Monday, September 5, 2016

#OromoProtests

BAQQALAA GARBAA FI
HAYYOOTTAN KEENYA
KAN HIDHAA JIRAN
MARAAF.
Kan kararratti ajjeesan
Isaanif hanqatee,
Hooggantoota keenya
Kan jiruun uggurte
Haabee isaan fixuuf
Ibidda itti qabsiifte,
Sagalee kee dhagayuuf
Baayee arifanee
Jette jettee malee
Qabatama dhabnee
Maatiifii sabni kee
Yaaddoo guddaa seenee,
Hanga ammatti kunoo
Nutin tasgabbooyne.
Qillinxoon gubannaan
Qaallittii dabarsanii,
Baqqalaan Garbaa faan
Du'arraa hafanii,
Deemaa dhaqaa laalaa
Qaallittii jiranii,
Oduu jettus kalee
Jaboo hafarsanii,
Qabataman garree
Nutti hammaate yaanni.
Sobni gurguddatee
Hangamuu oftuulu,
Dhugaan awwaalame
Ifa bahuun oolu,
Kanaafuu nibaatan
Yaa hayyoottan sabaa,
Gaafa dhugaa as bahe.
Sobni bakka dhaba.
Mirga sabaaf jettee
Jiruu tee hidhamte,
Hidhaa keessa teessee
Falmaa itti fuftee,
Mirga namummaa kee
Wayyaaneen sarbamtee,
Onneen saba keetii
Tanaaf sii yaaddoyte.
Hanga ati mul'attuu
Ani booyan dhiisuu,
Rakkoo mana hidhaa
Keessaa si haa tiksuu,
Rabiin tokichi Kheyrii
nuhaa dhageessisuu,
-----------------------------
Hayyoota keenya kan mana hidhaa keessatti hafuurri isaanii dhabame hunda rabbiin nagaya isaanii nuhaa dhageesisu

No comments: