'Ajjeechaan murtee seeraa malee Dambidollootti raawwatame yaadeessaadha' -Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa

BBC Afaan Oromoo
Amaanu'el Wandimmu

MADDA SUURAA,DAMBIDOOLLOO COMMUNICATION OFFICE

Ajjeechaan kaleessa godina Qeelam Wallaggaa magaalaa Dambidollootti dargaggoo Amaanu'el Wandimmuu jedhamu irratti murtee seeraatiin ala raawwatame kan isa yaaddeessee ta'uu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksiise.

Komishinichi kana kan beeksiisee ibsa taatee kana ilaalchisuun har'a Caamsaa 12, 2021 baaseen.

Dargaggoon Amaanu'el Wandimuu jedhamu guyyaa Kibxataa hidhattoota motummaatiin magaalaa Dambidolloo Addabaabaayirratti ajjeefamuu isaa jiraattoonni BBCtti himaniiru.

Qondaaltoonni mootummaa godinichaas ajjeefamu dargaggoo kanaa kan mirkanneessan yoo ta'u, "gurbichi ummataatti akka mul'atu taasifame malee adabaabaayiirratti hin ajjeefamne,'' jedhaniiru.

Qondaaltoonni mootummaa kunneen dargaggoon ajjeefame kun miseensa garee ''Abbaa Torbee' waan ta'eef 'tarkaanfiin irratti fudhatameera jechuun ibsan.

Ibsi komishinichaa maal jedhaa?

Ajjeechaan Godina Qeellam Wallaaggaa magaalaa Dambidoollootti murtee seeraa malee (extrajudicial killing) bakka ummanni walitti qabameetti addabaabaayirratti dargaggoo Amaanu'el Wandimuu irratti raawwatame akka yaaddeessee Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa kan ibse.

Komishinichi ajjeechaa seeraan ala raawwatamu kamu kan balaaleeffatu ta'u beeksiisuun, qaamoleen seera raawwachisan hundinuu karaa seeraa qofa akka hordofamaniif waamicha dabarseera.

''Ajjeechaawwan seeraan ala raawwataman ummanni olaantummaa seeraa irratti amantaa akka dhaban kan taasisuufi bu'aaleen gama kanaan argaman akka gatii dhaban taasisa,'' jedheera.

Kana malees, aanga'oonni dhimmicha atattamaan qoratanii tarkaaniif barbaachisaa akka fudhataniif Komishinichi gaafateera.

Akkasumas, Komishinichi dhimmicha itti dhiheenyaan hordofee bu'aasaa ifa kan taasisu ta'u beeksiiseera.

Aangaa'oo mootummaa naanichaa dargaggoo Amaanu'e miseensa 'Abbaa Torbee' waan ta'eef tarkaanfiin irratti fudhatame jedhan.

Waajirri Kominikeeshinii magaalaa Dambidoolloo gama isaatiin nama namoota ajjeesaa tureefi miseensa garee 'Abbaa Torbee' ta'e irratti tarkaanfiin fudhatameera jechuun fuula Feesbuukii isaarratti barreesseera.

Waajirri magaalichaas fuula Feesbuukii isaarratti viidiyoo osoo dargaggoon kun hin ajjeefamiin agarsiisu maxxanseera.

Naannawaa sana keessa garee "Shane" manni maree bakka bu'oota ummataa shororkeessaadha jechuun farraje akka socho'u ni himama.

Viidiyoo sana irratti maaltu mul'ata?

Fuula Fesbuukii kana irratti dargaggoon kun osoo hin ajjeefamiiniin dura gaaffiiwwan isaaf dhiyaataniif osoo deebii kennaa jiruu mul'ata. Namni viidiyicha waraabaa tures maqaa isaatiifi bakka dhaloota isaa isa gaafata.

Dargaggoon harki isaa duubatti hidhameeru kun morma isaarratti ammoo shugguxiin rarraafamee ni mul'ata. Miilla dargaggoo kanaafi naannawaa sanatti dhiigni kan mul'atu yoo ta'u, uffannaan isaa ammoo dhoqqeen dibameera.

Dargaggeessi addabaabaayii fuuldura dhaabbate kun maqaan isaa Amaanu'eel Wandimuu Kabbadaa akka jedhamuufi dhaloonni isaa magaalaa Dambidoolloo ganda 07 akka ta'e dubbata.

Viidiyoo sana irratti humnoota nageenyaa mootummaa uffata dambii uffataniin marfamee mul'ata.

Dargaggoon kun maaliif ajjeefame?

Akka waajirri Kominikeeshinii maagaalichaa jedhutti dargaggoon kun miseensa garee 'Abbaa Torbee' jedhamu aanga'oota mootummaa ajjeesuun beekamuu ture.

Dargaggoon kun to'annoo jala ooluun dura ganama nama Gammachuu Mangashaa jedhaman rasaasaan dha'ee milquuf otoo yaaluu''qaamolee nageenyaatiin miillisaa rukutamee qabameera,''jedha.

Kanatti dabaluun, guyyoota muraasan dura magaalaa Dambidoollootti gaazixeessaan OBN Sisaay Fidaa kan ajjeese 'Abbaa Torbeeeti' jedheera.

Namoonni ijaan argan maal himu?

Jiraataa magaalaa Dambidoolloo kan ta'aniifi nagenyasaaniif jecha maqaan isaanii akka hin heeramne kan gaafatan akka himanitti, dargaggoon kun wayita addabaabahiitti ajjeefamu arguu BBCtti himaniiru.

''Amaanu'eel nama hawaasni jaalatu ture," jechuun erga to'atamee booda ''rasaasaan rukutamee ajjeefamuu ijaan argineerra," jedhan.

Jiraataan magaalichaa akka himanitti, qaamoleen nageenyaa mootummaa dargaggoo kana qabuuf wayita dhaqan suuqiidhaa mi'a bitaataan ture jedhan.

Dargaggoo addabaabahitti ajjeefameetti dabaluun namoonni lama biroon rasaasaan dha'amanii wal'aansaaf gara biraatti geeffamuu beeka jedhan.

Itti-gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaaf Nageeenyaa Godina Qeellam Wallaggaa Obboo Tasammaa Waariyoo gamasaaniitiin, dargaggoon kun rasaasaan madaa'ee erga qabamee booda hawaasatti mul'ifame malee, addabaabahiitti hin ajjeefamne jedhanii waakkatan.

''Yakkamaa ta'uun isaa mirkanaa'eera,'' kan jedhan Obbo Tasammaan, namoota lama rasaasaan rukutee otoo miliquu qaamoleen nageenyaa rasaasaan dhahanii qabanii jedhan.

Dargaggoon kun otoo dhaddacha mana murtiitti hin dhiyeeffamiin maaliif ajjeefame? gaaffii jedhuuf, ''dargaggoon kun yakkamaa ta'uun isaa mirkaneeffameera,''jechuurra kan darbe Obbo Tasammaan ibsa bal'aa hin kennine.

Dhimma kanarratti qondaaltoonni naannoo Oromiyaarra deebii akka kennan gaafachuuf yaallee hin milkoofne.

Obbo Tasammaan naannawaa magaalaa Dambidoollootti tibbana hidhattoonni ''Shanee'' jedhanii waamaniifi qaamolee nageenyaa mootummaa gidduutti dhukaasni akka ture mirkaneessaniiru.

''Shugguuxiin gmormaa dargaaggoo ajjeefamerratti rarraafame qaamolee nageenyaa mootummaafi namoota nagaa kan itttiin ajjeesaa ture,''jedhan.

BBCn qondaalota poolisii Godina Qeellam Wallaggaarraa odeeffannoon argate kan Obbo Tasammaan himaniin walfakkaata.

Kibxata darbe gartuu''Abbaa Torbee''jedhamuun jiraataan magaalichaafi abbaan qabeenyaa Obboo Gammachuu Mangashaa namni jedhaman rasaasaan dhahamuu qondaaltoonni magaalicha himaniiru.

'Sirni seera kabachiisuu haala seeraa hordofeen' ta'uu qaba...

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa adeemsa seera kabachiisuu naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruun walqabatee ibsa torbe darbe keessa baaseen ''sirni seera kabachiisuu haala seeraa hordofeen'' akka gaggeeffamu gaafatee ture.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoopjiyaa gabaasa isaa kessatti mirgi namaa kanneen hidhamani jiranii sarbaamaa akka jiruu, maatiin wal arguu akka hin dandeenye, xalayaa mana murtii malee namootni qabamaa akka jiraniifi tarkaanfiin madaalawaa hin taane fudhatamaa jiraachuu ibseera.

Kana malees, maatiin ijoollee isaanii miseensa 'ABO Shane' jedhaman akkasumas haati-warraa abbaan warraa ishee miseensa garee kanaati jedhamee shakkame fidaa jedhamuun akka hiraarfaman addeessee ture Komishinichi.

Haata'u malee, Komishini Poolisii Oromiyaafi Abbaan Alangaa Waliigala Oromiyaa ibsa waloo Caamsaa 12, 2021 midiyaaleef kennaniin, gabasni Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa sarbama mirgoota Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru ilaalchisuun baase ragaa garee tokko irratti kan xiyyeeffateefi madaalawaa akka hin taanedha jechuun mormeera.