Tuesday, December 1, 2015

ODUU Mormiin Maaster Pilanii Finfinnee cimee itti fufaa jira.


Mormiin Maaster Pilanii Finfinnee cimee itti 

fufaa jira. 

 

OMN:Oduu Sadaasa 30,2015 Maastar pilaanii Finfinnee ilaalchisee mormiin barattoota Oromoo gadinaalee Oromiyaa hedduu keessatti itti fufee akka jiru himame.
Godina Harargee bahaa yuniversiitii Haramayaa keessatti mormii geggeeffameen, barattootaa fi poolisoota Federaalaa irra miidhaan dhaqabuu isaa himamaa jira.
Haaluma wal fakkaatuun mormiin kun itti fufuun godina Wallagga lixaa aanaa Laaloo Assaabii, Gimbii fi Ayiratti itti fufee akka jiru jiraattonni dubbatan.
Dhimma maastar pilaanii Finfinnee irratti, mormiin barattootaa torbaan lamaan darban godina Sahwaa lixaa aanaa Daandii magaalaa Gincii keessatti eegalamee ture, wayta ammaa kana babbaldhachuun, godinaalee gara garaa keessatti itti fufee jira.
Mormii jalqabame kana dhaasbisuuf jecha, humnootiin tikaa barattootaa fi jiraattota irratti tarkaanfii gara jabeennaa fudhataa jiraniin, namoonni hedduun kan miidhaman yoo ta’u, kan ajjeefamanis jiraachuun himamaa jira.
Haaluma kanaan Godina Harargee bahaa yuniversiitii Haramaayaa keessatti mastar pilaanii Finfinnee irratti mormii ka’een, barattoonni Oromoo hedduun, poolisoota Federaalaatiin reebichi hamaan kan isaani irratti raawwatame ta’uu barattoonni dubbataa jiran.
Bifuma wal fakkaatuun, godina Wallagga lixaa aanaa Laaloo Assaabii fi, aanaa Ayiraatti hiriirri mormii cimaani itti fufee jira.
Aanaa Laaloo Assaabii mana barumsa sadarkaa lammaffaa Wanjootti guyyaa hardhaa barattoonni hiriira bahuu isaanii jiraataan magaalattii tokko OMN tti himan.
Namni kun akka jedhanitti, hiriira san irratti, humnootiin darbatamaa jedhaman, dhukaasa irratti bananii, hiriira san bittiinneessuun barattoota hedduu hidhaniiru.
Manni barumsaa guutumatti cufamee jira. Lammiilee nagaa irratti wayta meeshaa dhukaasan argamaniiru jedhan.
Humnootiin darbatamaa jedhaman kun gara laafinna tokko malee barattoota nagaa irratti reebicha hamaa geggeessaa jiru.
Manni barumsaallee akkuma cufametti jiraachuullee namni kun dubbatanii jiru.
Gaafileen barattoonni dhiheessaa jiran kun, maqaa maastar Pilaanii Finfinnee jedhuun, ummanni Oromoo lafaa fi qabeenya isaa irraa buqqifamuu hin qaban kan jedhu yoo ta’u, garuu mootummaan deebii kennuu dhiisee rasaasa barattootarratti roobsaa jira.
Aanama kana keessatti, kanaan dura mormiin wal fakkaataan geggeeffamee akka ture kan nuuf himan namni kun, ammas bifa adda ta’een geggeeffamee jira.
Humnootiin tikaa mootummaa mormii kana dhaamsuuf jecha barattoota hedduu qabanii hidhuudhaaf barbaadaa akka jiranis dubbatan.
Yeroodhaaf barattoonni qabamanii hidhaman, barataa Boonaa Mulaatuu,  Maartaa Taammiruu,  fi Ayyaantuu Baculaa yoo ta’an, barattoonni kun barattoota kutaa 6ffaa, 8ffaa, fi 9ffaa ta’u isaanii mirkanaahee jira.
Kana males jiraattota keessaa obbo Mulaatuu Olqabaa immo reebichi cimaan kan isaan irratti raawwatame ta’uullee jiraattonni dubbataa jiran.
Kun kanaan osoo jiru, aanaa Gimbii manneen barumsaa Sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa Burqaa Oonjoo fi Laaloo Oonjoo keessatti, barattoonni Oromoo gochaa maastar pilaanii Finfinnee irratti mormii dhageesisuu isaanii himame.
Humnotiin tikaa mormii kana fashalsuuf jecha, tarkaanfiilee reebichaa barattootaa fi jiraattota aanichaa irratti reebicha hamaa raawwatuu isaanillee jiraattonni himanii jiru.
Reebicha geggeeffame kanaan namoonni hagi tokko akka maleetti kan miidhaman yoo ta’u, namoonni hedduunis hidhamuu isaanii himamaa jira.
Akka jiraattonni himanitti, barattoonni Oromoo hiriira dhageesisan kanaan, wayta humnootiin tikaa reebicha irratti raawwataa turanitti jalaa dheessanii manneen jiraatotaatti dhokatanii kan turan yoo ta’u, humnootiin tikaa mana mana irraa deemuun, barattoota kana funaananii hidhaa jiru.
Usmaan Ukkumeetu gabaase.

No comments: