Tuesday, December 12, 2017

Calanqoo ( Oromia,Ethiopia ) Massacare !

Calanqoo: "Daa'ima ganna 

kudhanii mataa keessa dhahanii ajjeessan"

Calanqootti raayyaan ittisa biyyaa namoota ajjeese
Goodayyaa suuraaCalanqootti raayyaan ittisa biyyaa namoota ajjeese
Jiraataan magaalaa Calanqoo maqaan isaanii akka eeramu hin feene, kan kaleessa hospitaala Calanqoo keessa turan, "ofii kiyyaan reeffa namoota 20 lakkaaheen jira, kaan riifariin hospitaala birootti ergaman, lakkoofsichi sanii ol ta'uu mala jechuun BBC'tti himanii jiru.
Jiraataan kun akka jedhanitti namoota ajjeefaman keessa daa'imni ganna kudhanii kan rasaasaan mataa keessa dhawame ni jira, abbaafi ilmi waliin ajjeefaman akkasumas kan ilmi rukutame lubbuun hafe garuu abbaan biraa du'ellee ni jiru.
Jiraataan magaalatti biroo BBC'n bilbilaan haasofsiise Obbo Sufiyaan Usmaan, "jalqaba Aanaa Meettaa araddaa Sarkamaatti liyyuu poolisiin Somaalee nama tokko ajjeefte, sana booda mormii uummataa ka'e irratti kan raayyaan ittisa biyyaa nama ajjeese," jedhu.
"Raayyaan ittisa biyyaa gariin magaaluma Calanqoo turan, gariin ammoo Harar irraa dhufan," kan jedhan Obbo Suufiyaan, "bakka Qullubbii jedhamtu as dabarraan namumaa karaa irratti argan, kana sana osoo hin jedhiin dhawaa seenan," jechuun dubbatu.
Kan manatti itti seenanii ajjeesanillee ni jiru jedhu jiraattonni kunneen.
Wayita bilbilaan haasofsiifne, namoota ajjeefamaan awwaaluuf gara giddugala Siidaa wareegamtoota Calanqoo deemaa akka jiran kan nutti himan jiraattonni kunneen humni waraanaa meeshaalee gurguddoo hidhatee uummata doorsisaa jira jedhu.
Dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa lakkoofsi namoota haleellaa raayyaa ittisa biyyaatiin ajjeefamanii 15 gahuu fuula Feesbuukii isaanii irratti himanii jiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa ajjeechaa raayyaan ittisa biyyaa namoota nagaa irraatti fudhate cimsee kan balaaleeffatuu fi tarkaanfiin kun maaliif fudhatame akkamitti fudhatame kan jedhu qaamni qulqulleesu caffee Oromiyaa irraa kallatti Pirezidaantiin Oromiyaa kaa'aniin bobba'e jira, dhimmichi akka qulqullaa'ee xumurameenis ummata keenyaaf ifa goona jechuunis barreessanii jiru.
Namoota ajjeechaa kana raawwatan seera duratti dhiyeessuufis ni hojjenna jedhan.
Dhimma kana hordofne, odeessawwan dabalataa isin biraan geenya.

No comments: