Oromoo 500
ol-ta`an akka motummaa wayyaaneen ajjeefaman mirkanaawee jira. Ajjeechaan
guyyaa irreechaa kunis midialee adunyaa bebbeekamoo ta`an mara irratti
gabaasamee jira.
Guyyaan
irreechaa 2016 harra`a ji`a tokko ( Guyyaa 30 ) guutee Seenaa hin dagatamne
ta`ee darbuutti jira.Guyyaan kun ilmaan Oromoo mara biratti guyyaa
Dukkana,hadhaawaa fi gubannaa yeroo maraa taatee yaadamti.Saba keenya gaafas
ajjeefaman mara niyaadanna gonkumaa hin hirraanfannu.
Akkasumas
gumaa ilmaan oromoo qabsoo bilisummaa keessatti wareegamani hundaa ni baafanna.
Diinni
keenya sirumaa takkaa nu ajjeesuu hin dhiifne, inni guyyaa irreechaa adda ta`ullee,
kanaafuu Ilmaan Oromoo Biyya keessa jiranii fi warri biyya alaa jirru tokko
taanee Motummaa wayyaanee fi diina keenya irratti garaa jabaannee harka wal-qabannee akka jarri
ilmaan keenya boollattii naqanii fixan nutis mataan gadi garagalchinee Sirna
kana awwaaluun dirqama lammummaati.
Qabsaawaan
ni kufa
Qabsoon itti
fufa.
Injifannoon
kan Ummata Oromooti!!!
No comments:
Post a Comment