Wednesday, July 20, 2016

#OromoProtests

‪#‎OromoProtests‬ TARKAANIIFII: Baatilee saddeettan ummanni Oromoo falmaa keessa ture kanatti, humna Agaaziitiin dabalatee milishoonnifi poolisoonni bulchiinsamootummaa Oromiyaa jalatti ajajama ilmaan Oromoo ajjeesaafi madeessaa turan. Jara kana keessa namoota 37 ta'an kan ragaa qabatamaan irra jiru Godinaaleefi nannoof ifaafi gara keessaatinis dabarsaa turre. kan kan gooneefis Oromoon yakka walirratti yoo hojjate haaloo walbahurraa seeraan wal gaafachuutu wayya yaada jedhurrayi. Haa ta'uu garuu hamma ammaatti warra nama ajjeese keessaa nama tokko, jechuunis,Abdallaa Mahammad kan Masalaatti nama ajjeese, qofatu seeraaf dhihaate. Warri hafan bakkuma bakkatti jijjiramanii, inumaatuu aangoon dabalameefi jiraachaa jiru. Dhiheenyuma kanaahuu yoo fedhanne, poolisiin Calanqotti Sabriinaa ajjeese, namichi Awwadaayitti joollee shan rasaasaan dhahe, kan torban lama dura Gincitti Eshetu Warquu ajjeese, hanga amma himanni iti hin banamne. Mana hidhaatis hin jiran.
Kana jechuunn OPDOfi waajjirri abbaa alanagaa isheen durfamu hidhattoota mootummaa ummata ajjeesan adabuuf fedhii hin qabu. Kanaafuu har'a irraa kaasee gama keenyaan jara kana mootummaatti gabaasuu dhiisuun ragaa guutuu waliin faana isaanii hordofnee gara miidiyaatiin ummata beeksifna. Ummanniis mootummaatu seeraaf naaf dhiheessa jedhee abdachurra tarkaanfii isaanin malu humna danda'een fudhachuun isaa hin oolu.
Jawhar Mohamed

No comments: