Wednesday, August 31, 2016

#OromoProtests

14045594_300707470309720_1885702512654381102_n

Qabsoo Oromoon Gegesa jiru kun Tofta, Tarsimoo, Caasaa Cimmaa  fi Gargarsa cimmaa barbaachisa

Getachew Jigi Demekssa irraa
Qabsoo biyya tokko bakkan gaa’uf waan gutamuu qabu heeddutu jira, gurma’iina, humna nama, caasaa, meesha fi mallaaqaa (dhiyeesu ykn logistic), duda dube, Oggansa Cimmaa fi gorsitoota gosa hunda qoophefachuu barbaachisa. Qabsoo amma adeemsia jiru kanaaf kana keessa maltuu guutamee maltuu hanqatee jira yoon jeedhe Oromoo gaafadhee qabsoo keenya kana waan baayetu hiratee jira. Hanqini inni gudan fi dursa furmata argachuu qabu ammoo wal dhaga’uu fi wal dhageefachuu dhabuun dhabate wal dhageefachuu fi wal hubachuu qabna. Namni yoo waa qeequu ykn  mormii kasuu namni kun maliif kana mormee ykn balaalefatu rakkoo mali arige ta’a lataa maliif mormee jeedhani dhabatan of ilaaluu barbaachisa, ofi dubatan of dhageefachuu qoofa utuu hin tanee saba ofi, loltu ofi, hayyuu ofi fi lammii ofi dhageefacha adeemuu qabna.
Qabsoo kami fi lola kamiyuu keessati waan gutamuu qabatu fi waan heedduu barbaachiiftootatu  jira. Isaan kessa, Waaraani Ajjeeja Qabachuu qaba, Madoo loltu isaa kan walanuuf duda dube qabachuu qaba, qabsoo kamiyuu keessatti haawwasi hidhamatoota isaa fi maati isaan kununfachuu qabu. Keenya isaa kamtu hirate jene wal gorfacha fi wal dhageefacha hin jiru, qileensa keessatti fi media irratti ajjaja dabarsuun ,Face book fi Twitterdhan labsii basuun bu’aa fiduu irra gaga’ama guda fida.
FDG fi FXG kan abbuman gegesuu Qeerroo Biyoolesa Oromoo ta’uun isaa ni beekama. Qeerroon ani caasaa qaba, Ogansa mata koon qaba, kara deggersaf na qunamtanin qaba jeedhe Qeerroon Idila Adunya herregaa Bank akka qabu ibsate ture, Qeerroon Idila Adunya sana iyuu al tokkicha herregaa  Bank  isaa ibsee achuman haacaaliisu iyuu malee, barii kun bara Tefozo waan ta’eef Qeerron Idila Adunya Diaspora keessa jiru sochosu dhisee akuuma Diaspora Oromoo ol debi’ee waan rafee nati fakata. Qeerron idla Adunya Mariin goochun fi deggersa mallaaqaa isaa qeerroo biyya keessaf walti qabuu argee hin beeku, Diasporan ilee ofi isaa yaade mallaaqii bank Qeerroti erga hin jiru kun dogogora gudadha. Qeerron Biyyolesa Oromoo Ogana qabsoo  gegesa FXG ta’uu isaa fi sochii isaati boona jirachu keenya malee garggarsa goodhamaf jiru hin argine. Hanga Fayyisa Lelisa ilee dirmanan hin goodhamnef kun siirrefamuu qaba. Ogannon Qeerroo baratoon University heeddun Mada’an jiru, Mana hidhati guramani dararamani qamaa hiratan jiru. Oromoo loltuu isaa nyachiisu,   madoo isaa walanachuu fi hidhamtoota isaa kununfachuu qaba, kana goochuuf ammoo mallaaqa fi deggersa gosa hunda barbaachisa.
Maliif qeeqa kana kafte yoo jeetan garbuman hirba na dhorke halkan rafuu dadhabeen bareesuu egalee rakko nama hin rafifnetu jira. Madoo keenya biyya keessatu yaalamaa hin jiru, hidhamtoon keenya fi maatiin isaani rakkacha jiru, jeequmsa kanan jarsa fi jaartin hojjeeta fi baratan naannoo isaa irra buqa’uu biyya keessa faca’ee jira. Finfinnee keessa kan kara irra bula jiru, Baratoon University nannoo isaaniti galuu sodatani Finfinne keessa rakkacha jirantu jira. Nan yaadadha bara 2002, Bara 2004 yeroo ijoolleen University mana barumsati jeequmsaf ari”amani abba dhaban, yeroo Macaaf Tulaman diigamee namoota Walda Waqeefataa Oromoo keesa jiran murasa waliin tane Nyata fi bakka da’oo ijoollee Oromoof barbaada ture, Churchn Ortodoksi Ethiopia gaafa inni ijoollee Oromoo qabee gara Ijoollee 600 waraanaati latuu ishee hafte Walda Mekane yesusi Gulaleeti akka qubatan goone luba Tesgara Jamootu Keesumuma dhufani isaantu Bilbila na jala kasee “anni ilee keesuma dha Oromoo biyya isaa irratti bakka fi da’oo dhabe bakkeeti hin ganuu tokkoo tokkoon ergi ni simmana” na jeedhan Waldan kuni lubu meeqa du’aa olchite.
Hara’oo maltuu jira Zoon Oromoo hunda keessatti Waloo fi Wambara dabalate yakki goodhama jiru fi dararamni lammii Oromoo irratti goodhama jiru wal fakaataa dha bakka hundatuu, Kokosa fi Gadab Asaasaa, Awaday fi Haromaya, Masala fi Dadar, Manasibu fi Najoo, Ambo fi Gincci, Medaqanyi fi Jaldu, Wadeesa fi Obora, Gimbi fi Nekemte, Gujii fi Borana, Iluabbabori fi Jimma, Kamisee fi Wambara keessatti waan saba keenya irratti deemisfama jiru gadisisa fi yaadeesa dha. Mee Aanaa tokko akka fakeenyati waanin qabataman beekun isiinif ibsa kana jeechu Aannalee Oromiyaa 700 ol fi Ganda Oromoo Oromiyaa 8000 ta’aan keessatti yakka akkasitu adeema akka jiru waanin beekuufin tokkiti qoofa akka fakeenyati kasse.
Aanaa Manasibu baran Bartaa ture  bara Dargi namoon waliin hidhamne keessa tokko Henok Dagimi Jeedhama namni kun fi Hiriyoon isaa akka Hirpha Disasa, Bulti Jalata, Qajeela Abdata, Waljjira Dibari, Jirata Terfasa, Birasaa Riqitu, Marga terfasa, Youhans Gudina, Mijana Gemeda, Waljira Dibari, Mohamed Negara, Rega’a Mulatu, Iyasu Kasahun, Qajeela Farada, Waljjira Guta kkf bayeen isaan hanga haraati bara isaan itti hin hidhamin haafan hin jiru. Bara 1980 kassan hanga haraati ABO jeedhaman yakkamani hidhamu namon kun erga ABOn ba’ee yeroo WFDOn ijaramee ilee miseensa WFDO ta’aan ABO jeedhaman hidhamuu, biyya ari’atamuu. Bara 2014, bara 2015 yeroo amma kana ilee Hirpha Disasa, Raga’a Mulatu, Bulti Jalata, Iyasu Kasahun, Mohamed Negera fi kkf kan biroon  Maikalawi fi Qalenxoo Mana hidha jiru. Jarsoolin beekamon Manasiibu umuri wagga 70 fi 80 akka Obbo Waljjira Dibari fi Jirata Terfasa kkf jarsolii soramuu fi kununfamuu qaban, jarsaolii kabajamo Agaziin biyya ari’ee Finfinnee keesatti bakketi kufan jiru, Kantiiba Magala Mandi fi Ittiaanaa durta’aa WFDO kan ture Yohans Gudina fi namootaa heeddun yakka fi badii tokko malee Agazii fi ergamtoon diina Kabinooota Manasiibu biyya ari’ataman jiru. Haawwas Manasiibu Jarsoolii Uummata birrati kabajamoo fi namoota jalatamoo kana biyya ari’achu saba sana xifuma mootumma waliin wal dura dhabuu ta’uu isaa mirkanesuun jarsooliin kun umuri kanati yakka tokko ilee raawwatan kan hin beekne ta’uu ibsan.  Yakka kana Agazii kan raawwachisan fi  Namoonni yakka kana uummata kana irratti raawwatan:-
  1. Waannaa Qixxaataa,
  2. Tasfaayee Qajeelaa fi
  3. Cuulaa Toliinaa ti yakkamtton sadan kun seerati akka dhiyaatan gaafacha jiru.
Kun gutuumaa Oromiyaa keessatti kan deema jiru dha Manasiibu akka fakeenyatin kasee malee.  Kun kan argisisu Mootumman Ethiopia saba kana bulchuu hin dandeenye, Kabine OPDO Aanaa fi Ganda Oromiyaa jirtu hunda keessatti uumata naga jeequn xifuma jeequmasa babaalisa jiru. Namoni kun maatiin isaan diigame jira ijoolleen isaan barumsa irra dhabatan jiru, beelaa fi rakkof saxilama jiru. Deggersa tokko malee gaafi tokko malee, hamilee fi kununsa tokko malee jirenya gidiira gegesa jiru, lammi Oromoo, Haawwasi Oromoo biyya keesa fi biyya ala kan humna fi mallaaqa qabu kana caalisee ilaaluu hin qabu, gargaruu qaba.
Lola fi Qabsoo kami iyuu keessati waan 3 barbaachisadha jeedhera, Qeeroon kana 3 keessa  Ogaansa fi Caasaa qaba jeenera, Duda dube (Lojistic) fi tumsi jiru garuu hin jiru. Kana qoofa miti Qeerron saganta mata isaa qaba humna isaa fi qabeenya isaa irratti hunda’uu waa inni hojjeeta jirut jira. Garuu Actvistoon biyya ala humna qeerro utuu hin madaliin fi deggersa tokko utuu hin goodhinif afaan qula yeroo ajeeja fi dirqama siiriti hin qoratamin fi siiriti hin madalamin media irran labsi basan gaga’ama utuu fidu argina. An yeerro dheeraf nama FDG kana ergan jalqaba kasse hordofa jiru. Kanaafuu ji’aa kana keessa FXG waamiichii akka Labsiti Face Book fi Median darba turan morman ture.  Hirira fi FXGn mormu miti akkata isaan itti nama wamani fi tofta dadhaba diinaf nama saxiiludha jeedhen morma ture, fakeenyaf Finfinne, Naqamte, Gimbi fi Mandi irratti hiriraf nama yeroo waman bakka akkas, sa’aa akkasi, qixa akkasi, yeroo tokkon, bakka sanati argamtan gara magaalaati socho’uu qabdu jeedha. Kana Mootumman biyya bulcha jiru iyuu kan waraana qabuu akkasti waamuu ni sodata. Kana jeechun waraana Wayyanen bakka sanati argamtun uummata hirira ba’ee rukuti jeechudha jeedhen morme, namni kun mal rakkate morma jira namni jeedhe hin jiru nama tokkotu Naqamte irra wamiichii kun dogogora qabachuu mala dhugadha nan jeedhe.
Waamiichii media fi Facebookn wamame kun bala guda fide Finfinne kara fi bakka Oromoo itti bayyatu jeedhame yaadamee hunda irratti humna waraana heeddu boobafte kampy itti Oromoo guran qoophesite keesumati Burayuu baridha ka’aan Oromoo hunda ID isaa ilaalan sasabuu egalan Vedio kana ilaala yakka hama fi suukanesa finfnfinneti Hagayya 6 raawate, https://www.facebook.com/bontuu.lammii.10/videos/1678009995856587/  waan kana fakkatuu bakka wamiichi seeran ala wamame kanati hundati gaga’ama wal fakatatuu ga’ee Finfinne, Mandi, Gimbi fi Naqamte  bakka uumman itti walga’uuf wamame durse waraani qabate uummata egachuun tokko tokkon qabe hidhu egale Finfinnee keessa qoofadha  namaa 3,500 akka Vedio irratti argamuu kana reebame Matahaarati ( Awash Arba) ti gurame torban lama hidhaman kan amayuu achit hafee Godiinalee fi Aanaalee Oromiya keesa wari guraman Dedhessaa, Xolayi, Sanqalee, Balee fi shawa roobiti guraman.
Gaafa Mata haadadha, wayya gurcha ufadha jeedhan ilee nan morme toftan kun qeerroo ijoollee Oromoo biyya jirtu diinaf saxila, biyya ala namni jiru goochu ni danda’aa. Namni biyya ala jiru Mata Haadachuu fi wayaa gurcha ufachuu qoofa utuu hin tanee quulaa isaa iyuu dhabate mormii isaa argisisuuf mirga qaba, ijoollee biyya keessa harka diina jirtun kana goodhi jeechun deemi mana hidha dhaqi jeechu dha. Waan hojeenu waan bu’aa fiduu ta’uu qaba malee waan lammi bala gudaf saxiiluu ta’uu hin qabu. Waan hojjeechuuf jeenuu dura Oganni waan sana gegesuu ta’ee bu’aa inni fiduu fi bala hin qabuu wal birra qabee madaluu qaba. Sochiin qabsoo goodhamu dura siiriti qooratamu fi irratti mari’atamuu qaba. Malee qabsoo gegefama jiruti mirqanee  dirama gaga’ama fidu uummata ajaajjuu hin qabnu, uummani fi qeerron diina falma jiran kun harka qula jiru.
Diaspora biyya ala ta’ee ajaajja dabarsuu kun Qeerroon meesha waraanaa waan ittin bitatuu gargara hin jiru, Ijoolle qeerron hidhamte fi Hospitala jirtu Ufana dhisati waan nyatu hin qabdu. Mecha fi Tulami Prof. Asafa jalatan Oganamuu garggarasa hanga tokko akka goocha jiru nan beeka. Garuu Haawwas Oromoo Adunya irra jiru wara qabsoo haqa gegesa jiran kana akka itti gargaran qindoomini gariin hin jiru. Hundi nama waan barbade goodha jira, kun siiri miti, ABO fi WBO maaf loluu didan kan jeedhan wara komatuu malee WBOn maliin lola nama jeedhu dhaga’ee hin beeku. Giduu kana namni tokko Suura WBO mila qulaa adeemu maxanse ture heeddun gade, waraanaa qoophe hin qabne bosonatti naqne dhifne maliif lolu dide jeedhan komachuu irra of gaafachuu qabna.  Ano maliin goocha jira jeedhan of gaafachuu wayaa, nami hundi waan dandeesu goodhi. Ani fi maatiin koo ilee erga mana bane waan dandaye hunda caraquu irra guyya tokko ilee sa’aa tokkof of qusane hin beeknu.
Torban darbe Mal goonu ? kan jeedhu Bareefama tokko qoophese dhaabbilee Oromoo fi deggertoota Bilisumma fi Walabummaa Oromiyaa hundaf ergen ture, namoon yaada na gumachiftan asuman hundi keessanu galatoman jeedha. Dhaabbileen Oromoo umuri keessan gutuu yaada uummata gorsa nama hin dhageenye ilee galatoman isiinin jeedha.  Garuu Actvistoon Oromoo (Diaspora) utuu iyyata koo kana dhageessan qabsoo Qeeroon ijoollee Oromoo ji’aa 10 gutuu utuu wal irra hin citiin itti du’aa jiran kana buutani Habaasha jala galchuuf katan hubadha dogogoraa jirtu. Lakkisa dhabadha yaada diina hin tufatiina gara keessan hin laatiinafi, guyuma tokkooti gamadani diina duka hin utalina, torbanuma tokkooti Afaan Oromoo lagatani Afaan Amharan bareesuu warii egaltan dhaabbadha. Nama yaada keessan dhageefatee isiin irra fudhatuu ilee dhabuuf deemtu qubee generationin Afaan Amhara hin beeku, Diaspora mee of qusadha.
Oromoo yeroo meeqa dogogoruu qabna ?.
  • Gobana Dacee Duran Ethiopia tokko goodhe ergasi Minilikin buqisee angoo qabadha jeedhe ture jeedhama, garuu yeroon Ethiopia hunda qabate tokko goodhe Finfinneeti deebi’uu minilik durse Summi keenamef awwalcha garii ilee dhabe.
  • Fewuterari Habte Gorgisi waldhabde xiinoo Lij Iyasu Ali waliin goodhate waan guda goodhe qeesoota Habaashati michoome  lij Iyasu dhabamisise Teferi Angese of ilee Sumiin dhabamsifamee
  • Gaafa Teferi (Haile Silasen) kufuu Oganoon Warana heeddun Oromoo dha Dhaabilee siyaasaa jiran tokko irra kan hafee kani Oganni isaan Oromoo dha garuu hundi isaan Oromoo dhisan Ethiopiaf dhaabatan utuu wal lolan Habaashan Dargi dhuma isaan ijaran itii galagalachite hunda isaan dabare dabareedhan rukute Qarroon Oromoo hundi dhabaman.
  • Bara Dargin kufe ilee Habaasha Amanani Waraanaa Kampy galchani ofi deemun hanga yoona lammii Oromoo keessa isaa madeese jira
  • Inni amma ammoo kan caaluu Dhaabbilee Oromoo tokko ta’uu dadhabani diina Oromoo waliin yeroo tokko ta’aan ijan arga jira.
  1. Waga 6 dura gaafa dhaabi Oromoo tokko Habaashan wal ta’ee Minisoota USA bakka Oromoo kumi 50 jiratuti Sirba Gurage dhichisaa bulaan vedion arge gade garatu na cite. Habaashan garuu isaan gowomsine jeedhe video dhan media hundati gadi dhisanhttp://www.ethiotube.net/video/17946/ginbot-7-s-andargachew-tsige-on-oromummaa-oromiyaa-self-determination-wbo
  2. WFDO fi KBO ilaalcha adda adda qabatan ilee utuu beeknu akka Oromoon tokko ta’uu goone erga tokko ta’aan booda KBO ilaalcha nu irratti jibinu sana ol base MEDRAKti gale Arena Tigira fi Sayee Abirha faa waliin dhichiisuu egalan, jeequmsi hin wayyuu jeene caailfne obsneef, asii irratti dhabachuu dhisee ammiyuu Neo-minilikan Samayawi Party fi MEISOn waliin hojjeechuf deema. Ijalaafeetiin obboleessaf deesi jeedhama OFC asi irratti dhabachuu qaba, WFDOn kayyoo inni dhabateef hundi haqame waan jiruf kana booda waliin deemu hin danda’an kan jeedhu ejjennoo Miseensoota WFDO hunda ta’ee jira. Wajjira OFC cufa ta’uu sun gaafa banamu iyuu Afaan Amharan nu dubsuu kan jeedhan Oromoon wajjiricha baqachuu isaan fi akka WFDO qoofati soocha’a jirachu isaan ibsacha jiru.
  3. Bara 2011 kessa ammoo du’aa Melese Zenawi booda ‘secessionists’ Nationalistoon ango akka hin qabaneef mootumman USA fi Sabi Ethiopia waan goochu qabu qabxilee 5 lafa ka’uun qabsoo Oromoon wagga 40 gooti heeddun itti wareegamee kara itti cufuf akeeka kawamee sagalee fi bareefaman ragan guda na harka jira.
  4. Torban kana ammoo Oromoo fi Amhari hiidi keenya tokko warii gargari nu basuu feetan fi warii tokkumma keenya hin jalane daftan bakka barbaadachuu qabdu isiin dhabamsifna kan jeedhu of egannoon saboontota Oromoof keenama jira.
  5. Barana ammoo Medical Doctorin Oromoo (ODF) of jeedhe tokko ani Gondore dha ani Gojamee dha ani kana boode secessionists miti, ani kana booda ‘zerenya’ miti, ‘zeranyoon’ fi nationalistoon baduu qabu jeechun yeroo lama fi sadi Paltak Habaasha keessatti dubaacha ture, kun Oromoo heeddu gadisise jira;
  6. Ibsi fi dhadannoo ba’uu hundi Afaan Amharan ta’aa jira, wal ta’aan diina TPLF hama kufisun garii dha. Garuu haruma diina amanan saboontoota Oromoo sosodachisuun kun bala qaba. OPDOn Oromoo qulquluu Haacuce Tigire fi Amhara Afaan Oromoo dubatan hunda Koree Hojii raawachiftuu fi kore Gidugaleessa akka goote bori ilee akkas goona jeedhan Actvistoon Diaspora Oromoo Makoo, jaldhufa, Gudifacha fi Neo-Nefxanya Afaan Oromoo beekuu ijjaracha jiru, garuu hin milka’an.
Dhamasan isaanf qabu tokkiti dhaabbi Oromoo ykn Namni Oromoo Habaasha waliin hariroo ykn waltajii ijjarate milka’ee beeku hin jiru, akkuma gararati jeedhe Dhaabbileen ykn namoon Habaashati froman   hundi booden isaa badiituu isaan qunamee. Gobana Dace, Habtegrorgis Dinagide, Tefari Banti, Icaat, MEISON, OPDO, OLF (Chartaraa Wayyaanee) ti hin milkofne. Kana irraa maaliif baraachuu dadhabdan. ODF fi Actvistoon Oromoo Habaasha jalati gurma’uu yaalaa jiran ilee hin milka’an 100 % isiinfin mirkanesa, ofi ilee badani Oromooti ilee dhiiga dhangala’uu ba’isuu, Oromoon isaa durii miti TPLF siiriti reebde of barsifte jirti. Kana malee ammoo akkuma OPDO saba guda kana takalani saba xiiqa jala galchuuf yaadun matan isaa Oromumaa of keessa dhabu dha  ykn rakko enyuuma wara qabantuu biyyoota wara lixaa jala seene Oromoo takkaluu yaala. Oromoon wara lixaa ilee Habaasha ilee hin amanu sababin isaa laachun isaantu waligalee waga 150 nu garbomfate. Yaada furmata yoo barbadan email dhan mali goonu kan jeedhun  isiin erga  ykn Kitaaba Bu’aa Ba’ii Qabsoo uummata Oromoo Garbumaa irra Gara Bilisummati jeedhu dubisa.
Ani tokkumma Oromoo fi Amhara hin mormuu garuu dursa nu Oromoon tokko ta’uu qabna, tokkuman keenya kun kabaja fi sadarkan keenya akka gudatuu goodha, lamaffaa feedhi fi haalaa Qeerroo dargagoota Oromoo xiyeefana keessa galcha mari’achuu qabna, kayyoon fi feedhin Oromoo maritti hin dhiyane jirachuu qaba, fakeenyaf wa’ee Afaan Oromoo, wa’ee lafa wa’ee hirre murtefana Oromoo kkf gaafi fi feedhi uummata ta’a kabajuu qabna. Waan wal qeeqnu ilee Afaan Oromoon goochu qabna. Waan walii keenya qeeqnu Afaan Amhara ykn Afaan English bareesun maliif tokkoffaa Afaan Hojii Oromoof Afaan Oromoo hata’uu jeecha Afaan biran fayadamuun seera of murtesite cabsuu dha isaa kana yeroo birra irrati dubana.
Bilisummaan Oromoo fi Walabumman Oromiya ni mirkna’aa !!!
Na ofkalcha
Getachew Jigi Demekssa PhD
Founder member of Oromo Federalist Democratic Movement
Ex- Member of Ethiopia Federal Parliament
Chairman of Oromo Parliamentarians Council
Ernest Claesstraat 10 GLV, 2050 Antwerpen  Belgium 
GSM +32 488 47 93 60,   skype gadaa.oromoo ,
facebook gummi paarlamaa Oromoo
Email: opc.gpo@gmail.com  

No comments: