Wednesday, July 13, 2016

#OromoProtests

ODUU

Giinciitti Mormiin Ji’oota saddeet lakkoofsise ammas akka itti fufetti jira.

13662506_1469721969720343_389895226_o
OMN:Oduu Adol.12,2016 Mormiin baatiilee saddeeti laakkofsiisee jiru, ammas magaalaa Gincii keessatti itti fufee jira.
Guyyoota sadiin darban irraa jalqabee haga ammaatti dargaggoonni dhibba tokko gahan magaalaa Gincii keessaa qabamanii hidhamuu isaanii jiraattoonni dubbatan.
Ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa isaa kabachiisuuf jecha wareegama hagana hin jedhamne kafalaa jira.
Gaaffiileen mirga abbaa biyyummaa fi, abbaa qabeenyummaa nuuf haa kabajamu jechuun erga mormiin guutummaa Oromiyaa keessatti jalqabee kaasee kunoo ji’oota saddeet laakkofsiisee jira.
Mormii baatiilee saddeet kana keessatti tarkaanfii ajjeechaa mootummaan Itiyoophiyaa ummata Oromoo irratti fudhateen ammoo namoonni 600 ol ajjeefamanii jiru.
Sadaasa 12 bara 2015 magaalaa Gincitti mormiin ummata Oromoo takka jedhee eegalee ture, osoo addaan hin citin bifa itti fufiinsa qabuun ammas geggeeffamaa jira.
Mormiin ji’oota sadeetii kun yoo kaafamu magaalaan Gincii akka adda durummatti kan kaafamtuudha.
Magaalattiin kunoo ammas mormii keessummeessaa jirti. Mormii qofa keessummeessuu osoo hin taane lubbuu namoota shanii itti dhabdee jirti. Hedduun ammoo itti hidhamanii jiru. Baayyeen isaanii humnoota tikaa mootummaatiin achii buuteen isaanii wallaalamee jira.
Ta’us garuu mormiin ummatichaa ammas hin dhaabbanne.
Tibba kana keessa mormii achitti geggeeffameen barataa Asheetuu Worquu poolisoota Federaalaatiin yoo ajjeefamu kana hordofuun ammas haalli magaalaa san keessatti muldhatu hedduu yaaddessaadha.
Yeroo gara yerootti namoonni nagayaa humnoota tikaa mootumaatiin qabamnii hidhamaa jiraachuunis himame.
Rakkoo wayta ammaa kana magaalaa Gincii keessatti geggeeffamaa jiruu fi yaadannoo mormii ji’oota saddeetii ilaalchisuun jiraattota magaalattii tokko tokko dubbifnee jirra.
Jiraattuun magaalaa Gincii akka jedhanitti, magaalaa isaanii keessatti mormiin ummataa erga dhoohee kunoo guyyaa hardhaa Adoolessa 12 bara 2016tti baatiilee saddeet guutee jira.
Baatiilee kana hunda keessatti magaalaan isaanii mormii keessuummeessaa turte irraa hara hin galfanne.
Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi abbaa qabeenyummaa magaalaa isaanii irratti eegaleen wareegamni ol’aanaanis kafalamee jira.
Loltoonni mootummaa Itiyoophiyaa gara laafinna tokko malee daa’imman, manguddoota, dargaggootaa fi dubartoota ulfaa dabalatee walii galattii namoota mirga saba isaaniitiif quuqaman irratti tarkaanfii ajjeechaa raawwatee jira.
Oormiyaa keessatti manniin jiraattootaa hundi gaddaan liqimfamee jira. Maatiin barattoota isaanii gara mana barumsaatti yoo ergatan galgala ammoo reeffi isaanii manatti galaafii jira.
Maatiin hedduun ammoo ilmaaan isaanii akkuma mana barumsaatti ergataniin dhabanii jiru. Humnootiin tikaa barattoota baayyee manniin barumsaatii ukkamsanii fudhachuun tana buuteen isaanii wallaalamee jira.
Namoonni kumoota kudha afurii olitti laakkayaman qabamanii manniin hidhaa gara garaa keessatti dararamaa jiraachuullee dubbatanii jiru.
Magaalaa isaanii keessatti guyyaa dheengaddaa ajjeechaa barataa Asheetuu Warquu irratti raawwatameen wal qabatee ammas mormiin jabaan geggeeffamaa jira.
Hidhaa fi reebichi namoota nagayaa muudataa jiru ammoo daran hammaatee jira jedhan.
Jiraattota nagayaa irratti ajjeechaa fi dararamiinsi hammeenyaa wayta raawwatamaa jiru kanatti haga ammaatti qaamni birmateef tokkos akka hin jirre jiraattuun magaalaa Gincii tun dubbatanii jiru.
Kun kanaan osoo jiruu, achuma magaalaa Gincii keessatti poolisoonni federaalaa wayta reebicha hamaa namoota nagaa irratti raawwataa jiranitti, poolisoonni Oromiyaa ammoo namoonni kun reebamuu hin qaban jechuun mufii isaanii dhageesisan.
Kanarraa ka’uun isaan jiddutti garaagarummaan jabaan jiraachuu kan nuuf himan jiraataa magaalaa Ginciiti.
Guyyoota sadiin darban irraa jalqabee magaalaa Gincii keessaa dargaggoonni hedduun qabamanii hidhamuu isaanii jiraattuun magaalattii nuti dubbifne ragaa bahaniiru.
Hidhaa, ajjeechaa, fi sarbamiinsa mirga namoomaa namoota nagaa irratti geggeeffamaa jiru kana gara itti iyyatan dhabanii roorrifamaa jiru.
Qaamonni bulchiinsa Oromiyaa bulchina jedhanis jiraattota hiraarfamaa jiran kanaaf xiyyeeffannaan isaan kennan akka hin jirrellee namni kun dubbatan.
Mormii baatilee saddeetii guyyaa hardhaa lakkofsiise kana ufi duuba deebi’uudhaan jiraattuun magaalaa Gincii tun yoo yaadaatan, mormiin cucluqaan guutuu Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jira.
Wareegamni hagana hin jedhamnes itti kafalamaa jira. Loltoota mootummaan bobbaaseen ammoo dhiigni ilmaan hiyyeessaa itti dhangala’ee jiraachuu dubbatan.
Ummanni Oromoo baroota darbee fi bara kana keessa walii galuun mormii jabaa geggeessuu isaanii seenaa biyyattii keessatti adda duree ta’ee kan yaadatamuudha.
Daa’imman umriin isaanii ijoollee ta’anii fi manguddoonni hundi Oromiyaaf jecha gatiin lubbuu isaanii itti kafalan kan nu boonsuudha jedhan.
Caalmatti ammoo ajjeechaa,  dararamiinsa, hidhaa fi gudeeddiin shamarranii fi dubartoota Oromoo irratti raawwatamaa jiru kan dagatamuu miti.
Mirga saba isaanii kabachiisuuf jecha dubartoonni Oromoo karaa nagayaan mormii geggeessaa jiran irratti mootummaa kanaan ajjeechaan isaan muudataa jiru akka laayyotti kan ilaallamuu miti jedhan.
Jiraataan magaalaa Ginci kun gama isaaniitiin mormii ji’oota saddeetii yoo yaadatan, ummanni Oromoo duri irraa jalqabee firoota qabsoo hin qabu ture. Ufii isaatii ufirratti erkatee wareegama guddaa kafalaa osoo jiru asi gahee jira.
Biyyuma isaa keessatti qabeenyii jalaa saamamuun baatiilee saddeeti kana keessatti kan muldhatee miti. Waggoota dhibba hedduu dura irraa  jalqabee ajjeefamuu, hiraarafamuu fi biyya isaatii baqachuun aadaa taatee jirti jedhan.
Wayta rakkooleen haalaan itti hammaataa jiru kanatti sabni Oromoo fira qabsoo dhabuun isaa daran kan nama gaddisiisuudha jedhan.
Akkuma beekkamu hanganfi mormii baatiilee saddeetii magaalaa Gincii yoo taatu, dhawaata dhawaataan sochiin kun itti fufuun guutuu Oromiyaa wal dhaqqabsiisee jira.
Magaalaan Gincii ji’oota kana hundaa mormii keessummeessuu irraa boqonna hin arganne.
Walakkeessa ji’a Sadaasaa bara 2015 irraa haga guyyaa dheengaddaatti magaalattiin lubbuu namoota shanii dhabdee akka jirtus namni kun himanii jiru.
Walii galatti guyyaa hardhaa mormii ji’oota saddeet guutee jiru ilaalchisuun jiraattuun magaalatti tun ummata Oromootiif dhaamsa isaanii yoo dabarsan.
Gochaaleen gara jabeennaa mootummaan kun ummata nagayaa irratti raawwataa jiru daran mormii babaldhisuu malee furmaata ta’aa akka hin jirres beekkamaadha.
Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa fi abbaa qabeenyummaa karaa nagayaatiin yoo jalqabu, gama mootummaatiin ajjeechaa fi hidhaa ta’ee waan muldhateef ammas mormiin wal jalaa itti fufee jira.
Mormii karaa nagayaa fi gochaa gara jabeennaa mootummaan Itiyoophiyaa ummata Oromoorratti raawwataa jiru ilaalchisuun miidiyaaleen addunyaa hundi ijaa fi gurra isaanii gara Oromiyatti deebisanii jiru.
Baatiilee saddeet kana keessatti mootummoonni gamtaa Awurooppaa fi USA dabalatee dhaabbileen mirga namoomaa marti rakkoolee ummata Oromoo muudataa jiru caldhifnee ilaaluu hin qabnu jechuun dubbataa jiran.
Akkasumas gochaa gara jabeennaa mootummaan Itiyoophiyaa ummata Oromoo irratti raawwataa jiru hatattamatti dhaabuu akka qabus akeekkachiisuun isaanii kan yaadatamuudha.
Usmaan Ukkumeetiin.

No comments: