Thursday, January 1, 2015

Qeerroo Oromoo!!

Uummata Oromoo hundi baga nagana bara haraawaa Amajjiin 1, 2015 fi guyyaa WBOn isin gahe. Barri 2015 Sabni Oromoo bara cunqursaan jaarraa olii keessaa hiikamee Oromiyaa keessa nagaa, tasgabbii fi jaalanaan abbumaan jiraatu akka nuu ta’u hawwii fi dhugoomsa kaayyoo kanaaf ciccoominaan qabsaawuu qabnuu isinii dabarsina.
Bara 2014 darbe keessatti uumati Oromoo baadiyyaa irraa hamma magaalaatti dararaa sirna bulchiinsa EPRDF Wayyaanee jalatti argaa bahe dha. Qabeenya saamamuu irra darbee hidhaa,ajjeechaa fi biyyaa arihamuu dhittaa mirga namaa haalaan hammaataa keessa darbe. Haalli gabrummaa dhufaa darbaa daran hammaachuu irraan dargaggooti Oromoo(Qeerroon) cunqursaa kana darbaa baadhachuun nu gahe jechuun fincila diddaa gabrummaaf (FDG)Oromiyaa guutuu keessatti qabsiisuun mirga uumata keenyaa yeroo falmataa turre dha. Haala kanaan gaaga’ami lubbuu dhabamuu fi hidhaan uumata Oromoo addattis dargaggoota Oromoo irraan gahe kan yeroo kamuu caalaa hammaataa ture. Falmii mirga Oromoo fi dhumaatii uumata Oromoo irraanis lammiileen Oromoo biyyoota ambaa jiraatan tokkummaan dhaabbatanii mirga sabaa falmuu irratti eenyummaa fi jalaala biyyaaf qaban muldhisanii jiru. Haalli tokkummaa Oromoo waliigala bara 2014 keessatti muldhate jabinaan itti fufuun waggaan itti deemnu 2015 keessa kan kaayyoo saba Oromoo injifatnoon golboobu akka ta’u hogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo gadi jabeessee dhaammata.
Guyyaa seena qabeessa guyyaa WBO Amajjii tokko bara 2015 sababeeffachuun hojii qindeesitooti Qeerroo bilisummaa Oromoo Oromiyaa bakka maraa walitti dhufuun walitti dhufuun haala qabsoo bilisummaa Oromoo sochii warraaqsa FDG Qeerroo bilisummaa Oromoon durfamuu, haala Siyaasaa Impaayerri Itoophiyaa keessatti kuftee jirtuu, gochaa hammeenya mootummaan abba irree Wayyaaneen EPRDF itti fufinsaan uummata Oromoo irratti gaggeessa jiruu, olola maqaa filannoo dimookiraasii sobaan oofaa jiru, haalaa Master planii Finfinnee fi waligalatti haala uummatni Oromoo fi lammiileen cunqurfamoo biyyatti keessa jiran irratti hundaa’uun marii bal’aa gaggeessuun uummata Oromoo hundaa fi lammiilee cunqurfamoo biyyattii hundaaf ibsa gabaaba armaan gadii dabarsee jira!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo – Amajjii 1, 2015

No comments: