Thursday, June 11, 2020

#AbiyMustGo#Ethiopia

Qacceen Ofii Dhaaneeti Ofiimmoo Iyya 

Documentry OBN dabarse kan kanaan dura TPLF dabarsaa ture: dhumaatii baddannoo, arbaa guugguu 'cifcefaa' qilee hinquuftuu Haadha quree, aklidaamaa, Addis Abeban inde bagdaadiifi kanneen biroo hedduu olola Qabsoo Bilisummaa Oromoo xureessuuf taasifamee darberraa adda miti. Kan adda taasisu yeroo San OPDOn garbittii Tigree taatee dabarsuufi ammammoo gooftummaan dabarsuu ishii qofa.  
 Ummata Oromoo keessa sosso'aa jirru yeroo carraa walitti qabnee dubbisaa turre dhaamsiifi barnoonni laataafii turre dhugaa jirtu ibsu ragaan hedduu jiraatus ammaaf video kana ilaaluun qofti gahaadha. Barnoota akkasii guutuu dhihaatti WBOn kennamaa ture keessaa kun fal'aanaan kan fuudhamtedha.  
 Waraanni Bilisummaa Oromoo ofii isaa akka OBN jedhuun nama dararuu mitii ummata yeroo qaawwi uumamee haala mootummaan TPLFn durfamu jigaa deemee keessa qaawwa argateen quurama qabuun haaloo walbahuuf tureyyuu akka kun tahu hin hayyamne. Kanas video kanarraa nihubattu. OPDO ummata ganna 27f ajjeestee ajjeesisteyyuu ummanni akka of keessa jiraachisu kadhate WBOn, sun gatii har'a kafalaa jirruufuu deebi'ee balaa nutti fide. Akka jiraatan goonee har'a jireenya nudhorkuuf muuxatanii ka'an. Ummanni gaafas nu dhagahee warra kana of keessa jiraachises har'a aarsaa guddaa kanfaluutti jira. Dhugaan jiru kana.  
 Documenteryn OBN gubbaa baate garuu waan sadiif: 
 1• amnesty international ibsi inni baase haqa galaana guddaa keessaa kan shinii tokkoyyuu hin taane sun abbootii irree rifaasise. Ajjeechaa, hidhaafi reebichi isaan gaggeessan dhokachuu akka hin dandeenye, dhugaa diida bahe kanas akkitti dhoksan waan dhibeef, WBO isaan hadheessan kana keessatti yakka dalage jedhamees waan himatamuu dhabeef(wanti ittiin himatamus yakki WBOn godhe hin jiru) kanaaf deebbii dhabuurraa waan yaada nama gara biraa jallisu tolchuuf dirqamnaan documentry kana tolchan, 
 2• Oromoon rakkoon isa bokoksee ukkaamfatee gaafa dadhabu roorroo ofirraa qoluuf daandiitti bahuu eegaluun OPDO akkaan rifaasiseera. Galaanni ummataa Balaa inni qabu mmoo gaafa TPLF waliin turan bateechanii beeku waan ta'eef, kanas akkaataa itti laamshessaniif karoora tolfatanii qophiin taa'aa turan keessaa tokko documentry kana gad baasan, 
 3• Inni sadaffaan Jaalalaa fi mararfannaan Waraanni Bilisummaa Oromoo saba isaa biraa qabu akka hadhaahu, ummata dugda itti galchuun duula qawween dadhaban ololaan cabsuuf documentry kana tolchan.  
 Dhugaan Garuu Hadhooftuu dha. Murtiin Kan Saba Keessa Jirruuti.

No comments: