Monday, June 28, 2021

#FreeAllOromooPoleticalPrisonersInEthiopia

 Obbo Jawaar Mohammadfaa fedhii keenyaan mana murtiirraa of ittisneerra jedhan.

..
Obbo Jawaar Mohammad, Obbo Baqqalaa Garbaa, Haamzaa Booranaafi Obbo Dajanee Xaafaa, kana booda mana murtiitti dhihaachuu akka hin barbaanne, xalayaadhaan mana murtii Federaalaa, dhaddacha sadarkaa 1ffaa dhimmoota yakka shororkeessummaa Lidataatiif
ibsan.
Obbo Jawarfaa xalayaa sanarratti akka ibsanitti "Mootummaan Moorkattoota siyaasaa jajjaboo ta'aan qofaatti adda baasuun, ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaan sababeessee mana hidhaatti erga nu naqee waggaa tokko ta'ee jira. Waggaa tokko keessatti heera biyya keenyaa kabajuun, adeemsa haqa argachuuf hordofamu hordofnee, mana murtiitti marmaaraa yakka ittiin himatamne akka hin raawwatin ibsuuf yaalaa turree jirra.
Kana hunda gochaa yeroo turretti, Abbootii seeraa, poolisiifi qaamota haqa argamsiisan hundaaf kabaja qabnu utuu hin hirrisin, abdii isaanirra kaawwannee marmaaraa turreerra. Haa ta'u malee adeemsa mana murtii biyya kanaarraa hubachaa akka jirrutti, hidhamtoota siyaasaa manni murtii biliisa isaan baase poolisiin hiikuu diduu, gariin isaanii ammoo deebisee butuun yeroo dhabamsiisuu argaa jirra. Kanaaf nutis murtii haqaa ni arganna jennee hin amannu" jechuun sababa mana murtiirraa of daangessuuf murteessan ibsaniiru.
Hidhamtoonni siyaasaa kunniin "kana booda mana murtiitti hin dhihaannu" murtee jedhurra ga'uusaaniin duratti, kana dura yeroo mana murtiitti dhihaatan, hidhamtoota siyaasaa manni murtii biliisa isaan baase poolisiin deebisee hidhuun murtee shiraafi siyaasaa ta'uu mana murtiitti watwaatanii himachaa turanis, amma yoonaatti furmaatnisaa hin argamin jiraachuu yaadachiisaniiru.
Itti fufuunis "dhaddacha yeroo darbee irratti akkuma ibsinee turre, ilmaan Oromoo sababa siyaasaaf hidhaman ilaalchisee murteen manni murtii dabarsu kabajamaa hin jiru. Nutis ammoo qaama saba kanaa waan taaneef hireen ilmaan Oromoo kan biroo mudate nus ni mudata jennee yaadna. Kanaaf murtee manni murtii kun dhimma keenyaaf murteessus ni kabajama jennee amanuun nutti ulfaata. Sababa kanaaf fedhii keenyaan beellama mana murtii irraa of hambisuu keenya ibsina" jechuun xalayyaa barreessan kanaan yaada isaanii ibsataniiru.
Olaantummaan seeraa fi ajajni mana mana murtii kabajamuu dhabuusaaf muffii qabaachuu kan himan hidhamtootni siyaasaa kunniin, "Qondaalli ABO olaanaan Obbo Abdii Raggaasaa himata ittiin himatamerraa biliisa jedhamee manni murtii erga hiikee booda poolisiitiin deebisee butamuunsaas kanuma agarsiisa" jechuun muffii isaanii xalayyichaan addeessaniiru.
Xumura xalayaa kanaarrattis, "mana murtii kanarraa haqa ni arganna jennee waan hin yaadneef, asitti deddeebinee yeroo abukaatota keenyaa, abbootii seeraafi eegdota nu eeganii gubuu hin feenu" jedhaniiru.
Itti aansuun, "biyya olaantummaan mana murtii hin jirretti, yeroo keenyaafi qaamota biroo gubuurra, har'arraa eegaluun fedhii keenyaan dhaddacharraa of ittisuun, taatota diraamaa Haqa haqaanqalsuu ta'uurraa of qusachuu murteessineerra. Yeroo dhihootti olaantummaan mana murtii kabajamee lammiileenis haqa argachuuf waan itti of amanan ni qabaatu jennee amanna" jechuun xalayaasaanii goolabaniiru.
Walumaa galatti hidhamtoonni siyaasaa Oromoo mana hidhaa Qaallittii jiran keessaa Obbo Jawaar, Obbo Baqqalaa, Haamzaafi Dajaneen mana murtiitti deddeebi'uu akka dhaaban xalayaa kanaan kan ibsatan yoo ta'u, beellama guyyaa har'aa mana murtiirraa qabanittis utuu hin dhihaatin hafaniiru.



No comments: