Friday, August 12, 2016

#OromoProtests

DADDABARSI IYYA
Kanenus Kasa Bayisa tiin

-Yaadannoo Hiriira Nagaa Guutuu Oromiyaaf
Warra Amboo
Mee akkami qerroo – qophooftanii yaa abboo?

Qeerroo Giincii
Xurii waggaa dhibbaa – guyyaa tokkoon miicci

Goota Jalduu
Gantuun akka baqachuuf kaate – quba qabduu?

‪#‎Warra‬ Walisoo
Hin hafnu walirraa – wal abdanna durisoo

‪#‎Tullu_Boolloo‬
Faradoo keessaniin koottaa – abbaa daamaaf bulloo

‪#‎Yaa_Warra_Buusaa‬
Waraabessi kaabaa – guyyaan nutti yuusa
Ofirraa haa ariinu – waliif baanee guuza

‪#‎Roobii‬ Qarsaa
Lammiin waliin ka’eera – iyyaa dhaamsa dabarsaa

‪#‎Baabbicha‬
Sanyii ijoollee Amboo – ilmaan oromtichaa
Nu gubaa hin jiraattu – ilmaan nafxanyichaa

‪#‎Qeerroo_Baakkoo‬
Oromiyaan sin waamti – birmadhaa ilmaan koo

‪#‎Geedoo_fi_Siree‬
Yoo qabeenya ta’e – rabbitu nuuf hire
Jaldeessi maaf nyaata – kichuu keenya ciree?

Qeerroo Naqamtee
Na qaqqabaa ijoollee koo – saroonni naaf gamte

Ijoollee Gimbii
Qe’ee koo na saaman – gootaraa fi dilbii
Osoo sin jirtanuu -gurra koo na duuche kolfi isaaniif sirbi

Qeerroo Mandii
Sodaa keessaniif – waa sagal jechaa jirti gandi
Jedhaatii dhaadadhaa – nuuf lakkisi daandii

Qeerransaa Najjoo
Lammii keerraa fuudhi – gabrummaa fi waanjoo
Ofirraa ariina – kara deemtuu fi jaanjoo

‪#‎Dambi_Doolloo‬
Gamtaan haa buqqifnu – falfaltuu fi jalloo

Horroo Guduruu
Oromoon leenca – sodaa hin qabu duruu
Dinneerra didaa – sossobaaf ushururuu

Oromoo Fincaa’aa

‪#‎Arjoo_Guddattuu‬
Hin dhaggeeffatiinaa – waan jaanjoon dubbattu

Ejersa Lafoo
Diinni baqattee baduufi – dura muri afoo

‪#‎Warra_Ejeree‬
Injifannoon baruma – hin jedhiinaa bar egere

Ijoollee Hoolotaa
Of keessaa balleessaa – kajeeltuu sarootaa

Meettaa Roobii
Galtuu guggubi malee – akka abiddaa fi doobbii

Ijoollee Salaalee
Sanyii Taaddee Birruu – maaltu si wallaale?
Qoqophaa’aakaa hin qabnu wal malee

Warra Abbichuu
Firaaf malee diinaaf hin ta’iinaa michuu
Amma yeroonsaa – kan goonni gadhee gad gingilchu

Laga Xaafoo
Fardaaf gaachanaan malee – akka hin dhufne lafoo

Laga Daadhii
Mandhee warra bulguu – qotiitii gad haadhi
Gantuu lammii nyaattu – awwaalii qadaadi

‪#‎Sandaafaa‬
Ormi nu hidduuf jira – akka bofa saafaa
Dafnee buruqsina – maaltu walirraa hafa?

Yaa Warra Sulultaa
Dhageessan mitii – waa’ee lafa gurgurtaa?
Maarree maal eegdu – hin jedhiinaa suuta

Oromoo Buraayyuu
Diinni yoom nu dhiise – hanga ammaayyuu
Galfata hin nyaannu – imaanaa abaabayyuu
Sambata hin hafiinaa – namni tokkoyyuu

Qeerroo Sabbataa
Ilaamee akka inni nu nyaatu – diinni afaan qarbataa
Mana keenya seenee – bakkeetti nu darbata
Ofirraa haa adamsinu – gaaf guyyaa sambataa

Oromoo Bishooftuu
Ilaa booyyeen warra kaabaa – akka isheen xirooftu
Gurmuun gadi baatee – dachee kee irraa hin ooftuu?

Oromticha Galaan
Keessanoo akkami – mee maal jedha garaan?
Sambanni sambata – gar kami karaan?

Ijoolleen Adaamaa
Lafa bal’aa qabna – bakkeetti wal waamaa
Sambata dhufu diinaaf – dhaamsa dhumaa dhaamaa

Oromoon Arsii Lixaa
Gabrummaan nu ga’a – jechuun dubbii fixaa
Mandhee gantootaa – gurmuun itti lixaa

Yaa Warra Asallaa
Tokkummaadhaan baanee – injifannoon galla

Oromoo Nageellee
Keenyumaan bulle – nuti orma hin kajeelle
Ishee nu saamtummoo – biyyaa baafna haleellee

Qeerroo Gujii
Warqee saamaa jirtiim – warri amajaajii
Sambata qophaa’aa kaa – itti baana raajii

Oromticha Booranaa
Gadaan wal bulchina – mee ka’aa jarana
Seenaa keenya bade – deebifna barana

Gootota Baalee
Sanyii Waaqoo Guutuu – eenyutu sin caale?
Fardeeniin koottaa – fe’adhaa booraaf daalee

Qeerroo Harargee
Mee akkami qophiin – biyya xiiqiin itti marge
Kanaaf diinni isin adamsa – jabina keessan argee

Qeerransa Awwadaay
Agaaziin maaliif jetti – Ijji wada laay
Qawween nun bulchitu – jala deemtoonni Abbaay

Sabboonticha Ciroo
Wal dammaqsaa malee – hin taane yaa dhiiroo

Dirre Dhawaa
Qaama keenya muranii – siin jedhan federaalawaa
Dhibee waggaa dhibbaa – nuuf barbaadi daawaa

Qeerroo Gaara Mul’ataa
Dhugaa oromoo afaan qaban – funyaantu dubbata
Isinis qophaa’aa malee – gaafa sambataa

Yaa Oromoo Raayyaa
Hamma yoomii guggubanna – akka dhagaa gaayyaa
Walirraa fagaannus – numa waliif wayya
Ofirraa fonqolchina – kan nu dhoowwu fayyaa

Yaa Warra Karrayyuu
Ajjeechaaf hidhamuun – nurraa hin hafne har’ayyuu
Gabrummaa hin feenu – falmadhaa ammayyuu

Handhuura Oromiyaa Finfinnee
Siif jecha lafeen nu caccabee – foon keenyaan ciccinne
Oromiyaa guutuun – fincilaan finiine
Ofirraa foqolchi atis – diina si ciniine

Haadha hunda keenyaa – aayyoo koo Oromiyaa
Bilisummaa keetiif jecha – dhume qeerroon biyyaa
Atis hin callisiin – daddabarsi iyya !
==
Hidhaan kanaa gadi dhaamsa jabaa qaba
Kan balaaleffatu murtii jallaaf dabaa
Keessuma seenaati obsaan dubbifadha
Saba roorroon cabse bilisa baafadha!

No comments: