Monday, August 24, 2015

Taammanaa Bitimaa irraa***
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffa kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, baga nagaa fi nageenyaan naaf turtanii kutaa saddeettaffaa kana duukaa-buu’uuf dhuftani! Akkuma isin amma gara mandhee tanaa dhuftan mee nagaa fi nageenyi, bilisummaa fi walabummaan Oromiyaa teenyaaf haa dhufu!*
Kunoo, erga Salaale irraa gara dira (“metropolis“) Finfinnee-tti deebinee bubbullee jirra. Akkuman bilbiltoo-dhaan (telefoonaan) isinitti hime san Kotobee, karra Kolleejii Barsiisotaa fuulduratti wal-geenyeen jirra. Amma wajjumaan gara magaalaa Shanootti qajeella! Magaalaan Shanoo inni amma nuti dhaquuf deemnu kun magaalaa Shanoo isa naannoo Abbichuu Galaanitti argamu malee, isa naannoo Meettaa Roobiitt argamuu akka hin taane, ni beektu. Waan hundaafuu mee dubbii wayii bakkuma amma jirru irraa haa jalqabnuu: “Kotobee” jechuun Afaan Oromootiin maal jechuu akka tahe yaadattuu-laa? “Kotobee“-n jecha “kotoba” jedhamu irraayyi madde. “Kotoba” jechuun “biyyee diimaa” jechuu dha. “Kotobee” jechuun immoo “lafa biyyee diimaa” isa jedhu kan ibsu.
Kunoo, otuma kana walitti himaa deemnuu magaalaa Shaggar irraa bayaa jirra. Amma Kaarra Halloo geenyee jirra. Karaa kanaan daangaan magaalmataa (“capital city“) Oromiyaa, jechuun kan Finfinnee, Kaara Halloo kana. “Kaarra” jechuun lafa diriiraa tulluuwwan yookaan gaarran lama jidduutti argamu. Isa Afaan Ingiliziitiin “mountain pass” jedhamu sani. Kaarra Halloo irraa gara fuula Bishooftuu-tiin gaara guddicha Erer agartu. Gara fuula Salaaletiin immoo gooroo (“mountain range“) Eekkaa agartu. Kunoo, amma randa Kaarra Halloo gadi-bu’uun mandara Laga Xaafoo (1) isa laga “Xaafoo” jedhamu irratti hundeeffame geenyeerra. Magaalattiin ishiin nu fuunduraan muldhattu tun immoo Laga Daadhii (2) jedhamti. Karaa isa as irraa gara fuula bahaatti qajeelu kanatu, hiida (“damm“) Laga Daadhii isa Shaggar guutuu dheebuu baasaa jiruu nama geessa. Lagni Xaafoo Laga Daadhiitti yaa’a. Lagni Daadhii kun immoo laga Qabbanaatti, lagni Qabbanaa laga Awaashitti yaa’a. Yoo kan feetan taye gara hiida Laga Daadhiitti gorree, daadhii keessayyuu isa booka kan hamma Shanootti dhugaa deemnu gomboo keenyatti waraabbachuu dandeenya!
QAAMADUBBII
Kunoo otoodhuma biyya abbaa keenyaa bareedaa kana daawwachaa deemnu, Finfinnee irraa wantee (kiilomeetira) 30 fagaachuun magaalaa Sandaafa-a (3) dhaqqabnee jirra. Magaalaan kun bara Hayila-Sillaasee waan Kolleejiin Foolisii asitti ijaarameef, kanaan beekamaa dhufe. Hardha immoo basaaftota warra Wayyaanee isaan gandeen Oromiyaa mara labanii galuun uummata keenya basaasantu asitti leenjifamee baya. Keettoowwan warra Habashaa kun isaan duriis tahee isaan ammaa summii Oromummaa ti. Isaantu Oromummaa keenya summeessaa Toopphiyummaa warra Habashaa nutti biifa jechaa dha. Oromoo Tuulamaa keessaa gosni naannoo kana jiru, Eekkaa kan jedhamu. Dur Eekkaan laga Qabbanaa isa Shaggar keessaa irraa ka’uun as dhaqqabaayyu. Uummata Oromoo Eekkaa isa Shaggar keessaa warri abbaa-buqqisaa akkuma Oromoota Gullallee waan buqqisaniif, inni amma Kaarra Halloo irraa ka’uun, Laga Xaafoo, Lagaa Daadhii fi Sandaafa irraan qaariyuun hamma magaalaa Bakkee faatti jira. Egaa, nafxanyyooni Habashaa: Aannoleetti, Calanqootti, Darraa fi Gullallee faatti uummata Oromoo hamma dandayaan fixanillee, Oromoon: ArsiisAfran Qalloos,Darraanis, Eekkaanis, Gullalleen faas mararfannoo Waaqatiin hafanii hardhas numa jiru. Garuu, Oromoonni Gullallee, Eekkaa fi Galaan faa isaan mararfannoo Waaqatiin lafarraa-duguuggaa Minilik naazichaa irraa hafan, amma waraana warra Wayyaanee-tiin gaadamanii buqqifamaa jiru. Eekaa, seenaan Oromoo inni imimmaanii fi dhiiga uummata Oromootiin faalamaa waggaalee 140 keessa kutee as gaye kun, kunoo ammas ijjeen teenya fi ijjeen Dhaloota Qubee duratti ittuma fufee jira. Kan itti-fufiinsi kun dhaabatu irree saba Oromoo waltahuun akka sibiilaatti jabaatee, harqoota gabrummaa ofirraa darbatee caccabsuun qofa!
Magaalaan amma seenaa jirru kun Bakkee (4) kan jedhamuu fi kan wiirtuu Finfinnee, Birbirsa (“Piyaassaa“) irraa wantee 45 fagaatee argamu. Waan “oduun” Oromiyaa fi Oromummaa kun nu daddhabsiiseef, mee gorree haara haa galfannu! Naannoo kun biyya lagni isaayyuu “dhaadhii” jedhamuu, mee isa haa ajajannu! Sa’aa tokkoo fi walakkaa booda akka asii ka’uun nu irra jiru, mee ammuman gurra isin buusa.
Daadhiin Bakkee kan naannoo biyya Laga daadhii kun akkam ture-ree? Kunoo amma magaalaa Bakkee kana irraa gara wantee 10 gara fuula Wallootti deemuun daangaa Oromoo Eekkaa fi Oromoo Abbichuu, isa karaa kanaan Abbichuu Galaan jedhamuu dhaqqabneeti jirra. Magaalattiin xiqqashoo amma seenaa jirru tun Addallaa (5) jedhamti. Ilaa, ufrufni sonaan baldhaan ijji namaa ilaalee fixuu hin dandeenye kun Sagalee jedhama. Urufni Sagalee kun karaa fuula Salaaletiin naannoo Oromoo Jiddaatiin daangeffama. Naannoo kanatti gosolii Oromoo kanneen qaama Oromoo Tuulamaa tahan daran beekamoo: Galaan, Jidda, Abbichuu fi Jirruu-tu jiru. Seenaa Oromoo fi seenaa Toopphiyaa keessatti waayee Duula Sagalee jedhamuu ni yaadattu. Urufa sagalee amma akka ennaa sanaa sangaa fardaa Oromootinii mitii, konkolaataa Faranjiitiin keessa gulufaa jirtan kana irratti kan Duulli Sagalee sun adeemsifame. Waraanni kun waraanaOromoota Walloo fi Habashoota jidduutti adeemsifame ture. “Mee massaa ka’umsa waraana kanaa nutti himi“, jechuun keessan waan hin oolleef kanaa gaditti gabaabinaan isinii dhiyeeffama.
Waraanni Oromoo Walloo ollachiisaan, inni bara dheeraa waraana Habashaa ofirraa deebisaa ture sun, humna qawwee Faranjiitiin bara 1873 keessa Minilikiin moyame. Oromoota Walloo kanneen oggaa san Muslimoota yookaan Waaqeffatoota turan, afaan qawwee itti-qabamuun Kiristinnaa kaafamani. Abbootii biyyaa isaanii keessaa tokko kan ture Amir Mohaamadi. Dirqiin cuubamee maqaan Kiristinaa kan “Mikaa’el” jedhamu itti-maxxanfame. Giddiidhaan akka intala Minilik fuudhu taasifame. Fuudhaa fi heeruma akkanaa irraayyi Iyyaasuun, inni jaalala uummataatiin “Abbaa Xeenaa” jedhamu dhalate. Minilik kun waan ilma biraa hin qabneef, Iyyaasuun akka isa dhaalee mootomuuf dhaamsa-du’aa barreessisee, qondaaltota isaa kakaachisee du’e. Iyaasuun nam-jaalataa fi kan nama sanyii fi amantiin addaan hin qoonne waan taheef, haala Toopphiyaa ijaan argee, gurraan dhagyee qalbeeffachuuf Oromiyaa fi biyyoota Kibbaa keessa hedduu deddeeme. Hacuuccaa fi roorroo nafxanyoonni Habashaa fi mootummaan isaanii uummatoota Oromoo, Walaayitaa, Kafichoo, Hadiyyaa, Sidaamaa fi Somaalee faa irratti adeemsisan daran qalbeeffate. Fakkeenyaaf yommuu Harargee daawwate, magaalaa Dirree Dhawaatti qondaaltota mootummaa Toopphiyaa kanneen ennaa sana dhibbaa-dhibbatti Habashoota turan buqqisuun Oromoota fi Somaalota bakka isaanii buuse. Nafxanyoota abbootii-lafaa tahuun uummata Oromoo irraa hoomishaa fi gibira guurratan, ammoo kanneen gibira wayiituu mootummaaf hin galchine faa gibira akka baasan godhe. Kunii fi kanneen biroo “inni islaamome” jechuun nafxanyoonni olola hamaa akka isa irratti hoofan taasise. Booda warri Amaaraa isa mootumaa irraa buqqisuun intala Minilik tan Zawudituu jedhamtu mootuu taasisuun, booda immoo akka Tafarii Mokonniin (Hayila-Sillaaseen) mootii tahu godhani.
Mootichi Oromoo Walloo Raas Mikaa’el ilmi isaa, Iyyaasuu Abbaa Xeenaa seera malee, dabaa fi gidiraadhaan mootummaa irraa hariyamuu isaa kana waan hin fudhanneef, isa aangoottti deebisuuf, waraana fardeen Oromoo kumaa hedduun lakkaawamuun marfamee gara Shaggar dhufuuf ka’e. Warri Habashaa meeshaa waraanaa isa ammayyaa kan duraan qaban irratti, karaaa Jabuutii fichisiisuun funyaanii hanga miilaatti hidhatanii dura gorani. Dubbiin dubbii qawwee taatee booda waraanni Oromoo Walloo, kunoo bakka amma jirru Urufa Sagalee kanatti moyame. Miseensonni gita-bittee Habashaa kanneen dubbiin namummaa fi haqni ilmoo namaa cophni isaallee waa keessatti hin argamne, mooticha Oromoo Walloo kana harka isaa sansalataan hiisisanii mataatti dhagaa fe’anii magaalaa Shaggar keessa deemsisani.
Kunoo, otoodhuma seenaa Oromoo keessaa waa walitti himaa deemnuu, magaalaa Shanoo (6) isa Finfinnee irraa wantee 70 fagaatu geenyee jirra. Amma siree qabachuun asuma bulla jechaa dha. Faaraan rafaatii daddhabbii ofirraa calaasaa! Boru waaree keessa (naannoo sa’aa afurii) akka asii kaanu, mee hin irraanfatinaa!
*** // ***
*Hubachiisa: barreeffama kana kutaa torbaffaa keessatti maqaan magaalaa takkaa dogoggoraan kaayamee ture. Isa kana obboleessi keenya, Dr. T. Bosonaa waan na yaadachiiseef, mee kunoo akkuma inni jedhetti sirreeffamee haa dubbifamu. Obboleessa kiyya kanas asuma irrattin maqaa keessaniin galteeffaddha! Nafxanyoonni Amaaraa isaan humna meeshaa waraanaa kan humnoota Oroppaa irraa argataniin saba keenya cabsanii, biyya keenya qabatan namaa-lafa keenya maraa kiristinnaa kaasaa turani. Akkuma Amboon, “Hagara Hiyiwoot“, Bishooftuun “Dabara Zayit“, Walisoon “Giyoon“, Ciroon “Asaba Tafarii” jedhan san Qarree Goohaa kanas “Goohaa Tsiyoon” jedhanii kiristinnaa kaasani. Namaa fi lafa Oromoo bira dabraniituu bineensa daggalaatuu, “gadamsa baddaa” Baaletiin “Yaminilik dikkulaa” jechuun kiristinnaa kaasani. Abbaan Kiristinnaa gadamsa kana kun eenyu-laa? Raas Daargee moo Raas Azbixee dha laata!
Dr. T. Bosonaa kunoo akkana jedha: “Magaalaa Qarree-Goohaa kana booda ”Gohaa-Tsiyoon jedhanii moggaasani. Oromoon naannawa sanii garuu, hanga har’aattuu Qarree-Goohaa jedheet waama. — Qarree-Goohaa kan jedhamteef magaalaan tun baddaa (high land) irraa gara gammoojjii gombisaa laga Abbayyaa yeroo seenan qarree (end of high land) gubbaatti waan argamtuufi. Qarree kana gubbaa irraa yeroo sagalee gadhiisan gammoojjitti gadi gigimsa. Kanaaf ’Goohaa’n itti dabalamee Qarree-Goohaa jedhamte, jedhu manguddoonni naannoo sanii.
Itti-fufa —!
=== // ===

Qophii keessummaa: Prof. Asaffaa Jaalataa

Friday, August 7, 2015

Four Liberation Fronts, viz. OLF, ONLF, SLF & SHEPMODSOJ, Form Alliance/PAFD to Stop Repression by Current Regime in Ethiopia

                Share This Post

Google1GoogleReddit
Posted: Hagayya/August 7, 2015 · Finfinne Tribune | Gadaa.com | Comments
The following are the Statues of the Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy (PAFD), established from the Ogaden National Liberation Front (ONLF), the Oromo Liberation Front (OLF), the Sheckacho People’s Movement for Democracy and Justice (SHEPMODSOJ) and the Sidama Liberation Front (SLF).
———

STATUTES OF THE PEOPLES’ ALLIANCE FOR FREEDOM AND DEMOCRACY

PREAMBLE

The Ogaden National Liberation Front (ONLF),
The Oromo Liberation Front (OLF),
The Sheckacho People’s Movement for Democracy and Justice (SHEPMODSOJ),
The Sidama Liberation Front (SLF)
Hereinafter referred to as the Parties,
Whereas united effort among the oppressed people has become essential in the struggle to stop a continuous and gruesome repression perpetrated by the current regime in Ethiopia,
Recognizing the fact that true and lasting cooperation to fight repression could only exist among the oppressed people and political organization that stand and promote the causes of the people, including genuine and unfettered acceptance of the right of selfdetermination for all peoples in Ethiopia;
Reaffirming their unwavering determination to put an end to the underlying causes of repression, bloodshed, insecurity, political instability and marginalization in Ethiopia and the region, which is inflicting severe hardships and suffering on all the people, and seriously hampers the prospects for sustainable peace, freedom, and the attainment of equality, social justice, and development;
Reaffirming their commitment to shape political order and system of governance inspired by the universal aspiration for freedom and founded on the values of justice, liberty, equality, democracy, good governance, pluralism, respect for the fundamental rights and freedoms, solidarity, mutual understanding, tolerance and cooperation and the right of choice;
Convinced that the realization of all these aspirations and ideals demands the cooperation of the Parties and the coordination of their activities towards the establishment of a genuine democratic process leading to genuine healing and reconciliation and lasting peace based on the free will and choice of all peoples concerned;
Conscious that the failure of the opposition political forces to develop mutual understanding and coordinate their struggle benefited no one but rather contributed in prolonging tyranny by the TPLF regime and perpetuated the misery and agony of all,  Resolved therefore to bring and guarantee freedom of choice and genuine democracy in Ethiopia and the region, Have in consequence decided to set up the Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy (PAFD) and have for this purpose adopted this Statute:

Click Here to Read the Entire 13-Page Statues of PAFD (pdf)


 
http://www.uscirf.gov/news-room/press-releases/uscirf-condemns-trial-outcome-ethiopian-muslim-leaders

Tuesday, August 4, 2015

The Ethiopian kangaroo court has passed a lengthy prison sentence to the Muslim leaders whose crime is stepping forward to peacefully settle the dispute between the Muslim community and the regime. This vindictive sentencing is a result of the regime's frustration and anger towards the leaders because, by choosing nonviolent struggle and unifying the public on the path, they denied the security branch its goal of agitating Muslim youth into violent confrontation and extremism. During the weeks before their imprisonment, Abubakar etl were presented with opportunity to exile. However, they had a unified and unflinching response saying ' we promised our people to represent them. They have elected and rallied behind us. We will not abandon them no matter what. We can't leave them to confront this malicious regime whose ignorance and arrogance we witnessed during our repeated effort to negotiate with them'.
They were right. Had they ran away, the peaceful protest would have faced exiled and potentially divided leadership enabling the regime to infiltrate and agitate towards its goal of engineering militant groups. By choosing to face jail together, the leaders maintained unity and denied the the regime that opportunity.
Its sad to hear men of peace facing 22 years. However, as the Oromo saying goes " hidhaan qoraasuma gootaati", meaning as qoraasuma makes milk taste even better, prison also helps a brave freedom fighter become even stronger and wiser. Therefore, I am sure these unjustly imprisoned brave leaders will come out with much improved qualities to serve their constituency and the country. If this dumb regime thinks it can break their spirit through such lengthy sentencing, it should look at its other victims, men like Bekele Gerba and Asli Oromo, who languished in the gulag for long years yet came out unbroken and swinging even harder for freedom.
Jawhar Mohammed

22 አመት እስራት ያስፈረደብን ኢስላማዊ መንግስት ወይስ ኢስላማዊ መጅሊስ እንዲቋቋም መጠየቃችን??

አቡ ዳውድ ኡስማን
የኢትዬጲያ ህዝበ ሙስሊም በኮሚቴዎቻችን አማካኝነት ለመንግስት ያቀረብነው ጥያቄ ኢስላማዊ መጅሊስ ይመስረት እንጂ ኢስላማዊ መንግስት ይቋቋምል የሚል ጥያቄ አልነበረም፡፡ ኮሚቴዎቻችንን እስከ 22 አመት የሚደርስ እስራት ያስቀጣቸው ወንጀል ኢስላማዊ መንግስት ለመመስረት ህዝብን ለሽብር በማነሳሳት የሚል አሳፋሪ የሃሰት ክስ ነበር፡፡ አንዳንድ የሌላ እምነት ተከታዬች አውቀውም ይሁን ሳያውቁ ወይም የሚከፈላቸው ካድሬዎች ኮሚቴዎቻችን እንደተባለው ኢስላማዊ መንግስት ለመመስረት ሲንቀሳቀሱ መንግስት ያሰራቸው እንደሆነ አስመስለው ሲያቀርቡ እና አስተያየት ሲሰጡ ታዝቤያለው፡፡
እስቲ ለማንኛውም እዚህ ጋር ቆም እንበልናል ኢስላማዊ መጅሊስ ይመስረት ማለታችን ከቶውንስ በምን ስሌት ኢስላማዊ መንግስት ለመስረት መንቀሳቀስ በሚል ሊተረጎም እንደሚችል አብረን እንመልከተው
ቅድሚያ የመጅሊስ እና የመንግስትን ልዩነት ይህን ይመስላል
1. መጅሊስ የሙስሊሞች ተቋም ሲሆን መንግስት ግን የአንድን ሃገር ህዝብ በበላይነት በምርጫ ተመርጦ የሚያስተዳደር አካል ነው፡፡
2. መጅሊስ በሙስሊሞች በሚመረጡ የሃይማኖት አባቶች የሚመራ ሲሆን መንግስት ግን በሁሉም የሃገሪቱ ዜጎች ሃይማኖት፣ዘር፣ቀለም ሳይለያቸው በጋራ ያስተዳድረናል የሚሉትን በምርጫ ወስነው የሚሰርቱት አካል ነው፡፡
3. መጅሊስ በህዝበ ሙስሊሙ በየመስጂዱ በሚመረጡ የሃይማኖት አባቶች የሚመራ ሲሆን መንግስት ግን በቀበሌ ወይም በየምርጫ ጣብያ ተምርጦ በአብላጫ ድምፅ የፓርላማ ወንበር ባገኘ ፓርቲ የሚመራ አካል ነው፡፡
4. ኢስላማዊ መጅሊስ ማለት በኢትዬጲያ ውስጥ የሚገኙ ሙስሊሞችን ወኪል በመሆን ከየትኛውም የፖለቲካዊ አስተሳሰብ ፀድቶ በሃይማኖታዊ ጉዳዬች ላይ ሙስሊሙን ወከሎ የሚሰራ፣ ሃይማኖቱን ምዕመናን የሚማሩበትን እና የሚተገብሩበትን ሁኔታ የሚያመቻች፣ አማኙ ማህበረሰብ ከመንፈሳዊ ሂወቱ በተጨማሪም በሃገሪቱ ሰላም እና ልማት ላይ ተሳታፊ እንዲሆን የሚያግዝ ተቋም ማለት ነው፡፡ መንግስት ማለት ግን ከሃይማኖታዊ ጉዳዬች በጸዳ መልኩ በሁሉም የማህበራዊ፣ኢኮኖሚያዊ፣ፖለቲካዊ እና ሌሎች ተግባራቶች ላይ ሀዝብን ተጠቃሚ እንዲሆን እና ዜጎች በሃገራችን በሰላም፣በአንድነት፣በነፃነት እና በሃገራቸው ፍትሃዊ በሆነ ልማት ተጠቃሚ የሚሆኑበትን ተግባር የሚያከናውን ግዙፍ አካል ነው፡፡
5. በተጨማሪም መጅሊስ እና መንግስት አንድ አለመሆናቸውን፣አንድ ሊሆኑም እንደማይችሉ በህገመንግስቱ አንቀፅ 11 ላይ ሰፍሮ ይገኛል፡፡
ይህ የሰማይ እና የምድር ልዩነት እያለ ከቶውንስ እንዴት ኢስላማዊ መጅሊስ እና ኢስላማዊ መንግስትን ገዢው ፓርቲ መለየት ተሳነው??
በትግራይ ክልል የውቅሮ ከተማ ህዝበ ሙስሊም ወኪል የነበሩት ኡስታዝ ቡሽራ ያህያ ፍርድ ቤት መጅሊስን ተቃውማቹሃል በሚል በሽብር ወንጀል በተከሰሱበት ወቅት የመከላከያ ቃላቸውን ሲሰጡ እንዲህ ብለው ነበር
“እኛ እኮ መጅሊስ እና መንግስት የተለያዩ መስሎን ነበር፡፡ በህዝበ ሙስሊሙ ያልተመረጡ ህገ ወጥ አመራሮችን ህዝበ በመረጣቸው ይተኩ ብለን የመጅሊሱን አመራሮች መቃወማችን መንግስትን እየተቃወምን መሆኑን አላወቅንም ነበር ፡፡ መጅሊስ ማለት መንግስት መሆኑን አሁን ነው ያወቅነው” በማለት ቃላቸውን ሰጥተው ነበር፡፡
በትክክልም የሙስሊሞች ተቋም የሆነው ኢስላማዊ መጅሊስ ይቋቋም ብሎ መጠየቅ ኢስላማዊ መንግስት ይመስረት ብሎ ከመጠቅ ጋር አንድ ሊሆን የሚችለው መንግስት እና መጅሊሱ አንድ ሲሆኑ ብቻ ነው፡፡
መንግስትም በሃምሌ 27 የፍርድ ውሳኔ በአደባባይ ያረጋገጠልን ነገር ቢኖር ይህንን ነው፡፡ የህዝበ ጥያቄ አንግበው መንግስት ጋር የቀረቡ ወኪሎችን እንዴት የመጅሊሱ አመራሮች ይቀየር ትሉኛላችሁ ? ምርጫው ቀበሌ ሳይሆን መስጂድ ውስጥ እንዴት ይካሄድ ትሉኛላቹ? ምርጫውንስ እንዴት ሙስሊሙ ነፃ ሆኖ እራሱ በሚያምንባቸው ህዝባዊ የምርጫ አስፈፃሚዎች ይካሄድ እንዴት ትላላችሁ?. መጅሊሱን መንካት እኔን መንካት ነው በመሆኑም ጥያቄያችሁ መጅሊሱን እንቀይር ማለታችሁ አንዱን የኔን ተቋም ኢስላማዊ ይሁን ማለታችሁ ነውና በማለት የ 22 አመት እስር ቅጣት በይኖባቸዋል፡፡
ሃገራችን ኢትዬጲያ ይህን ፍትህ የሚያሰፍን መሪ አልሰጣትም ፡፡ ጥቁሩን በነጭ ቀየረው.አሸባሪውን በንፁሃን መነዘረው፣ ህገ አክብሩ በሃይማኖት ጣልቃ አትግቡ ብሎ በአደባባይ ህገ መንግስቱን የሰበከውን ህገ መንግስቱን አፍራሽ ተብሎ በ22 አመት እስራት በግፍ እንዲቀጣ አደረገው፣ ሰላም የሰበከውን ሰላም አደፍራሽ አለው፣ ወዘተ…..
ሃይማኖት እና መንግስትን ለመደባለቅ የሚሞከር በፀረ ሽብር ክሱ 22 አመት እስራት የሚቀጣ ከሆነ ሐይማኖት እና መንግስት ይለያዩ፣ መንግስት በሃይማኖት ውስጥ እጁን ጣልቃ አያግባ ፣የህገ መንግስቱ አንቀፅ 11 ይከበር ያለ አካልስ ምን መሸለም ይኖርበታል?? ይህ ያደረጉት ወኪሎቻችንስ አሁን እጣ ፈንታቸው ምን ሆነ??
መጅሊሱን እና መንግስትን አንድ ተቋም ያደረጋቸው፣ የሃይማኖት ተቋሙን በፖለቲካ መሪ ካድሬዎች እንዲመሩ ያደረገ፣ የእምነት ቦታዎችን የፖለቲካ አጀንዳ ማስፈፀሚያ ያደረገ ባጭሩ አብዬታዊ መጅሊስ የመሰረተው አካልስ በፀር ሽብር ህጉ በስንት አመት ይቀጣ???
'አብዬታዊ መጅሊስ "በኢስላማዊ መጅሊስ ይተካ በማለታችን ነው ኢስላማዊ መንግስት ለመመስረት በማሴር በሚል የሃሰት ዲሪቶ ክስ የወከልናቸው ኮሚቴዎቻችን በግፍ እስራት የተበየነባቸው፡፡
አብዬታዊ መጅሊስን ወይም መንግስታዊ መጅሊስን መቃወም ኢስላማዊ መንግስት ለመመስረት መጣር መሆኑን ገዢዎቻችን እስቲ ከህገ መንግስቱም ሆነ ምናልባትም እነሱ ብቻ ከሚመሩበት ህግ ካላቸው በገባቸው ቋንቋ ያስረዱን??
በየትኛው የአለማችን ክፍል ይሆን የሃገሪቱ መተዳደሪያ ደንብ የሆነውን ህገ መንግስት ይከበር ብሎ የሚጠይቅ አሸባሪ ያለው??የትኛው አሸባሪ ይሆን ህግ መንግስቱን በእጁ ይዞ በአደባባይ ህጉን አክብሩ እያለ የሚሰብክ?? የትኛው አሸባሪ ይሆን ሲደበድቧችሁ፣ሲመቷቹህ፣ሲገድሏቹም በሰላማዊ መንገድ ችላቹህ ዝም በሉዋቸው የሚል አሸባሪ ያለው?? በየትኛው የአለማችን ክፍል ይሆን የሰው ሰራሽ ህግ የሆነውን ህገ መንግስት ይከበር እያለ ኢስላማዊ መንግስት ለመመስረት የሚንቀሳቀስ አሸባሪ ያለው?? የትኛው አሸባሪ ነው በአደባባይ የሌሎች እምነት ተከታዬችን አክብሩ፣በሰላም ተኗኗሩ እያለ የሚሰብከው??የትኛው አሸባሪ ነው በሚሊዬን የሚቆጠር ደጋፊ ኖሮት ህግ እና ስርአት አክብሮ እንዲከበር የሚንቀሳቀሰው??በየትኛው ሃገር ነው ለሃገሪቷ ልማት እና ሰላም ሁሌም የበኩሉን አስተዋፅኦ የሚወጣ አሸባሪ ያለው?? የትኛው አሸባሪ ነው ሰላምን፣ ፍቅርን፣መቻቻልን፣አንድነትን የሚሰብክ ?? የዚህ መሰሉ አሸባሪ ያለው እምዬ ሃገሬ ኢትዬጲያ ውስጥ ብቻ ነው፡፡ይህን ተግባር በፈፀም የተወነጀሉት እነዚህ ብርቅዬ የሃገር ሃብት የሆኑ ኮሚቴዎቻችን ናቸው!!!
ውሸት ለጊዜው ፎቅ ገንብታ ብትቀመጠም በደሳሳ ጎጆ ያለችው እውነት አንድ ቀን ፈንቅላ መውጣቷ አይቀርም!
ውድ ወኪሎቻችን የሃቅ ፈራጁ ጌታ ነፃ ያወጣቹሃል ኢን ሻ አላህ
መስዋት እየሆኑ ለሚገኙት ኮሚቴዎቻን አላህ ብርታቱን፣ ቅዋውን፣ ሰብሩን፣ ኢስቲቃማውን፣ ደስታውን፣ ሰኪናውን ፣ ኢህላሱን ይወፍቃቸው!
አሚን

Jaarmiyaaleen ABO afur tokkoomuusaanii beeksisan.

OMN:Oduu Hagayya 04,2015 Jaarmiyaaleen Adda Bilisummmaa 4 tokkomuun hagayya 1 bara 2015 galma Waldaa Hawwaasa Oromoo Mionisootatti Hawwaasa waliin mari’atan .
Jaarmiyaaleen Tokkomnneera jedhan kunneenis ABO jijjiramaa Adda Bilisummaa Oromiyaa Gurmuu Qabsaa’otaa fi Miseensota Koree Adda Bilisummaa Oromoo akka ta’an himaniiru.
Kaayyoon wal gahii Minsisootaa Galma Hawwaasa Oromootti taa’ame kun waamicha Gurmuun 4 walitti dhufuun qopheesse fi Hawwasa Oromo Magaalaa Lakkuu waliin haala yeroo irratti mari’achuuf akka ta’e Itti gaafatamaan damee dantaa alaa Dhaabichaa Dr Nuuroo Daddaffaa OMN tti himaniiru.
Jarmiyaaleen amma walitti dhufuun tokkummaan hojjechuuf murtessaan kunneen kanaan duras miseensota Adda Bilisummaa Oromoo akka turan fi rakkoo adda faffaca’anii hojjechuun fidu waan hubataniif jedhan.
Tokkummaan hojjechuuf murteessuun isaanii jaarmiyaalee kan biraa aangoo yeroof jecha wal baqataniif akka fakeenya ta’u kan himan Dr Nuuroon jaarmiyaaleen Oromoo kan biroonis walitti dhufanii hojjechuun diina Ummata Oromoo saamaa jiru irrtti qabsaa’uu akka qaban dhaamaniiru.
Alamaayyoo Qannaatu gabaase.