Mootummaan Ummatoota Bulchu Irra Alagaa Kabaju, Mootummaa Farra Ummatootaa Ti.
(Ijoo Dubbii ABO)
(SBO – GURRAANDHALA 06,2016) Fincilli Xumura Gabrummaa baatii 3 oliif Oromiyaa keessatti deemsifamaa turee fi jiru Mootummaan Wayyaanee dimokraatawaa akka hin tahin addunyaa hubachiise. Fincilli ummataa kun kan gaggeeffame mootummaan Wayyaanee filannoo kijibaa baatii Caamsaa bara 2015 adeemsisee %100n mohadhe jedhee paarlaamaa biyyattii dhuunfatuu labsatee baatii 6 hin caalle keessatti ture. Fincilli guutuu Oromiyaa keessatti belbele kun kanneen maqaa filannoo kijibaan mootummaa humnaa fi kjibaan aangootti of deebise eebbisan osoo hin hafiin qaanfachiise. Fediin ummata Oromoos maal akka tahe agarsiise.
Ummatni Oromoo gaaffilee qabu karaa nagaa dhiheeffatuuf hiriira baatii Sadaasaa keessa eegaleen deebiin argate deebii mootummaa abbaa irree irraa eegamu ture. Kana irraas kanneen hiriira nagaa bahan rasaasaan tumaman. Lubbuun lammiilee fayyaaleyyii dhibba lamatti dhihaatu rasaasa diinaan galaafataman. Kanneen dhaaninsa waraana mootummaa Wayyaaneen caccaban lakkoobsaan guddaa dha. Manneen hidhaa keessatti kanneen irratti roorrifamaa jiranis kuma kudhanootaan lakkaa’amu. Kun hundi raawwatamee fincilli ummata Oromoo itti fufe malee hin dhaabbanne.
Ummatni Oromoo gabrummaan haa gahu! jedhee ka’e, gabrummaa jalatti hin bullu! jechuun diddaa isaa itti fufee jira. Fincila Diddaa Gabrummaa irraa gara Fincila Xumura Gabrummaatti cehe. Fincilli guutuu Oromiyaa keessatti adeemsifamee fi adeemsifamaa jiru firaafis diinaafis barnoota hin dagatamne kenne. Ummata bitaa bara baraaf jiraachuun kan hin danda’amne tahuu hubachiise. Ummata malee qawween ol aantummaa akka hin qabne mirkaneesse.
Fincilli ummata Oromoo midiyaalee bebbeekamoo addunyaa hedduu hawwatee fi bal’inaan tamsaasame Mootummaan Federaalaa fi mootummaan naannoo Oromiyaa Afaan afaan dubbachiisee kan wal hin beekne tahuu mul’ise. Hundaan olitti ammoo mootummaan naannoo Oromiyaa aangoo homaatuu kan hin qabne tahuu addunyaa hubachiise. Kan ajajaman qofa raawwatuu malee, dantaa ummata Oromoo kabajsiisuuf humnas tahe fedhii kan itti hin qabne tahuu fincilli kun mirkaneesse.
Har’a Fincilaa fi gaaffii ummataa kijibaan shororkessummaatti hidhuun kan hin danda’amne tahuu kanneen mootummaa kana deggeran osoo hin hafiin fudhatama dhabsiisaa jiran. Gaaffiin ummataas gaaffii haqaa tahuu, gaaffii ummatni karaa nagaa dhiheesseef deebiin gama mootummaatiin kenname dogoggoraa fi seeraa ala akka tahe, kanneen ummata irratti yakka raawwatan, ajjeesuu, reebuu fi hidhuun miidhaa geessisan seeraaf akka dhihaatan ifatti gaafatuu irratti argamu.
Dhiibbaa mootummootaa, jaarmayoota idil addunyaa fi falmitoota mirga namoomaan kan sardame mootummaan Wayyaanee, dhiphuu seene irraa walaba of taasisuuf rakkoo Oromiyaa keessatti uumameef sababni Bulchiinsi Gaariin dhibamuu irraa ti jechuun OPDO-tti haqatee of qulqulleessuuf ololuu irratti argama. Kun bakka loon hin oolle dikee barbaaduu fakkaata. Bulchiinsi gaarii dhibamuuf kan itti gaafatamu mootummaa Wayyaanee ti. Saaminsaa fi malaanmaltummaa babal’isuu keessatti qooda ol aanaa kan qabu mootummaa Wayyaanee TPLFn durfamu waan taheef.
Mootummaa Wayyaanee aangootti fiduu fi aangoo irra tursuu keessatti qoodni Mootmmaa Ameerikaa guddaa dha. Deggersa diplomaasii, qabeenyaa fi leenjii waraanaa Ameerikaa irraa argatuun aangoo irra bubbule. Leenjii waraana Agaazii keessattis qooda qaban. Kana malees yeroo diddaan itti hammaattee kufaatiitti dhihaatu bira dhaabbatuun kufaatii irraa hambisaa turan. Har’as haalli gama mootummaa Ameerikaa irraa mul’ataa jiru kanuma. Kunis ibsa aangaawota mootummoota Ameerikaa Geel Smiizii fi Linda Thomas Greenfield irraa kennamaa ture irraa hubatama. Ibsi kunis kan kanneen mirga isaaniif falmataniin kan eegamuun gadii tahuutti dabalee dimokraatawaa tahuu isaanii kan agarsiisu hin taane.
Imaammatni mootummaan Ameerikaa Gaanfa Afriikaa addatti ammoo Itophiyaa irratti qabu dogoggoraa tahuu kanneen dhimma kana hordofanii fi ilaallatu hundi hubachiisaa turan. Har’as hubachiisaa jiran. Maqaa duula shororkeessummaan waahela godhatanii lolchiifatuu isaanii qofa ilaaluudhaan mootummaa farra ummatootaa fi dimokraasii waliin dhaabbatuun dogoggora tahuu, mootummaa farra dimokraasii fi bilisummaa jajjabeessaa fi jireessaa akka jiran ABOn hiree kanaan irra deebi’ee hubachisuu fedha.
Mootummaan wayyaanee tarkaanfiin dhiheenya kana fincilaan wal qabatee ummata Oromoo irratti fudhate dogoggora tahuu mootummaa isa jireessaa jirutti himatuun akka gargaarsaa fi tumsa isaanii irraa hin dhaabne kadhatee jira. Kun mootummaan Wayyaanee ummatoota bulchaan jira jedhu irra Ameerikaa kan sodaatu tahuu agarsiisa. Ummatoota Itophiyaa irra mootummaa Ameerikaa kan kabaju tahuu mirkaneessa. Aangawootni Ameerikaa Itophiyaatti imalanis gaaffiin ummata Oromoo akka dubbatamu master plan qofa irratti kan murtaa’e osoo hin taane, irra bal’aa fi deebisa gahaa hin argatu taanaan gara irra hammaataatti kan cehu tahuu hubachiisuuf yaalaniiru. Haa tahu malee tarkaanfii fudhatamaa turaniin kanneen ajjeefaman gumaan akka baafamuuf, kanneen ajjeechaa raawwatan murtii seeraaf akka dhihaatan, kanneen hidhaman akka hiikaman akka hin gaafatiin ibsamuun, ammas taanaan mootummaa kana waliin hariiroo qaban itti fufuuf kan murteessatan tahuu agarsiisa.
Manni murtii haqaa Itophiyaa keessa akka hin jirre osoo beekanii kanneen hidhaman murtii haqaa akka argatan mootummaa Wayyaanee gaafatuun isaanii baacuun alatti hin ilaalamu. Manni murtii Itophiyaa sadarkaa kam irra iyyuu jiru seeraan osoo hin taane, ajaja paartiin kan murtii kennu tahuun osoo beekanuu, ejjannoo akkanaa fudhatuun rakkoo jiru hin furu. Kanatti dabalees tarkaanfiin humnaan olii fudhatame akka waan wallaalchaa fi leenjii gahaa dhabuu irraa taheetti poolisa leenjisuuf waadaa seenuun mirgaa fi dantaa ummatootaa kabajaa dhorkatuu dha.
Sadarkaan ummatootni Itophiyaa har’a irra jiran sadarkaa hammaataa fi kan furmaata bu’uuraa barbaaduu dha. Waan taheef kanneen umrii bittaa abbaa irrummaa jajjabeessuun kufiinsa irraa oolchuuf tattaafatan gochaa isaanii dhaabanii gaaffiin ummatootaa akka deebii argatu taasisuu irratti akka fuulleeffatan yaadachiifna. Kana gochuu hanqatuun, ajjeechaa fi hidhaan bakkayyuutti itti fufee jiru akka itti fufu taasisuu akka tahee fi mirgi ummatootaa akka hin kabajamneef gufuu tahuu akka tahe ABOn gadi jabeessee hubachiisuu barbaada.
No comments:
Post a Comment