Tuesday, May 19, 2015

 Filannoo Ethiopiaa Baranaa

Akkuma beekamu filannoon Ethiopia Bara 5tti al-tokko geggeeffama, haaluma kanaan filannoon baranaa Caamsaa 24, 2015  guutuu biyyattiitti geggeeffama jedhamee eegamaa jira.Haata`u malee filannoon biyyattii keessatti geggeeffamu yeroo maraa mootummaa wayyaanee abbaa hirree harkaa ba`uuf carraa hin arganne.Mootummaan wayyaanee bara mootummaa cee`umsaa 1991 irraa jalqabee aangoo biyya sanaa ufirkatti hanbifachuuf dhaabbilee Siyaasaa adda addaa mara irratti dhiibbaa guddaa taasisee ture ammallee haala cimaan itti fufee jira.Akkasumas namoota kumaatamaan lakkaawaman ajjeesuu fi hidhuun bara dheeraaf aangoo biyya sanii haala dimokraatwaan ituu hin ta`in haala lolaatiin hanga qaamni tokko dhufee harkaa baafatutti waan eeggachuuf murteeffate fakkaata.fakkeenyaaf filannoo bara 2005 biyyattii keessatti geggeefame irratti dhibbaa dhibbatti mootummaan wayyaanee moo`amuusaa ummata ethiopia keessa jiran qofa ituu hin ta`in addunyaan marri quba qaba.Haa ta`u malee Mootummaan wayyaanee humna guddaa biyyattii guutuu irratti fayyadamuun namoota dhibbaan lakkaawaman ajjeesuun isa kaan hidhuun filannoo bara sanii haala dinqisiisaan ukkaamsuun umurii aangoosaa dheeraffatee jira.Mootummaan wayyaanee filannoon dimokraasii fi seera qabeessa wanni jedhu akka isaaf hin mijoofne bara 2005 waan mirkaneeffateef jecha filannoo bara 2010 biyyattii keessatti gegeeffame 99.9 mo`adheen jira jechuun Paartiilee mormitootaa hunda mana marii bakka bu`ootaa keessa haree gadi baasuun biyyatti akka fedhanitti geggeessutti jiru.Ammallee itti fufuun dhaabbilee mormitoota Siyaasaa kan biyyattii sana keessatti karaa nagaa fi seera qabeessaan sochii siyaasaa mataa jaraa geggeeffachuuf tattaafatan mara,  mootummaan wayyaanee  filannoo baranaa haala gaariin akka hin hirmaanne gochuuf dirree filannoo dhippisuun fi Miseensota jaraa hidhuu fi sodaachisuun itti fufee jira.Haata`u malee diddaan fincila garbummaa biyyattii sana keessaa yeroo ammaa kallattii adda addaatiin itti fufee jira, dhaabbibbileen siyaasaa biyyatti keessatti karaa nagaan socho`an marri sochii nafiladhaa haala quufsaanillee ta`uu baatu  itti fufanii jiru.Keessumaayyuu akkuma torban darban arginetti dhaabni siyaasaa OFC ( Oromo Federalist Congress ) kan DR Maraaraa Guddinaan hoogganamu Oromiyaa mara keessatti sochii nafiladhaa saffisaan gegeessuutti jira, kanumaan walqabatee motummaan wayyaanees miseensota OFC sababa adda addaa sababeeffachuun hidhaa fi dararaa adda addaatiin irratti duulee jira.Akka DR Maraaraan jedhaaa jiranitti  filannoon baranaa haala Dimokraasii dhugaa fi seera qabeessaan geggeeffamee jennaan filannoo kana ni moo`anna jechuun afaan guutuun dubbachaa jiru.Mootummaan abbaa hirrees filannoo baranaa keessa darbuuf human waraanaa biyyattii guutuu keessatti baayyinaan gadi lakkisuun ummata sodaachisuu fi hidhuun filannoo baranaa akkuma barootan darbanii ukkaamsee moo`uuf carraaqqii guddaa taasisaa jira.Miidiaa
Miidiaan biyyattii keessa jiran  marri mootummaa wayyaanee qofa faarsuun misoomaa fi dimokraasii amma irra jirru kana kabajsiifnee itti fufuuf Motummaa wayyaanee  qofa filadhaa jechuun holola jaraa itti fufanii jiru.Mootummaan wayyaanee biyyattiidhaaf numa qofatu jira,nuti aangoo gadhiifnaan biyyattiin ni babbaddi, ni diigamti, biyyattiin akkas akkana taati jechuun holola sodaachisaa ummata irratti gadi lakkisuunni fi ofumaan uffaarsuun Miidiaa biyyattii keessa jiran hunda irratti lallabuutti jira.Dimokraasiin dhugaa biyyattii keessa ituu jiraatee dhaabbileen siyaasaa filannoo irratti hirmaatan marri walqixxummaan miidiaa biyya sanaa fayyadamuun fiigicha na filadhaa Ummata biraan ga`hachuuf carraa ni hargatuu turan.Ummmataakkuma beekamu ummatni biyyattii keessa jiru marri jechuun haala danda`amuun Mootummaa wayyaanee waliin haala mufannaa guddaa keessa jira.ummatni Oromoo millioonni hedduun muffii  yeroo dheeraa qofa ituu hin taane bara darbe waa`ee Master Plaanii finfinneen wal-qabatee mootummaa wayyaanee waliin muffii guddaa hangana hin jedhamne keessa jira. kanaafuu haala kanaan guutummmaa guutuutti ummatni Oromoo Mootummaa wayyaanee hin filatu jedhamee eegama.Akkasumas Ummatni muslimaa biyyattii guutuu keessa jiran waggaa sadiin dura gaaffiilee Amantii jaraatiin walqabatee seeraa biyyattii irraatti hunda`uun  karaa seera qabeessaan gaaffilee adda addaa mootummaaf dhiheessanii turan, haaluma kanaan mootummaan wayyaanee gaffiilee karaa nagaan ummatni muslimaa gaafate kanaaf deebii Ajjeechaa,Hidhaa fi  dararaa gurguddaa ummata muslimaa irraan ga`uutti jira.Muffii kanaan kan ka`e  ummatni musilmaa millionaan lakkaawamu Ammaa jalqabuun mootummaa wayyanee akka hin filanne karaa adda addatiin gurmaa`uun ibsuutti jiru.Ummatni biyyattii keessa jiran kan biroos haala adda addaatiin mootummaa wayyaanee waliin muffii keessa waan jiraniif filannoon baranaa mootummaa wayyaaneef haala salpaa ta`a jechuun na dhiba.Akkuma dhaabbileen siyaasaa, waldaaleen amantii fi Mootummoonni biyya adda addaa jedhaa jiranutti dhugaan Motummaan wayyaanee filannoo baranaa haala dimokraatawaa ta`een geggeessuf ni eeyyamaa?Akkasumas Mootummaan wayyaanee filannoo baranaan yoo mo`ame dhugumaan Aangoo karaa nagaa fi seera qabeessaan dabarsee qaama siyaasaa isa moo`ateef ni kennaa? Mee walumaan kan ilaalu ta`a.

Tofik Abdullah


Thursday, May 7, 2015

ጂቱ ለሚ:- "ከኦነግ ጀርባ የኦሮሞ ሕዝብ አለ!" | ሊሸሽጉት ያልተቻለ እዉነታ!


በጂቱ ለሚ* | April 2015
ሰዉዬዉ ቁጭ ብለው ሌሊት-ሌሊት ያሰባሰቧቸዉን የፈጣን ሎተሪ ቲኬታቸዉን እየቀያየሩ ሲፍቁ፣ ሲያስፍቁና ከሎተሪ መዉጫዉ ጋር ሲያመሳክሩ ያድሩ ነበር አሉ። እናማ አንደኛዉን ሲሞክሩት ውጤቱ ሌላ ነዉ። በሌላኛዉ ቢመኩም የባሰበት ሆነ! ሌላም ቢተካ ተስፋ ዬለውም። ላይተዉት ነገር የቤቱ ምሰሶና ማገሩ ‘በፈጣን ሎተሪዎቹ’ ተስፋ ላይ የተዋቀሩ ናቸዉ። አንዱ ሲጣል በሌላዉ ሲተካ ዉጤቱ እየራቀ ተስፈዉም እየመነመነ ቤቱ አልጸና ብሏቸዉ ላይ-ታቹን ሲኳትኑ በእልህ የመጨረሻ ዕድል ለመሞከር ባሕር ማዶ ድረስ ተሻግረዉ ታላቁን ‘ቶምቦላ’ በዉድ ዋጋ ይጋዛሉ። ዕድሉ ቀንቶኣቸው እነዚያን ‘ፈጣንና ፈጣጣ’ ሎተሪዎችን ለአንዴና ለመጨረሻ አራግፈዉ ለመገላገል ተመኙ። ግን ክፉ ዕድል ሆኖ ብዙ የደከሙለትን ‘ቶምቦላ’ መጨረሻዉን ለማየት ሳይታደሉ የመሄጃ ጊዜያቸዉ ደረሰና የያዙትን ሁሉ ለዘመድ አዝማዶቻቸዉ በዉርስ ሰጥተዉ ይሰናበታሉ።
የሰዉዬዉ ወራሾችም የነገሩን አያያዝ አልቻሉበትምና አንዱን ሲይዙ ሌላዉ እየሸሸ ገና ከጅምሩ በሰዶ- ማሳደድ ጨዋታ ልባቸዉ ዉልቅ ይላል። “ልፋ ያለዉ በህልሙ ዳዉላ ይሸከማል” ይባል የል! ዉድ ዋጋ የተከፈለበትና እጅግ የተደከመበት ታላቁ ሎተሪም ገና ተፍቆ ሳይፈተሽ ዉጤቱ ከወዲሁ ባለማማሩ ከመጠቅለያዉ እንኳ በወጉ ሳይገለጥ እንደተሸፋፈነ ወደመጣበት መልሰዉታል። ፈጣኖቹም ቢሆኑ ኣንድ በኣንድ እየተመዘዙ ሲፋቁና ሲጣሉ የተቀሩት ደግሞ አንዳችም ተስፋ የሚጣልባቸዉ ባለመሆናቸው የሰዉዬዉ ቤት ግድግዳዉ ተንዶ ጣራዉ ሊፈራርስ የቀናት ዕድሜ ቀርተዉታል።
ጎበዝ! በዚህ ወቅት ብርቱ ጉዳዮች ኣሉብን። ለሕዝባቸዉ ነጻነትና ክብር የወደቁ ጀግኖቻችንን እናስባለን። የተያያዝነዉን ትግል ለማፋጠን ደግሞ ራሳችንን የበለጠ እናዘጋጃለን። ስለኦሮሞ ሕዝብ ነጻነት ሲሰሙ የሚያምማቸዉን ደግሞ ጠንካራ ዉጋት እየለቀቅን የባሳ እናቃዣቸዋለን። ስለዚህም በፍጥነት ወደ ጉዳዬ ልዝለቅ!
አንድ ሕዝብ ነጻነት ከሌለዉ ህሊዉናዉ አደጋ ላይ ይወድቃል። ይህ መሰል ኣደጋ የተጋረጠበት ሕዝብ ራሱን ከመከላከል የቀደመ አሳሳቢ ጉዳይ አይኖረዉም። ለዚህም ነዉ የዚህ ዓይነቱን አደጋ መከላከል ዉዴታ ብቻ ሳይሆን ግዴታም ጭምር የሚሆነዉ። ለዚህ ዓይነቱ ግዴታ ሕዝቡ የጋራ ኃላፊነት ይኖረዋል። ይህን ሃላፊነት ለመወጣት መሪዎችንና አመራሮችን በየደራጃዉ ይሰይማል። የፖለቲካ ፕሮግራሞችን ይነድፋል። ኣዋጭ የሆኑ የትግል ስልቶችን ይቀይሳል። አሳታፊና ዉጤታማ የትግል መዋቅሮችን ይዘረጋል። ኃይሉንና ጉልበቱን ያቀናጃል። ነጻነት ያለመስዋዕትነት በነጻ ኣይገኝምና ትግሉ የሚጠይቀዉን መስዋዕት ሁሉ ያቀርባል። ይህ በሕዝቡ ፍላጎትና ዉሳኔ ብቻ የሚሆን እንጂ ከየትኛዉም ኃይል ፍላጎትና ተጽዕኖ አንጻር የሚመዘንና የሚመጠን አይደለም። እንደዚያ ሊሆንም አይችልም።
ይህ አብዛኛዉ የዓለማችን ሃገራት ነጻነታቸዉን ፍለጋ ያለፉበት ጎዳና ስለሆነ የኦሮሞ ሕዝብም ነጻነቱን ለመጎናጸፍ ሊያልፍበት በሂደት ያለ ነዉ። መሪ ድርጅት አለዉ። ግልጽና ቀጥተኛ የፖለቲካ ፕሮግራምን ይከተላል። ለሠላም ቅድሚያ ይሰጣል። ሠላምን ከሚጋፉ፣ በጦርና ጦርነት ብቻ መብቱን እየረገጡ መቀጠል ለሚሹም ተገቢ ምላሽ ይኖረዋል። ለዚህ ደግሞ ለሕዝባቸዉ ክብር ዉድ ሕይወታቸውን ለመስጠት የተዘጋጀ ሕዝባዊ ኃይል ኣለው። የሕዝባዊ ኃይል ጫና ያስጨንቃል። ጭንቀቱ ወጥሮ ሲይዝ ደግሞ ያስለፈልፋል። የሕወሃት ሰዎች ይህንን በሚገባ አይተዉታል። ጭንቀቱ ሳት ያረጋቸዉና አንዳንዴም በምጸት አንዳንዴ ደግሞ በግላጭ ከኦነግ ጀርባ የኦሮሞ ሕዝብ እንዳለ እቅጩን ይነግሩናል።
እርግጥ ነዉ! የኦሮሞ ሕዝብ ከመሪ ድርጅቱ ኦነግ ጋር ነዉ። ለእዉነቱ ማረጋገጫ የግድ የጠላት መስካሪ አያሻም። ሆኖም ግን ጠላት እንደዚያ እየመረረዉ እዉነቱን ለመቀበል ሲገደድ መስማቱ እዉነት መቼም ቢሆን እንደምታሸንፍ ማሳያ ይሆናል። በበራቸዉ ደጃፍ ያቆሙአቸዉን ምልምል አሽከሮቻቸዉን እንኳ ማመን ተስኖአቸዉ በወጡና በገቡ ቁጥር ዐይን ዐይናቸዉን እያዩ “… እነ እንቶኔ ሲፋቁ ኦነግ ይሆናሉ …!” ሲሉ እዉነቱን ኣልሳቱም። ይብዛም ይነስም በእያንዳንዱ ኦሮሞ ልብ ዉስጥ ኦነግ ተተክሏልና።
መልካም! በሂደት ሲስሟሽሹ በቀላሉ ይጨፈለቃሉና ጫን ጫን እያልናቸዉ ማስተንፈሱን እንቀጥልበት። “… ከኦነግ መፈክር ዙሪያ የኦሮሞ ሕዝብ አለ …!” ሲሉን ለቅንጣት እንኳ ብዥታ እንዳይኖረቸዉ ኦነግም ሆነ የኦነግ መፈክር ምንጩ የኦሮሞ ሕዝብ ስለመሆነ አንዱን ከሌላዉ መነጠል ፈጽሞ እንደማይቻል በድጋሚ ሙሉ መረጋገጫ እንሰጣቸዋለን። በመሠረቱ የኦሮሞ ሕዝብ የትግል አቅጣጫ የሀገር ባለቤትነቱንና ሁለንተናዊ ነጻነቱን መልሶ ማግኘት ነዉ። በሌላ አባባል የማንንም መብት ሳይጋፉ የራስን መብት ማስከበርና መጠበቅ ማለት ነዉ። እናም ታዲያ የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ሕዝቡ የተነጠቀዉን የሀገር ባለቤትነትና ሁለንተናዊ ነጻነትን የመመለስና የመጠበቅ ግዴታ አለዉ። ለዚህም ነዉ ኦነግን ከኦሮሞ ሕዝብ ነጥሎ ለማየት የሚደረጉ ሙከራዎች ህልም እንጅ እዉን መሆን ያልተቻላቸው።
ሀሳቤን ላጠቃልል! ከዓመታት በፊት “ከዚህ ወርቅ ሕዝብ በመፈጠሬ በጣም እኮራለሁ …” ያሉን የሕወሃቱ ቁንጮ ሰዉ ለሕዝባቸዉ ያላቸዉን ፍቅርና አድናቆት በፈለጉት መልኩ የመግለጽ መብት እንዳላቸዉ መቀበል ይቻል ነበር። ሆኖም ግን አካሄዱ ለአንዱ ወርቅ ለሌላዉ ነሃስን የሚያሰጥ፣ የገዢና ተገዢ ስሜትን ለማስረጽ የተጠቀሙበት ጤናማ ያልሆነ ስልታዊ ማነጻጸሪያ መሆኑ ሲጤን ሀሳቡን በቅንነት የመቀበሉ ጉዳይ አስቸጋሪ ይሆነል። እንደዚያ ባይሆንማ ኖሮ ሌሎች ስለሕዝባቸዉ በመናገራቸዉ፣ ጭቆናንና የመከራ አገዛዝን በመቃወማቸዉና ነጻነትን በመጠየቃቸዉ በአሸባሪነት ተፈርጀው እንዲገደሉና እንዲታሰሩ ባልተደረገ ነበር። ይህ ዓይነቱ መብት ‘ለወርቃማዉ ሕዝብ’ ብቻ የተገባ እንጅ ሌሎች ሊመኙት እንኳ እንደማይገባ በተግባር አረጋግጠዉታል። ማንም የራሱን ወርቅ በአግባቡ ሊያጌጥበት ይችላል። “ወርቅነኝ …!” ብለዉ ሌላዉን ለመርገጥ መነሳት ግን ነዉር ነዉ።
እና አሁንስ ምን ቀራቸዉ? ይህን አጥርቶ ለማየት ስለሚሳናቸዉ ቀሪ ዕድላቸዉን እኛዉ ብናመላክታቸዉስ!
እንዲህ ነዉ የሚሆነዉ፥ አንድ ነፋሻማ ወረት ይመጣል። በዚያን ጊዜ እሩቅ የመሰላቸዉ እሳት በቅጽበት ይደርስና የሚመኩበትን የገለባ ክምር ይበላል። ያን ጊዜ ዓይናቸዉ ይገለጥና የተጓዙበት መንገድ ምንኛ የተሳሳተ እንደሆነ ወለል ብሎ ይታያቸዉ ይሆናል። አሁንም ባይታያቸዉ ነዉ እንጂ እሳቱም ነፋሱም በዙሪያቸው አድፍጧል – ያ እሳት ሕዝባዊ ኃይል ነዉ። ሕዝባዊ ኃይሉ ደግሞ ነዉረኛዉን ከነነዉሩ ያስወግዳል።
ድል ለኦሮሞ ሕዝብ!
ጂቱ ለሚ ነኝ

Wallaggaa Qellem Aanaa Jimma Horroo Keessaa Uummanni 50 Ol Tahu Yakka Tokko Malee Mana Hidhaatti Guurame, FDGs Itti Fufee Jira!‏

Posted: Caamsaa/May 7, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments
Caamsaa 6, 2015 – Gabaasa Qeerroo Qeellam Wallaggaa
Wayyaanee2015Qeerroo1
Oromiyaa keessa FDG qabsiifamaa jiruu yeroo ammaa mootumma Wayyaanee muddeen, godinaalee garagaraa keessaa fi manneen barnootaa Yuuniversitiilee fi koollejjiwwan naannootti humni waraanaa fi poolisiin bufatee jira, kun Oromiyaa Wallaggaa, Jimmaa fi baha Oromiyaa irratti kan mul’achaa jiruudha, Qellem Jimmaa Horroo irratti uummata nagaa qonnaan bulaa fi barattoota mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatan kan jedhuun Caamsaa 5, 2015 irraa kaasee Oromoonni mana hidhaatti funaanamaa jiru.
Wayyaanee2015Qeerroo2
Humni waraana mootummaa Wayyaanee fi poolisiin naannoo uummata naannichaa keessatti galee sodaa jiruuf jireenya eegalee achuma keessa uummata waliin jiraachuu kan eegale bultii hedduu fixeera. Mootummaan Wayyaanee humni WBO Qellem aanaalee garagaraa keessatti uummata waliin jiraata kan jedhuun humna isaa hanga gandaatti qubachiisee jira, kana irraas kan hubatamu sodaa mootummaan Wayyaanee qabuudha, kanumaan sabboontota Oromoo FDG uummata waliin qabsiisu jedhamuun yakka tokko kan irratti hin mul’anne namoota nagaa 50 ol tahan Aanaa Jimmaa Horroo keessaa qabee mana hidhaatti guure namoota muraasa maqaan isaanii Qeerroon gabaase akka armaan gadiiti.
1. Shuumataa Danuu-Qonnaan Bulaa
2. Abdiisaa Indaaluu-Ogeessa Fayyaa
3. Masarallaa Dinbaashaa-Hojjetaa Mootummaa
4. Charinat Tamasgeen-Daldalaa
5. Geetuu Tamasgeen-Daldalaa
6. Tigistuu Tamasgeen Daldalaa — namootni kun sadan obboloota.
7. Caalii Ganjoosaa-Barataa
8. Kariim Abdulkariim-Qonnaan Bulaa
9. Effawuu Abdulkarim-Qonnan Bulaa
10. Taaddalee Tasfaa-Qonnaan Bulaa
11. Nabiyyuu Tashoomee-Qonnaan Bulaa
12. Wangeeluu Bajoosaa-Barataa
13. Mallasaa Alamuu-Qonnaan Bulaa-Abbaa Maatiiti
14. Geetuu Tasfaayee-Barataa
15. Solomoon Gurichoo-Konkolaachisaa
16. Lataa Wiirtuu-Daldalaa-deggeraa fi miseensa WBO jechudhaan akkasuma mana isaa keessa meeshaa lolaatu argame jechuudhaan tika mootummaan qabame,
17. Bulchaa Qalbeessaa-Konkolaachisaa
18. Abdii Aseffaa-Barataa
19. Saamsoon Solomoon-Barataa
20. Phaawoloos Atoomsaa-Hojjetaa Mootummaa-kanaan dura irra deddebiidhaan uummata ijaarte, miseensa ABOti jedhanii hiraarsaa turan,
21. Gammachuu Bantii-Barataa
22. Ishete Zakkaariyaas-Barataa
23. Naggaa Balaachoo-Barataa
24. Dirribaa Oljirra-Qonnaan Bulaa
25. Fedhesaa Bashanaa-Qonnaan Bulaa
26. Yoohannis Qixxeessaa-Qonnaan Bulaa
27. Yaadasaa Danuu-Hojjetaa Mootummaa-kanaan duras mana hidhaa Wayyaaneetti hiraarfamaa ture,
28. Abdulkarim Jamal-mana jireenya isaa keessa sakatta’uudhaan meeshaa about argame, jechuudhaan qabame.
Namoota hafan gabaasa Qeerroo aanaa Jimmaa Horroo irraa argannuun kan walitti deebinu ta’a. Uummannis daandi gubbaatti bahee hidhamtootni keenya gadhiifamuu qabuun falma gaggeessaa jira, mana hidhaa namootni kun muraasni keessatti argaman waajjira poolisii aanichaatti nyaata namootaaf akka hin geessine humni waraanaa Wayyaanee dura dhaabbate jaallan kun hundi hidhamuu qofa osoo hin taanee miidhaa qoonqootiin saaxilamaa jiru, Qeerroon Oromiyaa bakka hundaa nuuf birmadhaa diina uummata Oromoo hidhuuf duulaa jiru dura dhaabbannaan dhaamsa Qeerroo Qellem irraa darbuudha.
Wayyaanee2015Qeerroo3