Saturday, May 29, 2021

#AbiyAhmedMustGo#Ethiopia

 HD ABO jaal Daawud Ibsaa Caamsaa 3/2021 irraa eegalanii quunnamtiin irraa citee namnis isaan dubbisuu hin dandeenye.

[SQ-Caamsaa 29/2021]
HDABO jaal Daawud Ibsaa Hagayya 1/2020 irraa qabanii murni shiftaa pp hojii idilee isaanii irratti akka hin argamnee fi waajjira ABO muummee Gullallee akka hin seenne erga godhanii waajjirra ABO Muummee Gullallees humna nageenyaa Finfinneen erga eegamuu eegalee har'a baatiin 10 darbanii jiru.
Baatiiwwan 10 dabarsine kana keessatti HD ABO Jaala Daawud Ibsaa irratti shirri murna shiftaan dalagamaa ture cimina namoota kaayyootti cichanii fi cichoomina HDn keessa darbaa dhaabicha baraaraa kan as gahame yoo tahu Ebla 1/2021 irraa eegalanii Mana jireenyaa HD ABO jaal Daawud namni tokko illee alaa gara keessattis tahe keessaa gara alaatti akka hin baane erga godhamee booda Caamsaa 3/2021 immoo bifa adda taheen humni waraanaa Finfinnee nama Lammaa Tasfaayee Jedhamuun hogganamee saamicha mana jireenyaa isaanii irratti cabsanii raawwataniin qabeenyaan mana jiru hunda bilbiloota harkaa ,Komputera dabalatee subbaa ykn shaanxaa Huccuu qabatee jiru guutummaatti saamanii deemaniiru.
HDn ABO caamsaa 3/2021 irraa eegalanii hanga ammaatti quunnamtii tokko malee mana jireenyaa isaanii keessatti hidhamanii akka jiranii fi eegdota isaanii dhuunfaa humnootni waraanaa qabanii ukkaamsuun gara mana hidhaa magaalaa Buraayyuutti akka hidhaman erga taasifamanii booda isaanis caamsaa 26/2021 irraa qabanii mana hidhaa Buraayyuu keessaa baafamuun gara mooraa Waraanaa Awaash geeffamuun gammoojjii keessatti dararamaa jiraachuun barameera.
HDn ABO jaal Daawud Ibsaa yeroo ammaa kana haalli keessa jiran beekamuu baatus tajaajila quunnamtii kamuu akka hin qabannee fi nama tokko waliin akka wal hin quunnamne ajaja MM Abiyyi Ahimed irraa kennameen hanga filannoo kijibaa gaggeeffannu HDn ABO jaal Daawud quunnamtii kamuu akka hin qabaanne kan jedhu ajajni darbee jiraachuu maddeen Sagalee Qeerroo mirkaneeffatanii jiru.
Akka Maddeen Sagalee Qeerroo jedhanitti HD ABO Jaal Daawud quunnamtii irraa kutuu jechuun ijaarsa MCBNO amma isaan akka dhaabaattii eegalan akka hin hundoofne gochuuf Jaal Daawudiin quunnamtii ala gochuu kan jedhu akka tahe mirkaneeffannee jirra.
Ugguramuu fi saamicha HD ABO Jaal Daawud Ibsaa irratti tahe Ilaalchisee Gamtaa Afrikaatti dameen falmaa Mirga Namoomaa fi Dhaabbatni Fannoo Diimaa Addunyaa HD ABO jaal Daawud Ibsaa dubbisuuf yaaliin godhan humnoota waraanaa mana HD fuuldura akka namni hin seenne eeganiin dhorkamanii deebifamuun ni yaadatama.
HD ABO jaal Daawud Ibsaa Abbaa Imaanaa fi abbaa kaayyoo cichoominaa waan tahanii fi dantaan ummata Oromoo kan qabsoofneef galma hin geenye jedhanii akka dhaabaattii fi waan hogganaa tokko irraa eegamu waan raawwataniif qofa uggurrii fi saamichi akka irratti raawwatamuuf daandii bane baruun dandahameera.
Yeroo amma kana HDn ABO jaal Daawud Caamsaa 3/2021 irraa eegalanii maal keessa akka jiran baruun rakkisaa tahus mana jireenyaa isaanii keessatti hojjettuu nyaata bilcheessituu fi daa'ima xiqqoo waliin akka guyyaa eegdotni dhuunfaa isaanii fi qondaalli siyaasaa ABO Jaal Waaqoon qabaman kan manatti hafe isaan qofa tahuu baruun dandahameera.
Qabsoon keenya galma gahuuf ummatni Oromoo qabsaa'ota haqaa fi dhugaaf cichanii dhaabbatan cina ahiriiree Abbootii Irreetti galma gahuuf yeroo ammaa hundeeffama MCBNO eegalamee jiru utubuun tahuu hubachiisna.

No comments: