Thursday, May 7, 2015

Wallaggaa Qellem Aanaa Jimma Horroo Keessaa Uummanni 50 Ol Tahu Yakka Tokko Malee Mana Hidhaatti Guurame, FDGs Itti Fufee Jira!‏

Posted: Caamsaa/May 7, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments
Caamsaa 6, 2015 – Gabaasa Qeerroo Qeellam Wallaggaa
Wayyaanee2015Qeerroo1
Oromiyaa keessa FDG qabsiifamaa jiruu yeroo ammaa mootumma Wayyaanee muddeen, godinaalee garagaraa keessaa fi manneen barnootaa Yuuniversitiilee fi koollejjiwwan naannootti humni waraanaa fi poolisiin bufatee jira, kun Oromiyaa Wallaggaa, Jimmaa fi baha Oromiyaa irratti kan mul’achaa jiruudha, Qellem Jimmaa Horroo irratti uummata nagaa qonnaan bulaa fi barattoota mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatan kan jedhuun Caamsaa 5, 2015 irraa kaasee Oromoonni mana hidhaatti funaanamaa jiru.
Wayyaanee2015Qeerroo2
Humni waraana mootummaa Wayyaanee fi poolisiin naannoo uummata naannichaa keessatti galee sodaa jiruuf jireenya eegalee achuma keessa uummata waliin jiraachuu kan eegale bultii hedduu fixeera. Mootummaan Wayyaanee humni WBO Qellem aanaalee garagaraa keessatti uummata waliin jiraata kan jedhuun humna isaa hanga gandaatti qubachiisee jira, kana irraas kan hubatamu sodaa mootummaan Wayyaanee qabuudha, kanumaan sabboontota Oromoo FDG uummata waliin qabsiisu jedhamuun yakka tokko kan irratti hin mul’anne namoota nagaa 50 ol tahan Aanaa Jimmaa Horroo keessaa qabee mana hidhaatti guure namoota muraasa maqaan isaanii Qeerroon gabaase akka armaan gadiiti.
1. Shuumataa Danuu-Qonnaan Bulaa
2. Abdiisaa Indaaluu-Ogeessa Fayyaa
3. Masarallaa Dinbaashaa-Hojjetaa Mootummaa
4. Charinat Tamasgeen-Daldalaa
5. Geetuu Tamasgeen-Daldalaa
6. Tigistuu Tamasgeen Daldalaa — namootni kun sadan obboloota.
7. Caalii Ganjoosaa-Barataa
8. Kariim Abdulkariim-Qonnaan Bulaa
9. Effawuu Abdulkarim-Qonnan Bulaa
10. Taaddalee Tasfaa-Qonnaan Bulaa
11. Nabiyyuu Tashoomee-Qonnaan Bulaa
12. Wangeeluu Bajoosaa-Barataa
13. Mallasaa Alamuu-Qonnaan Bulaa-Abbaa Maatiiti
14. Geetuu Tasfaayee-Barataa
15. Solomoon Gurichoo-Konkolaachisaa
16. Lataa Wiirtuu-Daldalaa-deggeraa fi miseensa WBO jechudhaan akkasuma mana isaa keessa meeshaa lolaatu argame jechuudhaan tika mootummaan qabame,
17. Bulchaa Qalbeessaa-Konkolaachisaa
18. Abdii Aseffaa-Barataa
19. Saamsoon Solomoon-Barataa
20. Phaawoloos Atoomsaa-Hojjetaa Mootummaa-kanaan dura irra deddebiidhaan uummata ijaarte, miseensa ABOti jedhanii hiraarsaa turan,
21. Gammachuu Bantii-Barataa
22. Ishete Zakkaariyaas-Barataa
23. Naggaa Balaachoo-Barataa
24. Dirribaa Oljirra-Qonnaan Bulaa
25. Fedhesaa Bashanaa-Qonnaan Bulaa
26. Yoohannis Qixxeessaa-Qonnaan Bulaa
27. Yaadasaa Danuu-Hojjetaa Mootummaa-kanaan duras mana hidhaa Wayyaaneetti hiraarfamaa ture,
28. Abdulkarim Jamal-mana jireenya isaa keessa sakatta’uudhaan meeshaa about argame, jechuudhaan qabame.
Namoota hafan gabaasa Qeerroo aanaa Jimmaa Horroo irraa argannuun kan walitti deebinu ta’a. Uummannis daandi gubbaatti bahee hidhamtootni keenya gadhiifamuu qabuun falma gaggeessaa jira, mana hidhaa namootni kun muraasni keessatti argaman waajjira poolisii aanichaatti nyaata namootaaf akka hin geessine humni waraanaa Wayyaanee dura dhaabbate jaallan kun hundi hidhamuu qofa osoo hin taanee miidhaa qoonqootiin saaxilamaa jiru, Qeerroon Oromiyaa bakka hundaa nuuf birmadhaa diina uummata Oromoo hidhuuf duulaa jiru dura dhaabbannaan dhaamsa Qeerroo Qellem irraa darbuudha.
Wayyaanee2015Qeerroo3

No comments: