Friday, August 18, 2017

#OromoProtests

JIJJIIRAMA MORMII WALIIGALAA Marsaa 3ffaa.

Mormiin manaa bahuu diduu guutuu Oromiyaatti Wiixata as deemuuf erga waamame as komiin lama ka'eera. Tokko guyyaan mormii kun hiikaa tsoomii filsataa irra oole kan jedhu yoo tahu kan lammataa ammoo guyyoonni lama dhiibbaa barbaachisaa gochuuf gahaa miti kan jedhuudha. Nutis komii kana dhaggeeffannee irratti mari'annee murtii armaan gadii irra geenyeerra.

Tsoomiin filsataa gaafa Kibxataa waan ta'eef Mormiin Roobii Hagayya 17 irraa akka eegalu

Mormiin kun guyyoota shaniif akka ta'u. Kana jechuun Roobii Hagayya 17 eegalee Dilbata Hagayya 21 raaw'ata.

Warra sooma hiikuuf ayyaana gaarii hawwina. Kaayyoon keenya qaama hawaasa keenyaa kamiiyyuu osoo hin miine mirga ummataa kabachiisuudha.

Injifannoon kan ummata Oromooti
QEERROO AMBOO

No comments: