Wednesday, April 29, 2020

#Ethiopia

Fulbaana booda mootummaan maal ta'a?
Filannoon dhuma Hagayyaatti godhamuuf yaadame sababa koronaan gochuu hin danda'u jedheera boordiin Filannoo. Akka heera mootummaatti ammoo, mootummonni federaalaafi naannoo amma jiran Fulbaana 30 booda yeroon isaanii ni hobba'a. Jechuun paarlamaafi manneen maree federaalaafi naannoo barri hojii isaanii dhumatee ni diigamu jechuudha. Hoji raaw'achiiftuun isaaniin jaaramee jirus, barri aangoo isaa ni xumurama. Kanarraa ka'uun gaaffiin lama ka'eera. Kan duraa filannoo dabarsuun ni danda'amaa? Yoo danda'me hoo aangoo dabarsuu san eenyutu qaba? Kan lammataa hanga filannoon geggeeffamutti, mootummaan eenyuun hogganama? Gaaffilee kanaaf fala afur dhiheessee jira mootummaan.
1) Akkaataa heera mootummaa keewwata 60tin paarlaamaa bittinsuu. Keewwanni kun kan jedhu paarlaamaa keessatti waliigalteen dhabamee, ykn ammoo tumsi mootummaa jaare ture yoo diiigame, muummichi ministeeraa paarlamaa diigee ji'a jaha keessatti filannoon haaraan akka godhamu gochuu danda'aadha. Garuu ammoo kana gochuu kan danda'u waggoota shanan jidduutti. Kaayyoon keewwata kanaa, yeroo filannoo waggaa shanii asitti gabaabsuuf malee dheeressuuf miti. Kanaafuu falli tokkoffaan kun hin hojjatu.
2) Labsii yeroo muddamaa labsuun biyya bulchuu: Akka keewwata 93tti weerarri biyya alaa yoo geggeeffame, jeequmsi guddaan uumamee too'annoon ala yoo ta'e, takkaahuu balaan uumamaa guddaan yoo qaqqabe, manni marii ministeerotaa labsii yeroo muddamaa labsuun, heero mootummaa rarraasee, biyya bulchuu danda'a. Kunis filannoo dabarsuuf furmaata hin ta'u. Tokkoffaa, labsii amma jiru dheeressuuf koronaan yoo hammaatee Fulbaana boodas itti fufe qofa danda'ama. Lammaffaa, osoo koronaanuu hammaatee labsiin dheerateeyyuu yeroo mootummaa amma jiruu dhumuu ( expire) irraa hin hambisu. Labsiin yeroo muddamaa osoo itti fufeeyyuu raaw'iin isaa hoji raaw'achiiftuu mootummaa amma jiruun osoo hin taane qaama haaraa jaaramuun ta'uun dirqama.
3) Heera mootummaa fooyyeessuu: Akka yaada kanaatti, keewwata 54 kan umriin mana marii waggaa shani jettu san fooyyeessuun tarii filannoo dheeressuun ni dand'ama kan jedhuudha. Keewwata kana fooyyeessuuf mana maree bakka bu'ootaafi federeshiniitti harka 2/3ffaa, akkasumas manneen maree naannolee sagalee keessaa kan jahaan sagalee wayyabaan deeggaramuu qaba. Garuu, adeemsi kun rakkoo fudhatamummaas qaba. Akkuma beekkamu, manneen maree federaalaas ta'ee kan naannolee, filannoo hatameen paartiin biyya bulchu harka 100 qabate. Har'a manneen maree kun filannoo dheeressuuf sagalee haa kennan jechuun, murtii biyyolessaa osoo hin taane kan paartiin tokko yeroo aangoo ofii dheereffachuuf godhu ta'a. Abbootiin irree biyyoota hedduu bifa kanaan heera mootummaa fooyyeessuun term limit isaanii dheereffatanii angorra turuun beekamu. Biyya teenyatti garuu yeroo sirna abbaa irree waggoota 27 biyya dhiite irraa gara dimokraasii ceena jennu kanatti adeemsi akkasii goonkumaa fudhatama hin qabu.
4) Heera mootummaa hiikuu: Heera mootummaa kana hiikuuf angoon kan laatame mana maree federeeshiniitiifi. Heerri mootummaa waa'ee filannoo dheeressuu homaa waan hin jedhiniif kanarratti furmaata hiikkoo heeraa barbaachisa yaada jedhutu jira. Kunis hin ta'u. Sababa lamaan. Kan duraa manni maree federeeshinii waan heera irratti barreeffamee hiikkaa isaa irratti atakaaroon ka'e hiika malee, waan hin barraayin haaraatti barreessee hiikuu hin danda'u. Heera mootummaa irratti dhimma filannoo dheeressuu wanti barraaye hin jiru. Lammaffaa heerri mootummaa dhimma filannoo dheeressuu wanti hin katabiniif sababa qaba. Namoonnifi paartileen harka wayyabaa qaban keewwata filannoo dheeressuu hayyamu sanitti fayyadamanii umrii angoo isaanii dheereffatanii sirna abbaa irree akka hin jaarreefi. Kan 3ffaa, osoo hiikkoon heeraa haa godhamuu jedhamees, paartiin tokko qofti mana maree federeeshinii dhuunfatee waan jiruuf gochi akkasii fudhatama hin qabu. Filannoon dhimma paartilee walmorkan hunda laallatu ta'ee osoo jiruu qaamni paartii tokkoon dhuunfatamee jiru murteessuun gonkumaa fudhatama hin qabu.
Kanarraa ka'uun, gaaga'ama heera mootummaa ( constitutional crisis) amma uumame kanaaf furmaanni seeraa, filannoo achi butanii umrii mootummaa kanaa dheeressuuf dandeessisu hin jiru. Gara biraan falli seeraa hin jiru. Falli yoo jiraate waliigaltee siyaasaa paartilee jiddutti godhamu irraa madda. Guyyaan filannoon itti godhamus ta'ee akkataa mootummaan Fulbaana irraa hamma sanitti geggeeffamu kan murtaa'e mariifi waliigaltee dhaabbilee siyaasaatin qofa ta'a. Kanaan ala deemamnaan Fulbaana 30 booda mootummaan utubaa heeraa qabu hin jiraatu.

By Jawar Mohamed

No comments: