Wednesday, August 3, 2016

#OromoProtests

‪#‎OromoProtests‬ 
HIRIIRA_SANBATAA!
Ka'i lafaa Qeerroo 
garaa kamiin rafta?
Mirga simulqame
Falmattee deebiftaa,
Sirritti qophaawi
Hiriira sanbataa
Birmadummaa tantee
Siitu mirkanfata.
Tokkummaan sosso'ii,
Gabroomfamuu didii,
Shanyii Gootowwanii
Sirraan qaba abdii,
odaan hin buqqa'uu,
Gad fagaata hiddii,
Siin dhaadatti qeerroo
Oromiyaan siqabdii
Hanga yoomi gadheen
Kotteduudaa dhaaddi?
Bahiitii garsiisi
Murannoof Tokkummaa,
Warra gadaan bule
Tola jiruu namaa,
Hundee dimokraasii
Seenaa teetu himaa,
Oromiyaan tee tahuu
Eenyutu siin falma?
Jiini isaa hagayyaa
Guyyaan isaatis jahaa,
Baddaafi gammoojjis
Gama maraa bahaa
Hiriira nagayaa
Dirretti Walgahaa,
Tokkummaa keessaniin
Dhiigni lammii baha.
Sanbata as deemu
Qophiidhaan eegganna,
Dammaqinaan baanee
Tarsiimon masakamnaa,
Guyyaan kun jabaadha
Laayyottin laalinaa!
Guyyaa itti gonfannu
Kabajaaf ulfinaa,
waan raajii hojjannee
Seenaa galmeessina.
‪#‎Munawar_Laga_Arbaa‬ tin
Hagayya 2/2016

No comments: