Thursday, August 25, 2016

#OromoProtests

                                 Oromiyaa
Oromiyaa, Lafa jiituu Bona birraa - Malkaan hedduu lageenirra.
Gaaffii seenaa situ furaa - Qe`ee Oromoo Oromummaa
Madda keenya kan ganama.
Ijoolleenkee kan beekanii -  Biyyaa horii biyya loonii.
Ganda quufaa qe`ee nyaata - Gabroomuun kee maaliif laataa?
Qe`e abbaa ababayyuu - Hundee Oromoo akaakayyuu.
Siinan jedhaa Oromiyaa - Nan dhageessu abbaa biyyaa.
Maaltu taanaan jala seente - Alagaadhaan ukkaamamtee
 Bara dheeraaf sassaamamtee -  Hiree dhabdee tuffatamte.
Beekaa dhabdee Manguddoota - Kan siif cichu qabsa`ota?
Dargaggoomoo goota dhabde - Gadadamtuun maaf siqabdee?.
Onneetu badee kan dargaggoo - Nuti hintaanuu warra aangoo.
Dargaggootafi shammarranisoo - Hedduu qabda nama qabsoo.
Jaarsaaf jaartii heedduu baattee -  Qabeenyaa kee ormaaf laatte.
Eenyuun dhiistee kam komattaa - Qaanyii hin beeknee Ufii baatta.
Buddeen qaanyii kan nyaatani - Saalfii borii hin beekani.
Hortee galtuu nafxanyootaa - Nafxii baatee sirra kaata.
-------------------------------------------------------------------------
Kaan ilmaankee kana laalaa - Sisaamuyyuu wajjin yaalaa
Qaanyii hin beeku hin saalfanne - gabroomuukeef karaa bane
Kaanis jira kan siif yaadu - Afaan qofaan kan siif gaddu
Hidhii xuuxee yaadaan waamaa - Ni abbala qabsaa`ummaa
Garuu, murannoodhaan hin birmatu - Qabsoof jedhee hin buxxunnatu
Yaada qofaan ofoggolaa - Oldeebi`ee oduu qala
Gadi ba`ee iddoofnolmu - Qabsoo dirree Oolmaa hin godhu
Rakkoo qabsoo du`a se`a - Sodaa  kanaan Ofis fe`a
Shakkii kanaan diina  baata - Qabeenyasaas ormaaf laata.
Diidaa dhufee itti foggalee - Obbolaasaa qabee qalee
shamarransaa fuudhee gale.
Gadaa gatee maqaa durii - Nifaallate maqaa Xurii
Dargaggummaan maal fakkaataa, jufunfuluun maaliif laataa?
meeqa nuti darggaggootaa, gola keessa maalfaa gootaa
Yeroon ammaa kan ciisanii ol-galani kan ta`ani?
diinqa teenye maalfaa goona - darggaggummaan silaa yoona
--------------------------------------------------------------------------------
Yeroo ummanni nutti iyyatu - Harka afarsee nu yaammatu
Numa ture kan birmatu.
Maaloo ka`aa  yaa dardaraa - Saalfii hin baannu kan galgalaa.
Faachi faayaan mana dhufe -  nafxiin haaraa nutti dhufe
Honnee qabna kan sabummaa - Maaloo banne Oromummaa
Erga durii nuttu marsu -  Ammas kunoo nutti Hafarsu
Nigowwamnaa bara baraan, ni bitamnaa qadandalaan
Maal abdanne maaliif  tenya - Ya dargaggoo kun jireenya?
Nutti tolaa gola ta`uun - Diinqa harmee keessa ya`uun.
Sirba dhaqnee waweellisuun - Faacha hin qabnee Uftaasisuun
Aadaan keenya goota faarsaa - Mee kakasaa warri jaarsaa
Maaloo ka`aa wawawaannaa - Diina Ufirraa lololanna
Dirqamichas Ufbaafannaa - Yoosu argannaa bilisoomnaa
Kanafeetee Oromiyaan - Kanaaf tola dargaggummaan
Abbaa boree biyya baasa- Bilisumma babadhaasa
Horatteetti jagna namaa - kan dhalootaa kan ganamaa
Siif qabsa`a wareegama - Gammachuunsaa dhufa amma
Siif qabsa`a wareegama - Gammachuunsaa dhufa amma

No comments: