Tuesday, August 9, 2016

#OromoProtests

Ibsa Ejjennoo Gurmuu Miseensoota WBO Biyya Alaa

ibsaa
JAALLAN MISEENSOOTA WBO DIRREE FALMAA KEESSA JIRTANII FI KABAJAMAA UMMATA OROMOO BAL’AA BIYYA KEESSAAFI BIYYA ALAA JIRAN’ AKKASUMA QEERROO BILISUMMAA OROMIYAA”BARATOOTA OROMO GUUTUU OROMIYAA MARAAF. Duraan dursinee nagaan keenya kan. Kabajaa ‘ulfina Jaallummaa fi Oromummaa bakka jirtanitti isin haa dhaqqabu Jenna.
  1. Nuti GMWBOBA jirru. Haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti deemaa jiruu fi FXG Goototni Qeerroo Bilisummaa Oromiyaa’ Ummanni oromoo diina irratti Ji’a Saddeetiif (8) qabsoo hadhooftuu geggeessaa jiran jala buunee hordofaa jirra.Akkasuma irree fi Gaachana Ummata Oromoo kan ta’e WBOn Oromiyaa bakkoota addaa addaatti tarkaanfii laalessaa humna Weerartuu diinaa irratti fudhataa jiru dinqisiifachaa Jaallan Qabsoo! Akkuma kaleessa irbuu Jaallummaa fi Waadaa QBO saba keenyaaf seenne har’as nuti GMWBOBA  qaamaan wal irraa fagaannullee yaadaafii qalbiin isin waliin jirra! Jaallan! Qabsoon hanga Bilisummaatti! Wareegamni hanga lubbuutti akkuma jennee Qabsootti seenne nuti GMWBOBA  bakka jirrutti Hidhannoo Mudhii hiikkannuus hidhannoo siyaasaa fi kaayyoo Naamusaa’ Dhaaba kenyaa kan ittiin masakamne kan dur-caala ittiin qaramnee akeekaa fi kaayyoo dhaaba keenya ABO galmaan ga’uuf Yoomuu dirqama dacha dachaa dabalannee hojjechaa jirra. dabalata  hojjannee hojjachiisuufiis qophiidha.
  2. Jaallan WBO Dirree falmii keessa jirtaniif dhaamsa Jaallummaa fi warraaqaasaa waliif dhaamnu
    Dhaabni keenya ABOn bakka har’a gahe kanaa fi QBOn geessise kana wareegama qaqqaalii Jaallan keenya lubbuu itti wareeganii fi gariin keenya qaamaa itti hirannee har’a lubbuun jirruun QBOn sadarkaa kana ga’uun’ ummata  oromoo oromiyaa guutuu keessati  Qabsoon FXGn finiinaa jiru Kun firii Gootowwan keenya fi Falmaa qabsaawooni Guutuu Oromiyaa bakkoota adda addaati wareegamaniin ta ‘uu isaa Ummatni Oromoo bal’ aan ragaadha.Wareegama Jaallan keenyaa Firii itti godhuu fi rarraga bilisummaa ummatni Oromoo Hawwaa ‘ eeggataa jiru kana dhugoomsuufi Bilisummaan fiixa baasuuf Jaallan Qabsoo! Bakka jirruu cimnee haa hojjennu Jenna.
    – WBO Zooliee addaa addaa keessa jirataniif’ Tarkaanfiilee laaleessaa Waraana MO/ Wayyaanee irratti fadhachaa jirtan nuus tahe dhalti Oromoo bakka jiruu Mataa olqabatee isiniin boonnee waan QBO irraa dubbachaa jira. Jaallan akkuma kaleessa Waadaa Qabsoo waliin seenne nuti GMWBOBA jirru har,as fageenyi fagoo utuu nu hin daangessiin Qaamaan isin biratti argamuun muuxannoo fi Hoggummaa Waraanaa ‘ dandeettii addaa addaa qabnu waliif qooduufi Battala seennee lollee waliin wareegamuuf qophiidha.
  3. Hawwii fi Abjuun Diinni ABO ‘ WBO dhabamsiisuuf abuurrattee ‘ humnaa namaa fi Dinagdee Guddaa itti dhangalaasee QBO fi ABO itti Duulaa jiru kana Qabsoon akka irra aannu Abdii guutuu qabna.ABO, ABO kan jechisiise ‘ cichummaa ‘ Murannoo fi kutannoo Hogganootaa ‘Miseensoota Deeggartoota ABOfi Ummatatni oromoo qabsoo irratti qaban  ta’uu dhaloonni haarayni  kabajaa fi jaalala guddaa isiniif qaba. Qabsoo sadarkaa amma irra jirtu kana irraa fuula duratti tarkaanfachiisuuf Hogganootni ABO muuxannoo qabsoo keessatti horattan of qusannoo tokko malee haala yeroo ammaa Oromiyaa keesatti Karaa qabsoo hidhannoofii FXG  kan qeerroo fi Ummata Oromootiin finiinaa jiru kun akka  yeroo gabaabduttu galii isaa rukutu hoggoonni keenya harka walqabatanii halkaniifii guyyaa kan dur caalaa qooda keessan akka  gumaachitan Waamicha Jaallummaa kabajaan isiniif goona.
  4. Ummata Oromoof. Haalli Amma QBOn keessa jirtu haala akkaan murteessaati.Yeroon tan harka maratanii dhaaba irrati QBO Eeganii miti. Ummatni Oromoo Qabsoo sadarka ol’aanaatti tarkaanfatee jirtu kana keessaatti qoodfudhannaan isaa Murteessaadha.Sirna gabroonfataa ofirraa hundeen buqqifnee Bilisummaa keenya gonfachuuf ummanni oromoo kan biyya Alaa jirtan dhaaba keenya ABOti Diinagdeen ‘yaadaan jaalalaan WBO fi qeerroo Bilisummaa oromiyaa Warraaqsa biyya keessaa finiine jiru kanatti akka dirmatan Gad-faginaan GMWBOBA yaamicha keenya goona. Akkuma bara 2015tti Hiriira biyyoota Alaatti Hawaasni oromoo addunyaa mara irratti guyyaa tokkotti qindeeffatee Sagalee Ummata keenyaa kan biyya keessaa tahuun Addunyaa dhageessisuun yeroon amma jenna. Dhumaatiin oromoo jabaattee waan deemaa jirtuuf diina kana Akka Addunyaa biratti dhegeettii dhabee qullaa dhaabatu daran godhuuf sagalee Ummata keenyaa haataanuu jechuun yaamicha oromoo maraaf goona.Kanaaf waan dandeessanii fi qabdaniin WBO Humneessuufii Hidhachiisutti yeroon dirmattaniis amma jenna. Nuti GMWBOBA/ Komonitiilee / /Jaarmaya Hawaasa oromoo/ Addunyaa irra jiru keessattiis Miseensoota. Qindoomina godhamu keessatti isiini waliin jiraachuu keenya hubachiifna .
  5. Walumaa galatti ummatni Oromoo kan biyya keesaa fi biyya alaa jirtan Maraaf. Wanni isin hubachiisuu feenu. Qabsoo bilisummaa Oromoo tan finiinaa jirtu kana gufachiisuu fi Qabsichati gufuu tahuuf warreen barbaadan kamiyyuu diina keessaa fi alaan dagee nu seenuuf Munyuuqataa jiru irratti dammaqamee jira.Eenyu eenyu akka tahaniis barree jirra. Qabsoo gootoonni ilmaan oromoo irrati wareegama qaalii itti kafalaniifi kafalaas jiran kana Murnnoota QBOti Abbaa tahuuf fiigaa jiran kanaan gadhaaphaa jennaan. xurii Seena hin gonfatina jenne yaamicha oromummaa isiniif goona.- Dhala Oromoo taatanii Warreen Motummaa gabroomfataa Saba bicuu Tigaray irraa dhalate TPLF kanaaf Waraanummaan qacaramtani  tajaajilaa jirtan’ Hojjattoota Waajjiroota Mootummaa keessa hojjatan  Akkasuma oromoo qulqulluu taatani OPDO keessa wareen jirtaniif. Diinni kun naasuu takka malee Fuula keessan duratti Obboleessa kee” Obboleetii Kee Abbaa’Kee Ayyoolee kee firootan kee  dhaloota oromtichaa siduratti Rasaasaan rashanu ykn fixaa jiru waliin hiriirtee Gochaa ilma namaa irratti hin raawwatamne yommuu oromoo ati keessaa dhalate irrati raawwatumu maaltu sitti dhagahama?Of dhaqabi of dandamachiis jennee siif dhaamna gabaabati. Seera yakkamtoota Addunyya duratti yeroon gooftoleen kee dhihaatan fagoomiti Murtii hatatama fudhuu qawwaa harkaa qabdu Waraana Weerartuu TPLFti Akka Gara galchitu  GMWBOBA yaamicha. siif godha.
  6. Falmaa Hadhooftuu  Diina irratti geggeeffamaa jirtu kana Gamtaan QBO finiisuuf Dhaabooni Oromoo kan Bilisummaafi Walabummaa Oromiyaatti amantan rakkoolee tarrisuu ‘ wal amanuu dhabuu ‘wal-qoxisuu irraa guddatanii haala QBOn irra geesse wajjiin akka tarkaanfataniifi Ballama Ummataaf seentan Guuttanii akka argamtan kabajaan dhaaboota oromoo maraaf yaamicha keenya. goona.
  7. Hayyootan Oromoof-Nuti GMWBOBA Biyyoota addunya  keessa  facaanee jirra.  Hayyoottan keenya akka gaafa qabsoo hidhannoo daggala keessa godhaa turre irrati abdachaa turre sana yommuu biyya alaa kana dhufene iirraa hin argine.bakka itti eegnetti hin argine dhaamsi Nuti qabsaawoonni GMWBOBA isiniif qabnu Mooraa QBO keessatti of argaa jenna.irra guddaan keessan alaa mullattu. Rakkoolee QBO irraa  hin dheessina . Mooraa QBO irraa fagaachaa jiraachuu keessa of argaa jirtuu? Boru seenaan itti isin gaafachiisa.GMWBOBA kabajaafii Jaalala hayyootan keenyaaf qabnuuf jecha dhaamsa kana dabarfanne. Akka Moora QBO keessa mul’atanii Gorsitoota’ Mahaandisoota Hegeree Bulmaata oromiyaa pilaana lafa keessaniifi dhaloota amma qabsoo finiinsaa jiruuti dabarsitan gaafanna. Dhaaboota qabsoo irra jiran hafuurri tokkummaafi oromummaa akka jidduu isaaniitti margu warri godhu isini jennee abdachaa turre. Garuu bakka sanatti isin hin aragine.warreen Abdi Murannaa tokko malee rakkoolee Mooraa QBO keessatti dhalate  tasgabeessuuf tattaaffii guddaa godhaa turtani ammallee qaamaan QBO irraa hirmaachaa jirtan galanni keessan bilisummaadha jenna. Warreen hababashaaf / Ethiophiyummaaf / gororaa jiratan dukkanatti ija hin dhiibinaa gajjaajjaa jenna. Ummata keenya kan dheebuu bilisummaa qabu Ethiyoophiyaa dulloomtuu dura qaqabdanii hin joonjeessina.adeemsa QBO waliin yoo deemtan irra isiniif wayya .jennee  waamicha isiniif goonaaf.
  8. Jaallan Miseesoota WBO dirree qabsoo turaniif, GMWBOBA Mi/ WBO Warreen Sababoota Adda addaatiin dhaaba irraa Addaa bahanii biyyoota ollaafii biyyoota Sadeeffaati hiree baqatummaa argatanii biyya Ala bahan warreen irbuu kaleessa QBOf seenaniifi kayyoo ABOtii ala hin bahin kan dhaabbii qulqulluu dur irbuu itti seenan irraa ala hin bahin’ warreen Gochaa farruummaa irraa qulqulluu tahanii yaamicha  goona.Rakkoolee qunnamtiifii Jireenya biyyaa ambaa tan keessa jiraataniitiif hiree Mi/ GMWBOBA tti Miseensoomuu hin argatin Caasaaleen teenya Guutuu Addunyaa Keessa waan jirtuuf Kutaaleefii Konyaalee ABO gaafattanii Akka of galmeessitan kabajaa Jaalluummaatiin GMWBOBA Yaamicha isiniif godha..
GMWBOBA irraa
Injifannoo Ummata oromoof

No comments: