Monday, January 19, 2015

Bara lubbuun jirru
Gaarii haa hojjannuu
Addunyaan ergisaa
Guddoo irra hin teennuu
Du’a guyyaa dhuftu
Beellama isi hin beeknu !
Duuti goota keenyaa
Nu maraa boochiftee
Gaafa lubbuun jirtuu
Qabsoon nu boonsiftee
Roorroo lammii nyaatu
Ilaaltee, jibbitee
Ofirraa faccisuuf
Hidhattee itti duultee
Jaallan qabsoo wajjiin
Bosonatti galtee
Gabroomfataa keenya
Hirriba dhoowwitee
Addunyaa kanarraa
Har’a godaantullee
Hojiin kee nu boonsa
Du’aan boqattullee !
Boolla kankee jala
Nadhiin haa lolaatu
Ekeraa teetitti,biyyeen haa salphattu !
Rabbiin lammii kankee
Obsaan haa jabeessuu
Goota akka keetii
Bakka nuuf haa buusuu
Du’a wal hin oolchinuu
Silas homaa hin goonuu
Jaannataan boqadhu
Jaal,Araarsoo Boruu !!!

No comments: