Friday, July 29, 2016

#OromoProtests

OLF ( Oromo Libration Front )
>>>> WBO <<<<
(W). Wirtuu Qabsaawota sabaa
(B). Barbadeessaa diina jabaa
(O). Oromiyaaf lubbuu dhaba.
Hawaasni kee si'abdataa
Roorroo sabaa sitti iyyata,
Lubbuu qalii sabaaf laattaa,
Bobaa diinaa jala galtaa
Diina keenya fixaa jirta.
Lafti teeti tarkaanfadhu
Beelaa dheebuf garaa hidhu
Jiraachudhaaf mamarqadhu
Firiif hidda mukaas nyaadhu.
Roorroo jibbee kan falmatu
Du'ee ajjeesuu hin sodaatu
Gabrummaanuu du'a caalaa,
Tana jibbee dhugaaf lola.
Riphxee duulun hojii teetii,
Gabroomfataa mudhii kuti,
Tarsimoodhaan masakamtee,
Buutee baatee,Kuftee kaatee
Seenaa dhiigaan galmeessite.
Qabsoon sabaa addan cittu
Hanga oromoo kabaja argatuu
Hanga oromiyaan bilisoomtuu.
Qeerroon biyyaa sijaalatti
Abbaan biyyaa WBO jettii,
Bakka maraa suma yaamtii,
Jira jedhii abdachiisii,
Qeeyroo biyyaa gammachiisi.
Hin fagaatin as dhihaadhu
Saba kankee irkoo godhuu
Waboo duruu si jaalannaa,
Ar'aa borus sitti boonna.
__________________________
Munawar Laga Arbaa tin
Adoolessa 28 /2016

No comments: