Thursday, June 23, 2016

#OromoProtests

Mormii Oromiyaa Keessaa ukkamsuuf jecha tarkanfii humnaa fudhachuun dhaabbatuu qaba jedhame.


OMN:Oduu Waxb. 22 ,2016 Pireezidaantiin Ameerikaa Duraanii Jimmy Carter mootummaan Itoophiyaa hiriira Oromiyaa keessaa humnaan ukkaamsuuf yaaluu irraa akka dhaabatu marii TV Al jazeera waliin godhaniin ibsan.
Human Rights Watch bakka bu’uun kan dhihaatan Felix Hornees akkataa mootummaan ummata Oromoo karaa nagaan hiriira bahani rasaasan deebii godhacha akka jiruus Jimmy Carteritti himanii jiran.
Ji’a sadaasa 2015 irraa eegalee, guutummaa Oromiyaa keessaa mormiin jiraachu isaa kan gabaasa TV’n Aljaazeera; keessumoota lama sagantaa AJ stream irratti affeeruun, dhimma sarbaminsa mirga namooma sabaa biyyaa Itoophiyaa keessaa guddaa tahe Oromoo irratti dubbise jira.
Dhimma kana irratti qooda kan fudhatanii Pireezidaantii USA  duraanii   39ffaa turanii Jiimmii Kaarteerii fi ganfa afrikaatti Qorataa human rights watch kan tahe Feliksii Hornee ti.
Gaaffii Gaazexessoonni Aljaazeeraa lama wal harka fudhuun, waa’ee mormii sabaa oromoo irratti keessummoota kanneen lameeniif dhiyyeessina irratti, yaada wal fakkaatta fi gowwomsaa bulchiinsa mootummaa TPLF irratti dubbachuun isaanii immoo dhaggeettii guddaa akka argattu taasise jira.
Dubbii isaaniin qorataa human rights watch kan ganfa Afrikaa kan tahani Feliksii Hornee, erga ji’oota torban darbanii xiyyeeffannoon waa’ee mormii Oromiyaa hordofa akka jirani dubbatu.  
’’Xiyyeeffannoo itti kennuun erga ji’a sadaasa waan nuyi ilaale fi taajjabnee Itoophiyaa keessatti sabaa guddaa biyyitti kan ta’ani, waa’ee mormii sabaa Oromoo ti. Mormii kana irratti namoonni karaa nagaan osoo mormii taasisanii humnoota nageenya mootummaatiin namoonni 400 Oli ajjeefamanuun, kumatamni immoo qabamaan akka jirani addaa baasne jira.Biyyitti keessatti karaa nagaan dhimma isaanii dubbatachuun waan dhorkame fakkaata, mirga waan barbaadani mormuu fi deegaruu isaanii harka molqameera. Dhimma nageenya biyyolleessaa biyyittiis dhimma kanaaf iddoo osoo itti hin kenninii caallise ilaala jira humnoota waraanaa itti gadhiise kunimoo sarbaminsa mirga namooma hamaan sabaa kanarratti rawwachu agarsiisa’’Felix Horne Res@HRW
Feliksii Hornee itti fufuun, waan wayita qorannoo isaanii taajjabani akkas jechuun dubbattu.
’’Yommuu ji’a Amajjii qaamaan oromiyaa keessan ture naan yaadadhaa, dhimma sarbaminsa mirga namooma sabaa oromoo irratti, yeroo paarlaamaan gamtaa Awurooppaa wixinee murtoo mootummaa Itoophiyaa irratti dabarsu,Namoonni ni bowwuu turani, qaamni osoo isaan, karaa nagaan falmaa fi morma jiranii isaanii dhaggahe waan hin tureef,murtoo fi dhaggeetti akkas dhaabbillee idiil-addunyaarraas tahe biyyoota aangoowa irraa si’a jalqabaaf dhaggahan waan taheef, addunyaan, iyya sabaa keenya irra gurra fageefate jirti jechuun illee namoonni ani waayita qorannoo koo dubbise komacha akka jiran argeera.’’ Felix Horne Researcher @HRW
Pireezidaantii USA 39ffaa duraanii bara 1977-1981 kan turaniif badhaafama Nobeelii kan tahani Jiimii Kaarteeriif gaaffii gaazexeessituun Aljaazeeraa,
‘’lubbuu ummataa nagaa ajjjeffamaniif mootummaa Itoophiyaa  tarkanfii Gumaa kafaluu akkamitti irratti rawwachu qaba jetani yaadduu jechuun waayitaa kaarteer gaafatuus Jiimii kaarteer,
’’Dhiibbaan mirga namooma biyyaa Itoophiyaa keessaa akka hin jiranneef, hoggantoonni biyya Itoophiyaa keesuma ummanni oromoo sabaa guddaa biyyitti tahani, gidduu galtummaa mootummaa malee yaada isaanii ibsachu,hiriiraas gaggeeffachu irratti amanamummaan hojjechu danda’u qabu.Nuyis akka Wiirtuu kaarteeritti dhimma kana, dhimma dhitaminsa mirga namooma hin deegaru,nuyi garuu biyyaa Itoophiyaa keessaatti gama seekteraa fayyaan ummataa biyyitti miliyoonaa saddetamii lama argamani keessa  yeroo amma namoota hanga miliyoonaa 9.4 tajaajila fayyaa keenna jira.’’Jimmy Carter late president of USA
Lakkii gaaffii isin gaafadheef dhimma fayyaa fi tasgabbii dhiibuu, waliin wal qabaata jetanittu moo pireezidaantii waayita jettuus kaarteer,
’’Akkaan yaadutti haariiroo kallattiin akka qabudha. Dhimma nageenyi fi tasgaabbii biyyaa tokkoof dhimma fayyaa waan murteessaa fi bu’uura dha.
Dhimma sarbaminsaa mirga namooma yoo kaasne haalli faayuma, bakkeen jiraatan, barnoonni, nyaata ijoolleef kennuun , kabajamni amantaa akkasumaas dhimmi mirga yaadaa ofii bilisaan ibsachu waan ijoo dha.’’Jimmy Carter late president of USA
Dubbiin pireezidaantii kaarteer kallattiimaan erga dhaggahani booda qorataa Human rights watch kan ganfa Afrikaa kan tahani Feliksii Hornees tajaajilli fayyaa kennama jiru hanqina fi dhiibbaan moootummaa Itoophiyaattiin gama kanaan jiruus sirrii akka hin taane dubbataniru.                       
’’Ani yaada isaanii jedhani irratti wali hin galu,rakkoolee gurguddoon mormitoota karaa nageenyaan adeemsiisa jirani irratti mudaacha jiruus hedduudha.
Gama barnootaan jedhameera gaariidha barnoota argachuun,badamoo hin qabu, garuu waan tajajiila fayyaa jedhamu irratti qaamonni nageenya mootummaa Itoophiyaa namoota mormii keessatti miidhamaan akka tajaajila wal’aansaa fayyaa hin argannee dhoorkaa jiru. Pireezidaantii kaarteerii akka jedhanitti,tajaajila fayyaan tumsa kan jiran tahuus dhiibbaan mootummaa TPLF daraan guddaa dha kanaas ilaalu qabu. Dhugaa dubbachuuf biyya sana keessatti, mirgi yaada ofii dubbatanii bilisaan ibsachuu,miidiyaaleen bilisaan keessaa socho’ani gabaasu akkasumaas hirmaanna  paartiilee siyaasaa jajjabeessuun iddoo hin qabu.’’ Felix Horne Researcher @HRW
Dhimma mormii guutummaa kutaalee Oromiyaa irratti, namoonni 400 oli haala sukkanneessaan ajjeefamu gabaasu human rights watch waliin wal-qabate, dhaabbiilee idiil-addunyaa fi miidiyaalee idiil-addunyaa biraatti iddoo guddaa argachuun mat-duree dubbii tahe jiraachu ragaaleen  argannee ni mul’isu.
Itichaa Guddataatiin.

No comments: