Saturday, June 18, 2016

Human right Wach Report About what is going on in Oromoiya ( Ethiopia )



Hiwmaan Raaytis Waach Tarkaanfii Mootummaan Mormii Oromiyaa Keessaa Ukkaamsuuf Fudhateen Namoonni 400 ol Ajjeefamuu Gabaase




Tigist Gammee
Faayilii - Mormii baratoota Yunvarsiitii Haramayaa, Oromiyaa
Faayilii – Mormii baratoota Yunvarsiitii Haramayaa, Oromiyaa
Hiwmaan Raayitis Waach, dhaabbanni mirga dhala namaatii falmu, gabaasa ballaa mormii Oromiyaa laalchisee haarra baasee, mata duree “tarkaanfii gara jabinaa mormii ukkamsuu, ajjeecha fi hidhaa – deebii mootummaan Itiyoophiyaa mormii Oromooti kenne” jedhu jallatti akkamitti mootummaan Itiyoophiyaa sochii mormii Oromiyaa ukkaamsudha humana barbaachiisaa hin turre akka fayyadame, bayyina namoota mormii Oromiyaa irratti lubbun darbee fi namoota hidhamanii akkasumaas tarreessa.
Fiilix Hoorn ,Hiwumaan Raayitis Waachitti qorataa dhimmoota Itoophiyaa fi Eertiraa
Fiilix Hoorn ,Hiwumaan Raayitis Waachitti qorataa dhimmoota Itoophiyaa fi Eertiraa
Gabaasnni fuula 61 qabu kun, mootummaan Itoophiyaa mala namni odeeffanno akka hin argannee fi walii hin daddabarsine gufuu ta’u hojjirra olchuus dhaabbanni isaanii qorannoodhan mirkaneeffachuu agarsiisa.
Kana malees, humnoonni nageenyaa rasaasa fayyadamuun deddeebi’anii namoonni akka walitti hin qabamne gochuun mormii tokkorratti hoo xinnaate nama tokko yookin sani ol ajjeesdhan ji’oota xinnookessatti mormitoota dhibbaan lakkawwaman galaafataniirus jedha.
Daarkiteerri dhaabbata mirga namaa hordofu, Hiwumaan Raayitis Wochii kan taate Lesilee Lafkaw akka dubbattetti, humnoonni nageenyaa Itiyoophiyaa, lubbuu namaaf tufii guddaa argisiisun, baratoota, qonnaan bultoota fi mormitoota nagayaa irratti dhukaasun ajjeesanii jiru.
Gabaasnni Humaan raaytis baasee kun gabaasa torbbanuma kana Koomishiniin Mirga Dhala Namaa Itoohpiyaa, han teechoon isaa Itoophiyaa ta’e, dhimmi Mormii oromiyaa irratti baaseen addaan goraadha. Komishinichi tarkaanfiin humnoonni mootummaa fudhatan madaalawaa akka ture dubbata.
Faayilii - Naannoo Oromiyaa magaala Holonkoommiiti mormii godhamee keessa konkolaataa caccabe, Muddee 17, 2015
Faayilii – Naannoo Oromiyaa magaala Holonkoommiiti mormii godhamee keessa konkolaataa caccabe, Muddee 17, 2015
Fiilix Hoorn ,Hiwmaan Raayitis Waachitti qorataa dhimmoota Itoophiyaa fi Eertiraati. Qorannoo gabbasa amma baheee kana irattis adda dureedhan hirmaatera. Waayee gabaasichaa fi haala Oromiyaa yeroo ammaa laalchisee Filex hasofisiisera. Mootummaan Itoophiyaa hoo Gabaasa Hiwmaan Raayitis kana akkamitti laala lata? Gabaasaan Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Heenook Samagzaabeer ministiri dhimoota koominikeeshinii Itoohpiyaa Obboo Getachoo Raddaa Dubbiseera. Kutaa duraa sagantaa kanaa armaan gaditti caqasaa. Kuta lamaata wajjin boru sinitti deebina.

No comments: