Wednesday, May 6, 2015

Caamsaa 4, 2015 Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF yakka tokko malee ilmaan Oromoo sabboontota ta’an ukkamsaa jira haala kanaan guyyaa har’aa sabboonaan Qeerroo Oromoo kan ta’ee barataa Urgeessaa Dammanaa Kumsaa humnoota tikaa mootummaa EPRDF/TPLF magaalaa Finfinnee keessatti ukkanfame.
Barataa Yuunivarsiitii Rift Valley kan ture, Sabboonaan Qeerroon Oromoo Urgeessaa Daammanaa yakka tokko illee utuu hin qabaatiin daa’imummaa isaa irraa eegaluun Oromummaan yakkamee manneen hidhaa biyyattii garaagaraa keessatti hidhamuun dararamaa kan ture, fi bara 2011 Mana hidhaa Maa’ikalaawwii, fi Qaalliittii Waggaa tokkoo oliif badii tokko malee hidhamee dararamaa kan turee fi yeroo garaagaratti mana hidhaa lixaa Shaggar magaalaa Amboottis hidhama kan ture yoo ta’uu, Guyyaa har’aa kanas badii tokkoo malee FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaggeessa jiru qinddeessiteetta jechuun yeroo dheeraa erga hordofamaa ture, ammas humnoota tikaa mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF’n guyyaa hardhaa ukkanfamee eessa buuteen isaa hin beekamne.
Sabboonaan Qeerroon barataan Oromoo kun FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo biyyattii keessatti qindeessee gaggeessa jiru keessa harka qabda sabaabaa jedhuun nannoo dhaloota isaa Godina Lixaa Shaggar Magaalaa Amboo kolleejjii Rift Valley Amboo utuu barachaa jiruu yeroo sochii Warraaqsaa FDG bara darbee Ebla 2014 Qeerroon barattootni fi uummatni Oromoo sirna bittaa Wayyaanee balaaleffachuun mormii guddaa gaggeessa turanitti FDG kana qindeessuu keessa harka qabda jechuun naannoo dhaloota isaa magaalaa Amboo irraa baqachiifame, barnoota isaas akkatti baratuu dhabuun haala baay’ee rakkisaa ta’ee keessatti gara magaalaa Dirree Dawaatti barnoota isaa itti fufuuf akkuma Koolleejjii Rift Valley Damee Dirree Dawaatti galmaa’ee barnoota eegaletti hordoffiin humnoota tikaa fi dabballoota Wayyaanee itti jabaachuun akka barnoota isaa itti fufee barachuu hin dandeenye dhorkatame akkatti baratuu dhabuun gara magaalaa Finfinneetti deebi’uun hojiilee wardiyummaa fi hojiiwwaan humnaa garaagaraa hojjechuun utuu of jiraachisuu guyyaa hardhaa humnoota tikaa mootummaa EPRDF/TPLF’n ukkanfamee eessa buuteen isaa dhabamee jira.
Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii keessa jiraachuu dadhabuun Mootummaan Wayyaanee diina itti ta’uun mirga namummaa fi dimookiraasii mulqamnee guyyaa irraa gara guyyaatti ilmaan Oromoo ukkaanfamaa jiraaniif dhaabbileen mirga namummaa addunyaa fi mootummootni gamtooman uummata Oromoof dirmachuu qabu, ilmaan Oromoo biyyoota garaagaraa keessa jirtan dhaabilee Idil-Addunyaa mirgoota namummaa kabachiisan hundatti akka uummata keenyaaf iyyaannu Qeerroon bilisuumma Oromoo dhaamsa 

No comments: