Monday, August 22, 2016

#OromoProtests

Goota Oromoo Fayisaa Leelisaa Ilaalchisee Ibsa ABO irraa kenname: Gaafa: 22/08/2016
Date:
ADDA BILISUMMAA OROMOO
OROMO LIBERATION FRONT
Ilma Ummatni Oromoo Itti Boonuu Qabu
Addunyaan Itophiyaa akka lamatti beeka. Mootummootni Itophiyaa empaayera humnaan
ijaaramte humnaan tikfatuu fi dantaa isaanii guuttatuuf jecha hacuuccaa fi saaminsa
gaggeessaniin biyyoota addunyaa jiran keessaa biyya hiyyeettii maayii taasisuu fi biyya
ummatootni kumoota dhibbaan sababa beelaan keessatti dhuman tahuun beekan. Dhugaan kun
sirna ykn mootummaa tokko jalatti qofa osoo hin taane mootummoota hunda keessatti
mul’atuun Itophiyaan maqaa salphinaa kana jalaa akka hin baane taasise.
Itophiyaan kan ittiin beekamte kan biraa waltajjii ispoortii ti. Waltajjii nagaa kana irratti maqaa
Itophiyaa kan waamsisan irra hedduun ilmaan Oromoo ti.
Ilmaan Oromoo waltajjii ispoortii irratti maqaa Itophiyaa bareechan:
1974 dura, Abbabaa Biqilaa, Maammoo Waldee, Waamii Birraatuu……
1991 dura, Muhammad Kadir, Tolasaa Qottuu, Abbabaa Makonnin, Fiixaa Baay’isaa, Warquu
Biqilaa…..
1991 irraa eegalee, Daraartuu Tulluu, Faaxumaa Roobaa, Xirunesh Dibaabaa, Ganzabee
Dibaabaa, Ijjigaayyoo Dibaabaa, Qananiisaa Baqqalaa, Silashii Sihiin, Taarikuu Baqqalaa,
Almaaz Ayyaanaa, Masarat Daffaar, Fayyisaa Leellisaa, Amaan Kadir……….
Atleetotni kanneen dorgommii adeemsifamuun injifannoo argataniin maqaa Itophiyaa sababa
beelaan xuraawe akka atletiksiin beekamtu taasisuun salphinaa fi qaanii irra caalaa irraa
dandamachiisuu keessatti qooda guddaa kennan. Maqaan Itophiyaa waltajjii ispoortii irratti
akka miidhagee mul’atu taasisuun gumaacha kennan illee Itophiyaan maqaa isii cululuqee akka
mul’atu taasisan garuu gayyaa itti tahuu irraa kabajaa isaaniif malu hin laanneef. Abbabaan
shira irratti hojjatameen miidhaa ol aanaan qaamaa hiruu tahee osoo hiraaruu boqote. Maatiin
isaa illee mootummaa biyyaa irra gargaarsa mootummaa alagaan jiraatuu seenaan isaanii ni
dubbata. Maammoo Woldee Kuma kudhanii fi maaraatooniin waltajjii Olompikii irratti faaruun
Itophiyaa akka faarfamu taasise waggoota dheeraaf Wayyaaneen hidhamee hidhaa keessatti
dararamaa akka ture hin dagatamu.
Maqaa Itophiyaa addunyaa biratti lammiilee biyyattii mataa gadi qabachiisan, Itophiyummaan
qaanfachiisaa tahuu irraa dhokfatuun filatamu hanga tokko kan qaanii jalaa baase atleetota
Oromoo ti jechuutu danda’ama. Atleetotni Oromoo kunneenis hacuuccaa fi cunqursaan osoo
irra jiruu tattaaffii matayyaan dandeettii horataniin kan ol bahan tahuun hubatamuu qaba.
Olompikii hirmaatan irratti seenaa tolchuun ilmaan Oromoof haaraa tahuu baatullee kan barana
Biraazil, Riyo-tti adeemsifame garuu seenaa addaa Oromoo fi Addunyaa irratti galmeessuun
xumurame. Maqaa Itophiyaa sababa dorgomaa dandeettii hin qabneen itti qoosamaa ture,
Fayyisaa Leellisaa injifannoo galmeessuun bareechuutti dabalee, loogummaan ispoortii keessa
illee jiraachuu irraa aangawootni biyyattii dandeettiin alatti nama fedhan kan hirmaachisan
tahuu saaxile.
Hundaan olitti ammoo ummata isaa ummata Oromoo irratti ajjeechaan sanyii duguuggii raawwatamaa akka jiru, firoottan fi lammiileen Oromoo karaa nagaa mirga isaanii gaafatan mootummaa abbaa irree Wayyaaneen ajjeefamaa fi hidhaatti guuramaa akka jiran addunyaa hubachiisuun, mootummaa Itophiyaa balaaleffatee aantummaa ummataaf qabu ifatti agarsiise.
Akka kanaan Fayyisaa Leellisaa badhaasa Riyo-tti argateen olitti seenaa bara baraan yaadatamu galmeesse. Jaalala kijibaa fi badhaasa mootummaa abbaa irree irraa argamu irra ummata isaa caalsifatee qabsoo bilisummaa ummatni itti jiru kan deggeru tahuu mallattoo Fincila Diddaa Gabrummaa harka qaxxaamursuun addunyaa beeksifate. Ummatni Oromoos tarkaanfii gootummaa ilma Oromoo kana ashuu jedhee gammachuun simate. Bara baraan onnee isaa keessa jiraata, goota yeroo rakkoo fi dhiphuu waan taheef.
Tarkaanfiin Fayyisaa Leellisaa Ilmaan Oromoo ofiif miidhamaa fi sobamaa maqaa mootummaa kanaa bareechanii fi tiksaniif barnoota guddaa kenna. Beekkannoo yeroo qofaan dagamanii ummata isaanii irraa fagaatuu irra ummata waliin hiriiruun maqaa bara baraan jiraatu kaa’anii dabruu qabanii dhaamaaf. Addatti ammoo ilmaan Oromoo waraana Wayyaanee keessatti hiriiranii jiran kan dhumaatii lammii isaanii callisanii ilaalan, kanneen caasaa tikaa fi bulchiinsa keessatti ramadamanii lammii isaanii ajjeesisaa fi hiisisaa jiran tarkaanfii boonsaa atleet Fayyisaa Leellisaa irraa baratuu qaban.
ABOn gootummaa Fayyisaa Leellisaa dinqisiifataa lammiileen Oromoo hiree itti qaban hundi isa cinaa hiriiruun gargaarsa barbaachisu hundaan akka bira dhaabbatan waamicha isaa dabarsaa, atleetotni hafanis faana isaa akka bu’an yaadachiisa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya 22, 2016

No comments: