Thursday, May 7, 2015

ጂቱ ለሚ:- "ከኦነግ ጀርባ የኦሮሞ ሕዝብ አለ!" | ሊሸሽጉት ያልተቻለ እዉነታ!


በጂቱ ለሚ* | April 2015
ሰዉዬዉ ቁጭ ብለው ሌሊት-ሌሊት ያሰባሰቧቸዉን የፈጣን ሎተሪ ቲኬታቸዉን እየቀያየሩ ሲፍቁ፣ ሲያስፍቁና ከሎተሪ መዉጫዉ ጋር ሲያመሳክሩ ያድሩ ነበር አሉ። እናማ አንደኛዉን ሲሞክሩት ውጤቱ ሌላ ነዉ። በሌላኛዉ ቢመኩም የባሰበት ሆነ! ሌላም ቢተካ ተስፋ ዬለውም። ላይተዉት ነገር የቤቱ ምሰሶና ማገሩ ‘በፈጣን ሎተሪዎቹ’ ተስፋ ላይ የተዋቀሩ ናቸዉ። አንዱ ሲጣል በሌላዉ ሲተካ ዉጤቱ እየራቀ ተስፈዉም እየመነመነ ቤቱ አልጸና ብሏቸዉ ላይ-ታቹን ሲኳትኑ በእልህ የመጨረሻ ዕድል ለመሞከር ባሕር ማዶ ድረስ ተሻግረዉ ታላቁን ‘ቶምቦላ’ በዉድ ዋጋ ይጋዛሉ። ዕድሉ ቀንቶኣቸው እነዚያን ‘ፈጣንና ፈጣጣ’ ሎተሪዎችን ለአንዴና ለመጨረሻ አራግፈዉ ለመገላገል ተመኙ። ግን ክፉ ዕድል ሆኖ ብዙ የደከሙለትን ‘ቶምቦላ’ መጨረሻዉን ለማየት ሳይታደሉ የመሄጃ ጊዜያቸዉ ደረሰና የያዙትን ሁሉ ለዘመድ አዝማዶቻቸዉ በዉርስ ሰጥተዉ ይሰናበታሉ።
የሰዉዬዉ ወራሾችም የነገሩን አያያዝ አልቻሉበትምና አንዱን ሲይዙ ሌላዉ እየሸሸ ገና ከጅምሩ በሰዶ- ማሳደድ ጨዋታ ልባቸዉ ዉልቅ ይላል። “ልፋ ያለዉ በህልሙ ዳዉላ ይሸከማል” ይባል የል! ዉድ ዋጋ የተከፈለበትና እጅግ የተደከመበት ታላቁ ሎተሪም ገና ተፍቆ ሳይፈተሽ ዉጤቱ ከወዲሁ ባለማማሩ ከመጠቅለያዉ እንኳ በወጉ ሳይገለጥ እንደተሸፋፈነ ወደመጣበት መልሰዉታል። ፈጣኖቹም ቢሆኑ ኣንድ በኣንድ እየተመዘዙ ሲፋቁና ሲጣሉ የተቀሩት ደግሞ አንዳችም ተስፋ የሚጣልባቸዉ ባለመሆናቸው የሰዉዬዉ ቤት ግድግዳዉ ተንዶ ጣራዉ ሊፈራርስ የቀናት ዕድሜ ቀርተዉታል።
ጎበዝ! በዚህ ወቅት ብርቱ ጉዳዮች ኣሉብን። ለሕዝባቸዉ ነጻነትና ክብር የወደቁ ጀግኖቻችንን እናስባለን። የተያያዝነዉን ትግል ለማፋጠን ደግሞ ራሳችንን የበለጠ እናዘጋጃለን። ስለኦሮሞ ሕዝብ ነጻነት ሲሰሙ የሚያምማቸዉን ደግሞ ጠንካራ ዉጋት እየለቀቅን የባሳ እናቃዣቸዋለን። ስለዚህም በፍጥነት ወደ ጉዳዬ ልዝለቅ!
አንድ ሕዝብ ነጻነት ከሌለዉ ህሊዉናዉ አደጋ ላይ ይወድቃል። ይህ መሰል ኣደጋ የተጋረጠበት ሕዝብ ራሱን ከመከላከል የቀደመ አሳሳቢ ጉዳይ አይኖረዉም። ለዚህም ነዉ የዚህ ዓይነቱን አደጋ መከላከል ዉዴታ ብቻ ሳይሆን ግዴታም ጭምር የሚሆነዉ። ለዚህ ዓይነቱ ግዴታ ሕዝቡ የጋራ ኃላፊነት ይኖረዋል። ይህን ሃላፊነት ለመወጣት መሪዎችንና አመራሮችን በየደራጃዉ ይሰይማል። የፖለቲካ ፕሮግራሞችን ይነድፋል። ኣዋጭ የሆኑ የትግል ስልቶችን ይቀይሳል። አሳታፊና ዉጤታማ የትግል መዋቅሮችን ይዘረጋል። ኃይሉንና ጉልበቱን ያቀናጃል። ነጻነት ያለመስዋዕትነት በነጻ ኣይገኝምና ትግሉ የሚጠይቀዉን መስዋዕት ሁሉ ያቀርባል። ይህ በሕዝቡ ፍላጎትና ዉሳኔ ብቻ የሚሆን እንጂ ከየትኛዉም ኃይል ፍላጎትና ተጽዕኖ አንጻር የሚመዘንና የሚመጠን አይደለም። እንደዚያ ሊሆንም አይችልም።
ይህ አብዛኛዉ የዓለማችን ሃገራት ነጻነታቸዉን ፍለጋ ያለፉበት ጎዳና ስለሆነ የኦሮሞ ሕዝብም ነጻነቱን ለመጎናጸፍ ሊያልፍበት በሂደት ያለ ነዉ። መሪ ድርጅት አለዉ። ግልጽና ቀጥተኛ የፖለቲካ ፕሮግራምን ይከተላል። ለሠላም ቅድሚያ ይሰጣል። ሠላምን ከሚጋፉ፣ በጦርና ጦርነት ብቻ መብቱን እየረገጡ መቀጠል ለሚሹም ተገቢ ምላሽ ይኖረዋል። ለዚህ ደግሞ ለሕዝባቸዉ ክብር ዉድ ሕይወታቸውን ለመስጠት የተዘጋጀ ሕዝባዊ ኃይል ኣለው። የሕዝባዊ ኃይል ጫና ያስጨንቃል። ጭንቀቱ ወጥሮ ሲይዝ ደግሞ ያስለፈልፋል። የሕወሃት ሰዎች ይህንን በሚገባ አይተዉታል። ጭንቀቱ ሳት ያረጋቸዉና አንዳንዴም በምጸት አንዳንዴ ደግሞ በግላጭ ከኦነግ ጀርባ የኦሮሞ ሕዝብ እንዳለ እቅጩን ይነግሩናል።
እርግጥ ነዉ! የኦሮሞ ሕዝብ ከመሪ ድርጅቱ ኦነግ ጋር ነዉ። ለእዉነቱ ማረጋገጫ የግድ የጠላት መስካሪ አያሻም። ሆኖም ግን ጠላት እንደዚያ እየመረረዉ እዉነቱን ለመቀበል ሲገደድ መስማቱ እዉነት መቼም ቢሆን እንደምታሸንፍ ማሳያ ይሆናል። በበራቸዉ ደጃፍ ያቆሙአቸዉን ምልምል አሽከሮቻቸዉን እንኳ ማመን ተስኖአቸዉ በወጡና በገቡ ቁጥር ዐይን ዐይናቸዉን እያዩ “… እነ እንቶኔ ሲፋቁ ኦነግ ይሆናሉ …!” ሲሉ እዉነቱን ኣልሳቱም። ይብዛም ይነስም በእያንዳንዱ ኦሮሞ ልብ ዉስጥ ኦነግ ተተክሏልና።
መልካም! በሂደት ሲስሟሽሹ በቀላሉ ይጨፈለቃሉና ጫን ጫን እያልናቸዉ ማስተንፈሱን እንቀጥልበት። “… ከኦነግ መፈክር ዙሪያ የኦሮሞ ሕዝብ አለ …!” ሲሉን ለቅንጣት እንኳ ብዥታ እንዳይኖረቸዉ ኦነግም ሆነ የኦነግ መፈክር ምንጩ የኦሮሞ ሕዝብ ስለመሆነ አንዱን ከሌላዉ መነጠል ፈጽሞ እንደማይቻል በድጋሚ ሙሉ መረጋገጫ እንሰጣቸዋለን። በመሠረቱ የኦሮሞ ሕዝብ የትግል አቅጣጫ የሀገር ባለቤትነቱንና ሁለንተናዊ ነጻነቱን መልሶ ማግኘት ነዉ። በሌላ አባባል የማንንም መብት ሳይጋፉ የራስን መብት ማስከበርና መጠበቅ ማለት ነዉ። እናም ታዲያ የኦሮሞ ነጻነት ግንባር ሕዝቡ የተነጠቀዉን የሀገር ባለቤትነትና ሁለንተናዊ ነጻነትን የመመለስና የመጠበቅ ግዴታ አለዉ። ለዚህም ነዉ ኦነግን ከኦሮሞ ሕዝብ ነጥሎ ለማየት የሚደረጉ ሙከራዎች ህልም እንጅ እዉን መሆን ያልተቻላቸው።
ሀሳቤን ላጠቃልል! ከዓመታት በፊት “ከዚህ ወርቅ ሕዝብ በመፈጠሬ በጣም እኮራለሁ …” ያሉን የሕወሃቱ ቁንጮ ሰዉ ለሕዝባቸዉ ያላቸዉን ፍቅርና አድናቆት በፈለጉት መልኩ የመግለጽ መብት እንዳላቸዉ መቀበል ይቻል ነበር። ሆኖም ግን አካሄዱ ለአንዱ ወርቅ ለሌላዉ ነሃስን የሚያሰጥ፣ የገዢና ተገዢ ስሜትን ለማስረጽ የተጠቀሙበት ጤናማ ያልሆነ ስልታዊ ማነጻጸሪያ መሆኑ ሲጤን ሀሳቡን በቅንነት የመቀበሉ ጉዳይ አስቸጋሪ ይሆነል። እንደዚያ ባይሆንማ ኖሮ ሌሎች ስለሕዝባቸዉ በመናገራቸዉ፣ ጭቆናንና የመከራ አገዛዝን በመቃወማቸዉና ነጻነትን በመጠየቃቸዉ በአሸባሪነት ተፈርጀው እንዲገደሉና እንዲታሰሩ ባልተደረገ ነበር። ይህ ዓይነቱ መብት ‘ለወርቃማዉ ሕዝብ’ ብቻ የተገባ እንጅ ሌሎች ሊመኙት እንኳ እንደማይገባ በተግባር አረጋግጠዉታል። ማንም የራሱን ወርቅ በአግባቡ ሊያጌጥበት ይችላል። “ወርቅነኝ …!” ብለዉ ሌላዉን ለመርገጥ መነሳት ግን ነዉር ነዉ።
እና አሁንስ ምን ቀራቸዉ? ይህን አጥርቶ ለማየት ስለሚሳናቸዉ ቀሪ ዕድላቸዉን እኛዉ ብናመላክታቸዉስ!
እንዲህ ነዉ የሚሆነዉ፥ አንድ ነፋሻማ ወረት ይመጣል። በዚያን ጊዜ እሩቅ የመሰላቸዉ እሳት በቅጽበት ይደርስና የሚመኩበትን የገለባ ክምር ይበላል። ያን ጊዜ ዓይናቸዉ ይገለጥና የተጓዙበት መንገድ ምንኛ የተሳሳተ እንደሆነ ወለል ብሎ ይታያቸዉ ይሆናል። አሁንም ባይታያቸዉ ነዉ እንጂ እሳቱም ነፋሱም በዙሪያቸው አድፍጧል – ያ እሳት ሕዝባዊ ኃይል ነዉ። ሕዝባዊ ኃይሉ ደግሞ ነዉረኛዉን ከነነዉሩ ያስወግዳል።
ድል ለኦሮሞ ሕዝብ!
ጂቱ ለሚ ነኝ

Wallaggaa Qellem Aanaa Jimma Horroo Keessaa Uummanni 50 Ol Tahu Yakka Tokko Malee Mana Hidhaatti Guurame, FDGs Itti Fufee Jira!‏

Posted: Caamsaa/May 7, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments
Caamsaa 6, 2015 – Gabaasa Qeerroo Qeellam Wallaggaa
Wayyaanee2015Qeerroo1
Oromiyaa keessa FDG qabsiifamaa jiruu yeroo ammaa mootumma Wayyaanee muddeen, godinaalee garagaraa keessaa fi manneen barnootaa Yuuniversitiilee fi koollejjiwwan naannootti humni waraanaa fi poolisiin bufatee jira, kun Oromiyaa Wallaggaa, Jimmaa fi baha Oromiyaa irratti kan mul’achaa jiruudha, Qellem Jimmaa Horroo irratti uummata nagaa qonnaan bulaa fi barattoota mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatan kan jedhuun Caamsaa 5, 2015 irraa kaasee Oromoonni mana hidhaatti funaanamaa jiru.
Wayyaanee2015Qeerroo2
Humni waraana mootummaa Wayyaanee fi poolisiin naannoo uummata naannichaa keessatti galee sodaa jiruuf jireenya eegalee achuma keessa uummata waliin jiraachuu kan eegale bultii hedduu fixeera. Mootummaan Wayyaanee humni WBO Qellem aanaalee garagaraa keessatti uummata waliin jiraata kan jedhuun humna isaa hanga gandaatti qubachiisee jira, kana irraas kan hubatamu sodaa mootummaan Wayyaanee qabuudha, kanumaan sabboontota Oromoo FDG uummata waliin qabsiisu jedhamuun yakka tokko kan irratti hin mul’anne namoota nagaa 50 ol tahan Aanaa Jimmaa Horroo keessaa qabee mana hidhaatti guure namoota muraasa maqaan isaanii Qeerroon gabaase akka armaan gadiiti.
1. Shuumataa Danuu-Qonnaan Bulaa
2. Abdiisaa Indaaluu-Ogeessa Fayyaa
3. Masarallaa Dinbaashaa-Hojjetaa Mootummaa
4. Charinat Tamasgeen-Daldalaa
5. Geetuu Tamasgeen-Daldalaa
6. Tigistuu Tamasgeen Daldalaa — namootni kun sadan obboloota.
7. Caalii Ganjoosaa-Barataa
8. Kariim Abdulkariim-Qonnaan Bulaa
9. Effawuu Abdulkarim-Qonnan Bulaa
10. Taaddalee Tasfaa-Qonnaan Bulaa
11. Nabiyyuu Tashoomee-Qonnaan Bulaa
12. Wangeeluu Bajoosaa-Barataa
13. Mallasaa Alamuu-Qonnaan Bulaa-Abbaa Maatiiti
14. Geetuu Tasfaayee-Barataa
15. Solomoon Gurichoo-Konkolaachisaa
16. Lataa Wiirtuu-Daldalaa-deggeraa fi miseensa WBO jechudhaan akkasuma mana isaa keessa meeshaa lolaatu argame jechuudhaan tika mootummaan qabame,
17. Bulchaa Qalbeessaa-Konkolaachisaa
18. Abdii Aseffaa-Barataa
19. Saamsoon Solomoon-Barataa
20. Phaawoloos Atoomsaa-Hojjetaa Mootummaa-kanaan dura irra deddebiidhaan uummata ijaarte, miseensa ABOti jedhanii hiraarsaa turan,
21. Gammachuu Bantii-Barataa
22. Ishete Zakkaariyaas-Barataa
23. Naggaa Balaachoo-Barataa
24. Dirribaa Oljirra-Qonnaan Bulaa
25. Fedhesaa Bashanaa-Qonnaan Bulaa
26. Yoohannis Qixxeessaa-Qonnaan Bulaa
27. Yaadasaa Danuu-Hojjetaa Mootummaa-kanaan duras mana hidhaa Wayyaaneetti hiraarfamaa ture,
28. Abdulkarim Jamal-mana jireenya isaa keessa sakatta’uudhaan meeshaa about argame, jechuudhaan qabame.
Namoota hafan gabaasa Qeerroo aanaa Jimmaa Horroo irraa argannuun kan walitti deebinu ta’a. Uummannis daandi gubbaatti bahee hidhamtootni keenya gadhiifamuu qabuun falma gaggeessaa jira, mana hidhaa namootni kun muraasni keessatti argaman waajjira poolisii aanichaatti nyaata namootaaf akka hin geessine humni waraanaa Wayyaanee dura dhaabbate jaallan kun hundi hidhamuu qofa osoo hin taanee miidhaa qoonqootiin saaxilamaa jiru, Qeerroon Oromiyaa bakka hundaa nuuf birmadhaa diina uummata Oromoo hidhuuf duulaa jiru dura dhaabbannaan dhaamsa Qeerroo Qellem irraa darbuudha.
Wayyaanee2015Qeerroo3

Oromo Voice Radio (broadcast) 6 May 2015

Wednesday, May 6, 2015

Yaada Ummataa Hundeefama OMN Bitootessa 10, 2015

Caamsaa 5, 2015 – Qeerroo

Qeerroo: Walitti Bu’iinsa Uummataa fi Poolisoota Wayyaanee Jidduutti Uumameen Godina Wallaggaa Magaalaan Qassoo Goolamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase


Barruuleen warraaqsaa maxxanfame ykn faca’eera sababaa jedhuun, Wallaggaa aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Qassoo Keessatti warraaqsa Bilisummaa ka’een uummataa fi Poolisoota Wayyaanee jidduu walitti bu’iinsi uumameen Poolisoonni mootummaa Wayyaanee afur uummataan reebamuun kaan ammo magaalicha gadhiisanii bahanii kan turan duubaan humna Poolisa Federaalaa gurmeeffachuun gara magaalaatti deebi’anii uummata gooluu fi hidhuutti babba’anii akka jiran Qeerroon gabaase.
Haala kanaan poolisiin maqaa isaa Gulummaa jedhamu kanneen reebaman keessaa madaan cimaa kan irra gahe yeroo ta’u kanneen hafan kaan dabalatee konkolaataa mootummaan mana yaalaatti ergamuu beekame.
Poolisoonni Federaalaas dargaggoota magaalaa ari’anii qabuun badii tokko malee hidhanii reebaa kanneen jiran keessaa hamma ammaatti kan maqaan beekame.
1. Dargaggoo Asaffaa Dabalaa
2. Dargaggoo Asfaw Mootii
3. Dargaggoo Nagaasaa Beekumaa
4. Jiraataa Qannoo Fiqaaduu
Ta’uu Qeerroon magaalaa Qassoo gabaasee jira.
https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/sbo-gabaasa-oduu-sirna-yaadannoo-waggaa-1ffaa-dhumaatii-magaalaa-amboo
http://gadaa.net/FinfinneTribune/2015/05/oromo-voice-radio-ovr-broadcasts-may-2-4-2015/
Caamsaa 4, 2015 Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF yakka tokko malee ilmaan Oromoo sabboontota ta’an ukkamsaa jira haala kanaan guyyaa har’aa sabboonaan Qeerroo Oromoo kan ta’ee barataa Urgeessaa Dammanaa Kumsaa humnoota tikaa mootummaa EPRDF/TPLF magaalaa Finfinnee keessatti ukkanfame.
Barataa Yuunivarsiitii Rift Valley kan ture, Sabboonaan Qeerroon Oromoo Urgeessaa Daammanaa yakka tokko illee utuu hin qabaatiin daa’imummaa isaa irraa eegaluun Oromummaan yakkamee manneen hidhaa biyyattii garaagaraa keessatti hidhamuun dararamaa kan ture, fi bara 2011 Mana hidhaa Maa’ikalaawwii, fi Qaalliittii Waggaa tokkoo oliif badii tokko malee hidhamee dararamaa kan turee fi yeroo garaagaratti mana hidhaa lixaa Shaggar magaalaa Amboottis hidhama kan ture yoo ta’uu, Guyyaa har’aa kanas badii tokkoo malee FDG Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaggeessa jiru qinddeessiteetta jechuun yeroo dheeraa erga hordofamaa ture, ammas humnoota tikaa mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF’n guyyaa hardhaa ukkanfamee eessa buuteen isaa hin beekamne.
Sabboonaan Qeerroon barataan Oromoo kun FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo biyyattii keessatti qindeessee gaggeessa jiru keessa harka qabda sabaabaa jedhuun nannoo dhaloota isaa Godina Lixaa Shaggar Magaalaa Amboo kolleejjii Rift Valley Amboo utuu barachaa jiruu yeroo sochii Warraaqsaa FDG bara darbee Ebla 2014 Qeerroon barattootni fi uummatni Oromoo sirna bittaa Wayyaanee balaaleffachuun mormii guddaa gaggeessa turanitti FDG kana qindeessuu keessa harka qabda jechuun naannoo dhaloota isaa magaalaa Amboo irraa baqachiifame, barnoota isaas akkatti baratuu dhabuun haala baay’ee rakkisaa ta’ee keessatti gara magaalaa Dirree Dawaatti barnoota isaa itti fufuuf akkuma Koolleejjii Rift Valley Damee Dirree Dawaatti galmaa’ee barnoota eegaletti hordoffiin humnoota tikaa fi dabballoota Wayyaanee itti jabaachuun akka barnoota isaa itti fufee barachuu hin dandeenye dhorkatame akkatti baratuu dhabuun gara magaalaa Finfinneetti deebi’uun hojiilee wardiyummaa fi hojiiwwaan humnaa garaagaraa hojjechuun utuu of jiraachisuu guyyaa hardhaa humnoota tikaa mootummaa EPRDF/TPLF’n ukkanfamee eessa buuteen isaa dhabamee jira.
Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii keessa jiraachuu dadhabuun Mootummaan Wayyaanee diina itti ta’uun mirga namummaa fi dimookiraasii mulqamnee guyyaa irraa gara guyyaatti ilmaan Oromoo ukkaanfamaa jiraaniif dhaabbileen mirga namummaa addunyaa fi mootummootni gamtooman uummata Oromoof dirmachuu qabu, ilmaan Oromoo biyyoota garaagaraa keessa jirtan dhaabilee Idil-Addunyaa mirgoota namummaa kabachiisan hundatti akka uummata keenyaaf iyyaannu Qeerroon bilisuumma Oromoo dhaamsa