Monday, August 1, 2016

#OromoProtests


#OromoProtests, July 31, 2016

(SBO/VOL – Adoolessa 31,2016) Adoolessa 30,2016 Humni Addaa WBO Godina Bahaa, halkan keessaa sa’aa 11:00tti magaalaa Harar bakka Shankoor jedhamutti waraana wayyaanee irratti dhukaasa baneen loltoota wayyaanee 3 ajjeesee, 4 madeessee jira.
Adoolessa 28,2016 Humni Addaa WBO Godina Bahaa, Lixa Harargee Ona Ciroo bakka Dhagaa Cabsaa jedhamutti tika wayyaanee G/Tsaadiq W/Mikael jedhamu Bahaa fi Lixa Harargee keessa sossohuun ilmaan Oromoo miisisaa ture halkan keessaa sa’aa 12:30tti tarkaanfii irratti fudhateen galaafatee jira.
Basaasni wayyaanee kun maqaa sadiin kan socho’u oggaa ta’u, maqaan isaa inni biraan ammo Muraad ykn Abdii jedhamuun akka yaamamu barameera.
Adoolessa 26,2016ttis Humni Addaa WBO Lixa Harargee Ona Bookee magaalaa Kurfaa Roqaa keessatti lukkee diinaa gorfamee irraa dhaabbachuu diduun warraaqsa biyyaalessaa FXG deemaa jiru dura dhaabbachuun namoota diinaaf saaxilaa ture Muktaar Muusaa jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen ajjeesee jira. Via Moses Gada


#‎OromoProtests‬-Diddaa fi mormii Oromoo Awwadaay dhaabuuf Wayyaaneen human guddaa itti bobbaastee jirti. Ummatis kutannoodhaan yeroo ammaa kana diddaa isaa itti fufeera. Via Dhábasá W. Gemelal
awaday
Kuni mu’az abdulhamid AWADAY irratti kan wayyaaneen dhahameedha.
13882673_906072916164456_2891670145043826445_n
#‎OromoProtests‬ Four people have been shot in Awaday, East Hararge. July 31, 2016
1. Ahmed Yusuf / Gadaa
2. Muaz Abdulhamid Umar
3. Barkalle
4. Bayane Demsho
=================
Salphina Kaabinee OPDO kana laalaa mee? Warruma ollaatirraayis waa hin barata
Ummanni Oromoo baadiyyaa naannawa Aawwadaay maal eegdan ilmaan Oromoo dhumaa jiran
Dhiigni lammii haa isinitti dhagayamuu
Mancaa fi qottoo fudhadhuu bahi. Tokko nyaataas milishootarraa hiikkadhu.
Yaa ilmaan Oromoo Joolleen Aawwadaay dhumte
Mee warri Haramaayaa, Addeellee, Qarsaa, Dhangaggoo, Qarsaa, Hammarreessaa fi Baadiyyaa daddafaa ilmaan Oromoo dhaqqabaa

‪#‎OromoProtests‬-Massive peaceful protests continues as residents of Asaasaa, West Arsi, burning down the repressive administrative institutions today 30/07/16.
=====================
Diddaan Oromoo roga hundaan itti fufee jira; mormitooti godina Arsii Lixaa, Aanaa Gadab Hasaasaa Magaalaa Xijoo Waqanxeeraa guyyaa har’aa waajjira bulchiinsaa ummata hiraarsaa ture ibiddaan barbaadeessaniiru. Via Dhábasá W. Gemelal
13880400_10208925285881116_8565016023090947572_n10402918_10208925286121122_7564031396188261259_n

‪#‎oromoprotests‬. HINJIFANNOO KEENNA.
Lafa Qonnaa Goofar (ጎፈር) jedhama. Arsii Lixaa, aanaa Kofaleetti argama. Midhaan as irraa qotamu odoo ummanni naannoo beela’uu dabree bakka hin beekamnetti fe’amuu ture. Ummanni gidduu kana fincilatti ture tarkaanfii lafa qonnaa kana deebisanii dhunfachuuf fudhateen injifannoo galmeessee jira. Amma yoo xiqqaate kunoo loon Oromoo bilisummaadhaan dheedaa jiru. Injifannoo salphaa miti. Duumessi giraaba gamaa san irraa ititee mul’atus bilisummaa guutuu rooboof waan qophaahe fakkaata. Hin shakkinaa, biiftuunis kuunnoo mul’attee jirti.  Via Mohammednur Guye
13880279_905544282883986_1415241070017016907_n

No comments: