Friday, January 19, 2018

#OromoRevolution

QeerrooOromoo
Qeerroo oromoo kan Oromiyaa
Kan jiraattus biyya alaa
Harmeen siyaamti howwaadhume jalaa
Walitti qabamii bakka jirtumara irraa
Walittigurmaa`I Ulaa hundarraa
Dhaamsa siif qaba mi`oftu akka dammaa
Maaf didda howwaachu harmee jalaa
Yaadaan wal-dhabdanii, maalumaaf faffachatu
Balbalaan wal-qooddani maaliif harcaatu
Ganddummaan Wal-gurmeessitanii, kankolfaa maa nagootu
Dalagaa badii, bittinnaa`uuf ulaa mijatu
Dalagaa badii, bittinnaa`uf ulaa mijatu.

Nuun jetti harmeen haati keenya Oromiyaa
Isin Ilmaan  haadhaa fi abbaan takkaa
Wal-qabadhaa yaa`aa akka kanniisaa
Haagubattu  Diinni alagaan
Silaa hinfedhanu ,ni gubatu yoo taatan  takka
Wal- jabeessaa bakka hunda irraa
Waliin wal-hutubaa akka gaaddisaa.
Ani isin qaba, darggaggoo ciccimaa
Nuun jetti harmeen Oromiyaan
kan baratee balaliisu, samii irra akka xiyyaaraa
kan hojjetee hinquufne ,halkanii fi guyyaa
kan lolee hin galle,moo`u malee akka leencaa
hirribni kan  hin qabne, dhaga`yaa iyya harmee isaa
kan hunda dursee yaadatu saba oromoo  isaa.
 bakka deeme chufatti kan lallabu aadaaf seenaa isaa.
mee naaf himaa darggaggotni ammaa
eessa jirra nuti Maal gochaa jirraa
gara fulduraatti maal gochuu qabna?.
Maaliif callifne wal-ilaalla akka gowwaa
ituu dandeenyu hojjechuu hunda caalaa
hin dhageenyee nuti jecha oromtichaa
Yoo waliif galan alaa galu jechaa
Yoo waliif galan alaa galu jechaa.

ka`aa waliin hakaanu harka walqabannee
gufuu nudura deemu ufjalaa kuffifnee
ni dandeeyna bilisoomuu yoo waliif gallee
niqabna human chimaa kan addaan hin citnne
ofiifisgammadneeoromoo chufa boonsinee.
Sammuun keenya hayaadu fulduratti
Haxiinxxallu baa`ifnee akka hammayyaatti
Tarkaanfiin keenya hata`u akka baranaatti
mee ofirraa  hadhiifnu bashannanuu seenaa qofatti
Seenaa qofa lallabuun  nudadhabse hanga ammaatti.
nuti darggaggoonni  oromoo hakaanu hatattamatti.
Haa-mullisnu eenyummaa keeyna addunyaatti.
Alaabaaa keenya haabalaliifnu, ija diinaa duratti
haa-fayyadamnu darggaggummaa kanatti
haa-fayyadamnu darggaggummaa kanatti.

Yaa  biyya  abbaakoo oromiyaa bareedduu
Yaa biyya haadhakoo Oromiyaa bareedduu
Nama siif dhimmu dhabdee kan akkanatti rakkattu
Nan qaaneffadhe yaamuu maquma kee qofaatu
Dalagaa tokko malee akkanumatti siin boonuu.
Oromiyaan midhagduu dachee laliftuu
damma hin jettu aannan kan uf keessaa qabdu
Mee maal dhabde Oromiyaan naaf himaa isin hundu
Isee dhumaan guddannee asiin baane nu martuu
Yaa Oromiyaa biyyakoo bareedduu
Waadaa siif gala hanga dhumaattu
Hirribni nan fudhatu hanga yoomiittu
Sibilisoomsu malee hanga dhumaattu
Sibilisoomsu malee hanga dhumaattu

No comments: