Tuesday, August 4, 2015

Jaarmiyaaleen ABO afur tokkoomuusaanii beeksisan.

OMN:Oduu Hagayya 04,2015 Jaarmiyaaleen Adda Bilisummmaa 4 tokkomuun hagayya 1 bara 2015 galma Waldaa Hawwaasa Oromoo Mionisootatti Hawwaasa waliin mari’atan .
Jaarmiyaaleen Tokkomnneera jedhan kunneenis ABO jijjiramaa Adda Bilisummaa Oromiyaa Gurmuu Qabsaa’otaa fi Miseensota Koree Adda Bilisummaa Oromoo akka ta’an himaniiru.
Kaayyoon wal gahii Minsisootaa Galma Hawwaasa Oromootti taa’ame kun waamicha Gurmuun 4 walitti dhufuun qopheesse fi Hawwasa Oromo Magaalaa Lakkuu waliin haala yeroo irratti mari’achuuf akka ta’e Itti gaafatamaan damee dantaa alaa Dhaabichaa Dr Nuuroo Daddaffaa OMN tti himaniiru.
Jarmiyaaleen amma walitti dhufuun tokkummaan hojjechuuf murtessaan kunneen kanaan duras miseensota Adda Bilisummaa Oromoo akka turan fi rakkoo adda faffaca’anii hojjechuun fidu waan hubataniif jedhan.
Tokkummaan hojjechuuf murteessuun isaanii jaarmiyaalee kan biraa aangoo yeroof jecha wal baqataniif akka fakeenya ta’u kan himan Dr Nuuroon jaarmiyaaleen Oromoo kan biroonis walitti dhufanii hojjechuun diina Ummata Oromoo saamaa jiru irrtti qabsaa’uu akka qaban dhaamaniiru.
Alamaayyoo Qannaatu gabaase.

No comments: