Wednesday, January 14, 2015

Gadaa meqaa ofi gadda dadhabne
Amna baraa dheraa tanguutama hin qabne
Gadiraa gabrummaa waraan hagogamaa
Barrii baraan calee dhalotaan dhalamuu
Asiirra raawwataa hin siimannu lamuu
Bahaa fi sensaa hashiinuu diddaa
Fincilaa kaafne gabruummaa didda
Qabsaawota dhugaa kan gootummaa adda
qooda haafudhannu namu bakka jirru
Qeyroo bilisumma wajjiin hiriruu
Qabsaawuf  murannee garaa haahidhannu
Of booda debinuu hanga Injifanuu
Saba koo oromoo hin laafinaa hin laafnuu
Waregama lubbuu guyaa hingaabafnaa
Mirgaa Abbaa Biyyumma ka’aa hagonfannu
Dirqama lammumaa waanurraa eggammu
Tokkummaan hirirre fiduuf Jijjirama
Gaachanaa walitaane irree tumsa gamaa
Barrii bahuufi demtii biftuun bilisumma
Waan qabnun hirmanne galmaan gayuu amma
Qabsoo fininsine Hacimsinuu falmaa.

No comments: