Wednesday, August 31, 2016

#OromoProtets

#OromoProtests 
Amaanaa goototaa
Kan fuudhanii dhufan,
Tokkoof lamaa miti
Goottan lammiif kufan,
Kumaatamaa _jira
Falmaa itti fufan!
Kan lammiif quuqaman
Gudeedni oromtichaa,
Musxafaa Husseeniif
Galataa Itichaa,
Diina ajjeesanii kufan
Seenaanis tokkichaa,
Gumaa jaallan keenyaa
Bilisummaat galcha.
Maqaa keessan qorree,
Siidaa isinii dhaabnaa,
Galmee goototaa irratti
Dhiigaan barreessinaa,
Lammiidhaaf haa kennu
Obsaaf jajjabinaa,
Rabbirraa jannata
Isiniif hawwina.
------------------------------------
Munawar Laga Arbaa tin.

No comments: