Sunday, May 10, 2020

#Ethiopia

By Tiruneh Gamtaa
Miseensota KFO irratti hidhan hammata jira
1. Ob. Abirhaam Dhi'aannoo, I/A koree KFO godina Wallagga Lixaa gaafa 17/10/2011 irraa eegalee hidhame jira.
2. Ob. Fiqaaduu Ayyaanaa miseensa koree KFO giddu galeessafi qindeessa koree godina Wallagga Baha namoota 15 biroo wajjin waajjira barnoota keessatti gaafa 24/08/2012 irraa eegalee hidhame jira.
3. Ob. Abboomaa Daggafaa I/gaafataman waajjira KFO godina Shawaa Bahaa maqaa namni dhuunfa tokko iyyateera jedhamen gaafaa 29/08/2012 irraa eegalee magaalaa Bishooftuu keessatti hidhame jira.
4. Miseensoti koree KFO godina Harargee Lixaa afur guyyoota 11 hidhamanii wabiin gadi lakkifamaniiru.
5. Qindeesitooti koree KFO ob. Obsaa Hasan fi Amaan Godaanaa akkuma duraan duubatti aanalee Daaddar (Harargee Bahaa) fi Naansaboo (Arsii Lixaa) miiltoota isaani wajjin hidhamani hiikamaniiru.
6. Ob. Keerodiin Ibiraahim miseensi KFO aanaa Algee Saachii magaalaa Suphee (godina Iluu Abbaa Boor) hidhamee haa hikamu malee qabeenyi dhuunfasa, mootar biskileetiin humna mootummaa achi jirun fudhatamusa gabaasi nagaheera.
7. Ob. Mohammad Xahaa aanaa Beddellee (godina Buunnoo Beddellee) qabamee halkan lama reebamee gadi lakkifameera. Achuma godina sana aanaa Daaphoo keessatti miseensa KFO hin ta'iin malee ob. Kadiroo Birhaanuu kan haala nama gadisiisuun ajjeefameera.
8. Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Sadan Sooddoo keessatti miseensoti 17 baatii tokko ol hidhamani wabiin hiikamaniiru.

No comments: