Monday, January 26, 2015

darggaggoo oromoo
dargaggoo oromoo kan adduynaa kanarraa
siyaamuuttan jiraa howwaadhume na jalaa
walitti qabamii bakka jirtu hundarraa
dhaamsan siif qaba kan mi`oftu akka dammaa
yoo siif gala ta`e jechi hatattamaa
as  dhaggeeffadhu  amman siif himaa
 
oromiyaan  ni qabdi darggaggoo ciccimaa
 kan baratee balaliisu samii irra  akka xiyyaaraa
hojjetee kan hinquufne halkanii fi guyyaa
kan lolee hin galle mo`u malee akka leencaa
hirribni kan  hin qabne  dhaga`aa rakkina ummata isaa
kan hunda dursee yaadatu saba   oromoo isaa
kabajaa kan qabu hadhaaf abbaa isaa
itti dabalatee manguddoo oromtichaa
dubartoota ha ta`u sabiyyii isaa
 
kan lallabee hin quufne aadaaf seenaa isaa.
mee naaf himaa darggaggotni ammaa
eessa jirra nuti maal gochaa jirraa?.
maaliif callifne wal-ilaalla akka gowwaa
ituu dandeenyu hojjechuu hunda caalaa
hin dhageenye ati jecha oromtichaa
yoo walii galan alaa galu jechaa.
 
ka`aa waliin hakaanu harka walqabannee
gufuu nudura deemu ufjalaa kuffifnee
ni dandeeyna bilisoomuu yoo waliif gallee
ni qabna humna chimaa kan addaan hin chinne
ofiifis gammadnee oromoo chufa boonsinee.
ofiifis gammadnee oromoo chufa boonsinee::
 
sammuu keeyna ballifnee hayaadnu fulduratti
ha fayyadamnu humna cimaa kanatti
ha xiinxxallu baaifnee akka yeroo ammaatti
tarkaanfiin keenya hata`u akka baranaatti
mee ofirraa  hadhiifnu bashannanuu seenaa qofatti
sun nu dadhabsee jiraa bara dheeraa hanga ammaatti.
deemuutti jirra dadhabbina guddaatti
wal qabannee  seenutti jirra hallayya guddaatti
 
yaa darggaggoo   oromoo hakaanu hatattamatti.
hamullisnu  eenymmaa keeyna addunya irratti.
ha fannifnu alaaba keenya ija diinaa duratti
hafayyadamnu humna darggaggummaa kanatti.
itti hafufnu barumsa keenya haga dhumaatti.
ha bobbaanu dalagaa cimaatti
seenaan nu yaadata akka bareedaatti
nutis ni boonna waan gaari keenyatti.
 
 
yaa biyya abbaakoo oromiyaa bareedduu
nama siif dhimmu dhabdee kan akkanatti baddu
nan qaaneffadhe  yeroo maraa maquma kee qofaa yamuu
bu`aa tokko malee akkanumatti siin boonuu. 
bu`a tokko malee akkanumatti siin boonuu::
 
maaluma ta`a sammuu naaf kennee
kan siif dalagu gaabbi tokko malee
bu`aa kan hin feene honnee dhaaf malee
kan siif birmatu eenyu jira na malee
siif gala waadaa sammuukoo jijjiiree
guyyaa harraa sa`aa kana jalqabee
siif dalaga mudhiikoo hidhee
gaabbeen jira waan darbellee
atis naaf dhiisi maal qabna wal malee
atis naaf dhiisi maal qabna walmalee:: 
 
 
 
oromiyaan midhagduu dha dachee laliftuu
                  damma hin jettu aannan kan of keessa qabduu
kana sana jedhee waamee hin fixuu
          sumaan guddannee asiin baane nuti hunduu 
itti siif daballa  malee sirraa hin hirrifnu
jiraadhu ati galatni kee hin dhumu
jiraadhu ati galatnikee hin dhumu..
 
 

No comments: